Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 111

Mucaa Muge

Mucaa Muge

MAALOO! MAALOO! Asirratti maaltu ta’aa jira? Mucaan kufe kun baay’ee miidhamee laata? Namoota mana keessaa ba’aa jiran keessaa inni tokko Phaawulosidha! Ximotewosinoo argitee? Mucichi foddaarraa kufee?

Eeyyee, foddaarraa kufe. Phaawulos bartoota Xro’aas jiran barsiisaa jira ture. Guyyaa itti aanutti magaalattii gadhiisee markabaan waan adeemuuf, yeroo dheeraadhaaf akka isaan hin argine beeka ture. Kanaafuu, hanga halkan walakkaatti isaan barsiisuusaa itti fufe.

Mucaan Oyxikoos jedhamu kun, foddaarra taa’ee utuu jiruu hirribni waan isa fudhateef fooqii sadaffaarraa kufe! Kanaafuu, namoonni kun maaliif akka na’an hubachuu dandeessa. Yeroo jarri mucicha lafaa kaasan akkuma isaan sodaatan du’eera!

Phaawulos mucichi du’uusaa yommuu argu irra ciisee hammateen. Achiis: ‘Hin sodaatinaa. Mucichi fayyaadha!’ isaaniin jedhe. Dhugumayyuu fayyeera. Dinqiidha! Phaawulostu du’aa isa kaase. Namoonni achi turanis gammachuudhaan guutaman.

Hundumtuu gara fooqiitti ol ba’anii irbaata nyaatan. Phaawulos hanga bari’utti haasawaasaa itti fufe. Oyxikoos garuu lammata akka hin rafne beekamaadha. Achiis, Phaawulos, Ximotewosiifi namoonni isaanii wajjin adeeman markaba yaabbatan. Eessa akka dhaqan beektaa?

Phaawulos adeemsa lallabaa isa sadaffaa fixee gara biyyasaatti deebi’aa jira. Phaawulos adeemsasaa kanarratti magaalaa Efesoon qofa waggaa sadii ture. Kanaafuu, adeemsisaa kun isa lammataarrayyuu yeroo dheeraa fudhateera.

Xro’aasii erga ba’anii booda, markabichi mandara Miilexoostti yeroo xinnoodhaaf dhaabate. Efesoon kanarraa waan fagoo hin taaneef, Phaawulos yeroo dhumaatiif isaan haasofsiisuuf, jaarsoliin gumii Efesoon gara Miilexoos akka dhufan nama isaanitti erge. Booda, sa’aatiin markabichi itti adeemu ga’ee, yommuu Phaawulos nagaatti isaaniin jedhu hangam gaddu laata!

Dhumarratti markabichi gara Qiisaariyaatti deebi’e. Phaawulos magaalaa kana keessa mana Filiphos utuu jiruu, Agaabos raajichi isa akeekkachiisee ture. Phaawulos gara Yerusaalem yommuu dhaqu akka hidhamu itti hime. Dhugumayyuu, akkuma inni jedhe ta’e. Achiis, Phaawulos Qiisaariyaatti waggaa lamaaf erga hidhamee booda, mootii Roomaa duratti firdiidhaaf akka dhihaatu gara Roomaatti ergame. Gara Roomaa utuu deemu waan isa mudate haa ilaallu.