Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 113

Phaawulos Roomaa Keessatti

Phaawulos Roomaa Keessatti

SANSALATA Phaawulosirra jiruufi loltuu Roomaa isa eegaa jiru ilaali. Phaawulos Roomaatti hidhamee jira. Waan Mootiin Roomaa murteessu eeggachaa jira. Bakka hidhameetti namoonni dhufanii akka isa gaafatan heyyamameefii ture.

Phaawulos gara Roomaatti erga geessamee guyyaa sadii booda, geggeessitoonni amantii Yihudii tokko tokko akka dhufanii isa ilaalaniif itti erge. Kanaafuu, Yihudoonni Roomaa keessa jiran baay’een garasaa dhufan. Phaawulosis waa’ee Yesusiifi waa’ee mootummaa Waaqayyoo isaanii lallabe. Warri tokko tokko amananii Kiristiyaanota ta’an; kaan garuu hin amanne.

Phaawulos loltoota adda addaa isa eegaa turaniifis lallabeera. Phaawulos bakka kanatti waggaa lamaaf hidhamee yeroo turetti hamma danda’e namoota baay’eedhaaf lallabeera. Kanaan kan ka’es, maatii Mootichaa keessaallee tokko tokko misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo dhaga’anii Kiristiyaanota ta’aniiru.

Inni Phaawulosiin gaafachuu dhufeefi barreessaa jiru eenyu sitti fakkaata? Mee yaali? Eyyee, Ximotewosidha. Ximotewos waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuusaatiin hidhamee ture; booda, garuu hiikameera. Kan as dhufe Phaawulosiin gargaarufidha. Ximotewos maal akka barreessaa jiru beektaa? Mee haa ilaallu.

Seenaa 110⁠rratti waa’ee magaalota Filiphisiiyusiifi Efesoon barachuu keenya ni yaadattaa? Phaawulos magaalota kanatti gumiin akka dhaabatu gargaareera. Amma Phaawulos utuu hidhamee jiruu Kiristiyaanota kanaaf xalayaa barreesseef. Xalayaawwan kun Macaafa Qulqulluu keessatti kan argaman yeroo ta’an, Efesooniifi Filiphisiiyus jedhamanii waamamu. Phaawulos Kiristiyaanota Filiphisiiyus keessa jiraataniif maal jedhee akka barressu Ximotewositti himaa jira.

Kiristiyaanonni Filiphisiiyus jiran Phaawulosiif baay’ee yaadu turan. Mana hidhaa kana keessa utuu jiruu kennaa erganiifii turan; kanaaf isaan galateeffachaa jira. Namni kennaa kana fide Ephafrodixos jedhama. Innis, baay’ee dhukubsatee du’uu ga’ee ture. Amma garuu itti wayyaa’ee gara biyyasaatti deebi’uuf jedha. Gara Filiphisiiyusitti yemmuu deebi’u xalayaa kana Phaawulosiifi Ximotewos harkaa fuudhee adeema.

Phaawulos utuu mana hidhaa jiruu, xalayaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman kan biraas lama barreessera. Inni tokko Kiristiyaanota magaalaa Qolosaayis keessa jiraniif kan barreeffamedha. Xalayaan kun maal jedhamee akka waamamu beektaa? Qolosaayis jedhama. Inni kaanimmoo michuusaa kan ta’e Filemon, isa Qolosaayis keessa jiraatuuf dhuunfaatti kan barreeffamedha. Xalayichi waa’ee hojjetaa Filemon, isa Oneesimos jedhamuu kan dubbatudha.

Oneesimos Filemon jalaa badee gara Roomaa dhufee ture. Oneesimos, Phaawulos akka Roomaatti hidhame nama tokkorraa dhaga’uu hin oolu. Kanaafuu, Phaawulosiin gaafachuu dhufe; innis ni lallabeef. Utuma hin turin Oneesimos Kiristiyaana ta’e. Amma badee dhufusaatti baay’ee gadde. Kanaafuu, xalayaa kanarratti Phaawulos Filemoniif waa’ee maalii akka barreessu beektaa?

Phaawulos, Filemon Oneesimosiif dhiifama akka godhu gaafate. Akkas jedhee barreesseef: ‘Deebisee gara keetti isa ergeera. Amma hojjetaa kee qofaa miti; obboleessa Kiristiyaanaa jaallatamaadha.’ Oneesimos gara Qolosiyaasitti yommuu deebi’u, xalayaawwan lamaan kana, tokko warra Qolosaayisiif, kaanimmoo Filemoniif geesse. Filemon, hojjetaansaa Kiristiyaana ta’uusaa yeroo beeku baay’ee gammada.

Xalayaawwan Phaawulos warra Filiphisiiyusiifi Filemoniif barreesse misiraachoo kan qabatan turan. Phaawulos warra Filiphisiiyusiin: ‘Ximotewosiin gara keessanitti nan erga. Anis yeroo dhihootti dhufeen isin ilaala’ isaaniin jedhe. Filemoniifimmoo: ‘Iddoon itti boqodhu naa qopheessi!’ jedhee barreesseef.

Phaawulos mana hidhaatii yommuu gadhiifamu, obboloota Kiristiyaanaa ilaaluuf bakka baay’ee dhaqeera. Haata’u malee, Phaawulos ammas Roomaatti hidhame. Yeroo kanatti akka ajjeeffamu beeka ture. Kanaafuu, Ximotewos dafee garasaa akka dhufu barreesseef. Phaawulos: ‘Ani Waaqayyoof amanamaa ta’eera. Waaqayyos na badhaasa’ jedhee barreesse. Phaawulos erga ajjeefamee waggoota muraasa booda, Yerusaalem ammas ni balleeffamte; Yeroo kanatti kan balleeffamte warra Roomaatiin ture.

Haata’u malee, wantonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman baay’eedha. Yihowaan, Yohannis ergamaan macaafa Mul’ataa dabalatee, macaafotasaa warra dhumaa akka barreessu godheera. Kutaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e macaafni Mul’ataa waa’ee gara fulduraa ni dubbata. Amma, wanta gara fulduraatti ta’u haa ilaallu.