Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 107

Isxifaanos Dhagaadhaan Rukutame

Isxifaanos Dhagaadhaan Rukutame

NAMNI asirratti jilbeenfatee argitu kun Isxifaanos jedhama. Isxifaanos bartoota Yesus warra amanamoo keessaa tokko ture. Amma garuu waan isarra ga’aa jiru ilaali! Jarri kun dhagaawwan gurguddaadhaan isa rukuchaa jiru. Waan akkasii kana hamma isarratti raawwatanitti baay’isanii kan isa jibban maaliifi? Mee haa ilaallu.

Waaqayyo, Isxifaanos dinqiiwwan akka raawwatu isa gargaareera. Namoonni kun kana gochuusaatti hin gammadne. Kanaafuu, namoota dhugaa barsiisuusaatiin isa mormuu jalqaban. Haata’u malee, Waaqayyo Isxifaanosiif beekumsa guddaa kenne; innis wanti isaan barsiisan soba ta’uusaa ibse. Kunis caalaatti isaan aarse. Kanaafuu, isa qabanii namoonni waa’eesaa akka sobaan dubbatan godhan.

Hangafni lubootaa, ‘wanti jedhamu kun dhugaadhaa?’ jedhee Isxifaanosiin gaafate. Isxifaanos Macaafa Qulqulluurraa caqasuudhaan deebii kenne. Dhumarrattis, namoonni hamoon yeroo dheeraa duraa kaasee raajota Yihowaa akka jibbaa turan itti hime. Achiis: ‘Isinis akkuma namoota kanaati; tajaajilaa Waaqayyoo kan ta’e Yesusiin ajjeestaniittu; ajaja Waaqayyoos hin fudhattan’ isaaniin jedhe.

Jechisaa kun geggeessitoota amantii garmalee aarse. Aariidhaanis ilkaansaanii itti ciniinnatan. Isxifaanos garuu mataasaa ol qabee: ‘Kunoo, ani Yesus gara mirga Waaqayyootiin samiirra dhaabatee nan arga’ jedhe. Yeroo kana, akka isa hin dhageenyetti gurrasaanii cuqqaallatanii garasaatti fiigan. Boodas, qabanii gototuudhaan magaalattii keessaa isa baasan.

Achiis, uffatasaanii ofirraa fuudhanii dargaggeessi Saa’ol jedhamu tokko akka isaaniif eegu godhan. Saa’oliin ni argitaa? Sana booda, jara keessaa tokko tokko Isxifaanosiin dhagaadhaan rukutuutti ka’an. Akkuma asirratti argitutti, Isxifaanos jilbeenfatee: ‘Yaa Yihowaa waan hamaa godhan kanaaf isaan hin adabin’ jedhee kadhate. Isaan keessaa tokko tokko kana kan godhan geggeessitoonni amantii waan isaan gowwomsaniif akka ta’e beeka ture. Sanaan boodas Isxifaanos ni du’e.

Utuu namni tokko waan hamaa sirratti hojjetee, deebistee hamaa irratti hojjechuu yaaltaa? Ykn Waaqayyo akka isa adabu ni kadhattaa? Isxifaanosiifi Yesus akkas hin goone. Namoota isaanitti hammaataniifillee waan gaarii godhaniiru. Nuyis akkumasaanii gochuu haa yaallu.