Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 106

Mana Hidhaatii Gadhiifamuu

Mana Hidhaatii Gadhiifamuu

ERGAMAA balbala mana hidhaa bane kana ilaali. Ergamoota Yesus gadhiisisaa jira. Mee maaliif akka hidhaman haa ilaallu.

Erga hafuurri qulqulluun bartoota Yesusirratti bu’ee yeroo xinnoo qofaatu darbe. Gaaf tokko waaree booda, Phexrosiifi Yohannis gara mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu dhaqan. Achis, balbala dura nama umuriisaa guutuu hir’ina qaamaa qabu tokkotu jira ture. Namoota gara mana qulqullummaa dhufanirraa qarshii akka kadhatuuf guyyaa hundumaa baatanii as isa fidu turan. Phexrosiifi Yohannisiin yommuu argu, qarshii isaan kadhate. Ergamoonni kun maal godhu laata?

Dhaabatanii namicha rakkataa kana ilaalan. Achiis, Phexros: ‘Ani qarshii hin qabu; waanan qabu garuu siifan kenna. Maqaa Yesusiin ka’ii asiifi achi deddeebi’i!’ jedheen. Phexros harka mirgaatiin namicha qabee ol kaase; innis yeruma tokkoon ol utaalee asiif achi deddeebi’uu jalqabe. Namoonni kana yeroo argan baay’ee dinqisiifatanii gammadan.

Phexros: ‘Dinqii kana kan hojjenne humna Waaqayyoo isa Yesusiin du’aa kaaseenidha’ jedhe. Utuma inniifi Yohannis dubbachaa jiranii, geggeessitoonni amantii ni dhufan. Phexrosiifi Yohannis Yesus du’aa akka ka’e namoota barsiisaa waan turaniif jarri kun baay’ee aaraniiru. Kanaafuu, qabanii mana hidhaatti isaan geessan.

Guyyaa itti aanutti geggeessitoonni amantii walga’ii guddaa qabu turan. Phexrosiifi Yohannis namicha fayyifame sanaa wajjin achi geessaman. Geggeessitoonni amantii sunis: ‘Humna maalitiin dinqii kana hojjettan?’ jedhanii isaan gaafatan.

Phexros, kana kan godhan hafuura Waaqayyoo isa Yesusiin du’aa kaaseen akka ta’e itti hime. Geggeessitoonni amantii sun, dinqiin kun raawwatamuunsaa soba jechuu waan hin dandeenyeef waan godhan wallaalan. Kanaafuu, lammata waa’ee Yesus akka hin dubbanne akeekkachiisanii isaan gadhiisan.

Yeroo booda, ergamoonni waa’ee Yesus barsiisuufi warra dhukkubsatan fayyisuusaanii ittuma fufan. Waa’een dinqiiwwan kanaas bal’inaan odeeffame. Kanaafuu, namoonni mandaroota naannoo Yerusaalem jiran dhukkubsattootasaanii ergamoonni akka fayyisaniif fidanii dhufan. Kunimmoo geggeessitoonni amantii akka hinaafan waan godheef, ergamoota qabanii mana hidhaatti galchan. Haata’u malee, hidhamanii baay’ee hin turre.

Akkuma asirratti argitutti, halkanuma sana ergamaan Waaqayyoo tokko balbala mana hidhaa bane. Ergamichi: ‘Asii ba’aatii gara mana qulqullummaa dhaqaa; namoota barsiisuu keessanis itti fufaa’ isaaniin jedhe. Buleesaa ganama, geggeessitoonni amantii ergamoota garasaaniitti akka fidaniif namoota yommuu ergan isaan hin jiran turan. Boodas, mana qulqullummaa keessatti yommuu barsiisan arganii gara galma walga’ii guddaatti isaan fidan.

Geggeessitoonni amantii: ‘Lammata waa’ee Yesus akka hin barsiisne jabeessinee isin ajajnee turre; isin garuu barumsa keessan Yerusaalemitti babal’ifattaniittu, guuttaniittus’ isaaniin jedhan. Achiis, ergamoonni: ‘Namootaaf caalaa Waaqayyoof ajajamuu qabna’ jedhanii deebisaniif. Kanaafuu, ‘misiraachicha’ lallabuusaanii itti fufan. Fakkeenya kana hordofuun keenya gaarii mitii?