Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 109

Phexros Gara Mana Qorneelewos Dhaqe

Phexros Gara Mana Qorneelewos Dhaqe

NAMICHI as dhaabate kun Phexros ergamaadha; jarri isa duuba dhaabatanimmoo michootasaati. Haata’u malee, namichi kun kan isaaf sagadaa jiru maaliifi? Akkas gochuunsaa sirriidhaa? Namichi kun eenyu akka ta’e beektaa?

Qorneelewos jedhama. Ajajjuu loltoota warra Roomaa ture. Qorneelewos Phexrosiin beekuu baatuyyuu, gara manasaatti akka isa afeeru itti himamee ture. Kun akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Duuka buutonni Yesus warri duraa Yihudoota turan; Qorneelewos garuu nama Yihudaa miti. Ta’uyyuu, Waaqayyoon ni jaallata; isa ni kadhata, namootaafis waan gaarii ni godha ture. Gaaf tokko waaree booda, ergamaan tokko garasaa dhufee akkas jedheen: ‘Waaqayyo sitti gammadeera; kadhannaa kees dhaga’eera. Namni Phexros jedhamu tokko gara kee akka dhufu itti ergi. Inni Yophee keessa mana Simoon isa laga qarqara jiraatuu jira.’

Yeruma sana Qorneelewos, Phexrosiin akka waamaniif namoota itti erge. Guyyaa itti aanutti, jarri Yophee ga’uuf yommuu jedhan, Phexros bantii mana Simoon isa diriiraarra jira ture. Achitti, Waaqayyo, uffanni guddaan samiirraa yeroo bu’u Phexrositti akka argamu godhe. Bineensonni gosa hundumaa uffaticharra jiru turan. Akka seera Waaqayyootti, bineensonni kun xuraa’oo waan ta’aniif hin nyaataman; sagaleen tokko garuu: ‘Yaa Phexros ka’i, qaliitii nyaadhu’ ittiin jedhe.

Phexros: ‘Lakki, hin ta’u. Ani waan xuraa’aa nyaadhee hin beeku’ jedhee deebise. Sagalichi garuu, Phexrosiin: ‘Waan Waaqayyo qulqulluudha jedhe akka xuraa’aatti hin ilaalin’ isaan jedhe. Jechi kunis al sadi irra deddeebi’amee dhaga’ame. Phexros kun hundi maal jechuu akka ta’e utuma yaaduu, jarri Qorneelewos erge achi ga’anii isa waamsisan.

Phexros gadi bu’ee: ‘Namichi barbaaddan anadha. Maaliif na barbaaddan?’ jedhee isaan gaafate. Ergamaan tokko, Qorneelewos Phexrosiin gara manasaatti akka waamsisu itti himuusaa yommuu ibsaniif, Phexros isaanii wajjin adeemuuf ka’e. Guyyaa itti aanutti, Phexrosiifi michoonnisaa Qorneelewosiin arguuf gara Qisaariyaa dhaqan.

Qorneelewos firootasaafi michootasaa walitti qabee ture. Yommuu Phexros dhufu, Qorneelewos isa simate. Akkuma asirratti argitu miilla Phexros jalatti kufee sagade. Phexros garuu: ‘Ka’i; anis akkuma kee namadhaa’ jedheen. Eeyyee, Macaafni Qulqulluun namaaf sagaduuniifi nama waaqeffachuun sirrii akka hin taane ibsa. Yihowaa qofa waaqeffachuu qabna.

Phexros warra walitti qabaman sana hundaaf lallabe. ‘Waaqayyo namoota isa tajaajiluu barbaadan hundumaa akka simatu hubadheera’ jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruu, Waaqayyo hafuura qulqulluu erge; namoonni sunis afaan adda addaatiin dubbachuu jalqaban. Bartoonni Yihudii Phexrosii wajjin adeeman sun, Waaqayyo biratti fudhatama kan qaban warra Yihudii qofaa waan isaanitti fakkaatuuf kun baay’ee isaan dinqisiisee ture. Kanaafuu, kun ta’uunsaa, Waaqayyo sanyii nama tokkoo isa kaaniirra akka hin caalchisne isaan barsiise. Kun, waan gaarii hundi keenya yaadachuu qabnu mitii?