Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 1

Waaqayyo Wantoota Adda Addaa Uumuu Jalqabe

Waaqayyo Wantoota Adda Addaa Uumuu Jalqabe

WANTOONNI gaggaariin qabnu hundinuu, Waaqayyo biraa kan argamanidha. Guyyaa akka ifa argannuuf aduu, galgalammoo ifa xiqqoo akka argannutti, addeessaafi urjii uume. Akkasumas, Waaqayyo akka irra jiraannuuf lafa nuu uume.

Haata’u malee, wantoonni Waaqayyo jalqaba uume aduu, addeessa, urjiifi lafa miti. Wantoonni inni jalqaba uumame maal akka ta’an beektaa? Waaqayyo jalqaba qaamota hafuuraa isa fakkaatan uume. Akkuma Waaqayyoon arguu hin dandeenye, qaamota hafuuraa kanas arguu hin dandeenyu. Macaafni Qulqulluun qaamota hafuuraa kana ergamoota jedhee waama. Waaqayyo, ergamoota kan uume, samii keessa akka isaa wajjin jiraataniifidha.

Ergamaan Waaqayyo jalqaba uume, baay’ee adda ture. Ergamaan kunis, Ilma Waaqayyoo isa hangafa yeroo ta’u, Abbaasaa wajjinis hojjeteera. Yeroo Waaqayyo wantoota garabiraa hunda uumettis isa gargaareera. Yeroo Waaqayyo aduu, addeessa, urjiiwwaniifi lafa uumutti isa gargaaraa ture.

Yeroo sanatti lafti maal fakkaatti turte? Jalqabarratti, eenyuyyuu lafarra jiraachuu hin danda’u ture. Garba guddaa guutummaa lafaarra ciisee jiruun alatti wanti garabiraan hin jiru ture. Amma garuu, Waaqayyo namoonni lafarra akka jiraatan barbaade. Kanaafuu, wantoota addaddaa nuu qopheessuu jalqabe. Maalfaa godhe?

Jalqaba lafti ifa argachuu ishee barbaachisa ture. Kanaafuu, Waaqayyo ifni aduu lafarratti akka ba’u godhe. Karaa kanaanis, halkaniifi guyyaan akka jiraatu godhe. Itti aansees, Waaqayyo lafti bishaanicha keessaa akka ol ba’u godhe.

Jalqaba lafarra homtinuu hin jiru ture. Lafti wantuma fakkii kanarratti argitu fakkaatti turte. Abaaboon, mukti ykn bineensi irra hin turre. Bishaan keessas qurxummiin hin jiru ture. Waaqayyo lafa kana namootaafi bineensaaf mijeessuuf, hojii baay’eetu isa eega ture.