Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 7

Nama Ija Jabeessa Ta’e

Nama Ija Jabeessa Ta’e

LAKKOOFSI namootaa yommuu lafarratti baay’achaa adeemetti, baay’eensaanii akkuma Qaayin waan gadhee hojjetu turan. Haata’u malee, namni tokko garuu isaanirraa adda ture. Namichi kun maqaansaa Henok jedhama. Henok nama ija jabeessa ture. Namoonni naannoosaatti argaman hundi wantoota baay’ee gadhee ta’an raawwatu turan; inni garuu Waaqayyoon tajaajiluusaa itti fufe.

Namoonni bara sana turan wantoota gadhee ta’an baay’ee kan raawwatan maaliif akka ta’e beektaa? Mee yaadi, Addaamiifi Hewwaan, Waaqayyoof akka hin ajajamneefi ija mukaa Waaqayyo hin nyaatinaa jedhee isaan dhowwe akka nyaatan kan godhe eenyudha? Eeyyee, ergamaa hamaa tokko ture. Macaafni Qulqulluun ergamaa hamaa kana Seexana jedhee waama. Ergamaan kun, namoonni hundinuu hamoo akka ta’an gochuuf carraaqaa jira.

Yihowaan gaaf tokko, wanta isaan dhaga’uu hin barbaanne akka itti himuuf Henokiin gara namootaatti erge. Ergaansaas, ‘gaaf tokko Waaqayyo namoota hamoo hundumaa akka balleessu’ kan dubbatu ture. Namoonni sun yeroo kana dhaga’anitti utuu hin aarin hin hafne. Tarii, Henokiin ajjeesuu yaalanii ta’uu danda’a. Kanaafuu, Henok wanta Waaqayyo gochuuf jedhu namoota sanatti himuuf, ija jabeessa ta’uu isa barbaachisa ture.

Waaqayyo, Henok namoota hamoo sana gidduu yeroo dheeraadhaaf akka jiraatu hin heyyamne. Henok kan jiraate waggoota 365 qofa ture. “Waggoota 365 qofa” kan jennu maaliifi? Sababiinsaas, namoonni bara sana turan namoota bara keenya jiran caalaa jabina waan qabaniifi waggoota dheeraa jiraachuu danda’u turan. Kanaafuu, ilma Henok kan ta’e Matusaalaan waggoota 969 jiraateera!

Erga Henok du’ee boodas, namoonni caalaatti hamoo ta’ani. Macaafni Qulqulluun, ‘wanti namoonni guyyaa hundumaa garaasaaniitti yaadanii qopheessan hundinuus jal’ina duwwaa’ akka ta’eefi ‘lafti humnaan walirratti ka’uudhaan akka guutamte’ dubbata.

Bara sanatti lafti rakkina akkasiitiin kan guutamte maaliif akka ta’e beektaa? Seexanni, namoonni wanta gadhee ta’e akka raawwatan gochuuf mala haaraa waan baafatee tureefidha. Kanatti aansinee waa’ee kanaa baranna.