Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 105

Yerusaalem Taa’anii Eeggachuu

Yerusaalem Taa’anii Eeggachuu

ASIRRATTI duuka buutota Yesus argaa jirtaa? Akkuma inni isaaniin jedhetti Yerusaalem keessa turaniiru. Hundisaanii walitti qabamanii utuu eeganii sagalee guddaan manicha guute. Sagalichi akka bubbee cimaa ture. Achiis, mataa tokkoon tokkoon bartootaarratti arrabni ibiddaa ni mul’ate. Mataasaaniirratti ibidda ni argitaa? Kun hundumtuu maal argisiisa?

Kun dinqiidha! Yesus gara Abbaasaa isa samii jirutti deebi’eera; amma duuka buutotasaarratti hafuura Waaqayyoo dhangalaasaa jira. Hafuurri kun maal gochuuf akka isaan kakaase beektaa? Hundisaanii afaan addaddaatiin akka dubbatan isaan godhe.

Namoonni Yerusaalem keessa jiraatan baay’een, sagalee akka bubbee cimaa sana dhaga’anii wanta ta’e ilaaluu dhufan. Jarreen keessaa tokko tokko, ayyaana Israa’elootaa isa Phenxeqostee jedhamurratti argamuuf saboota kan biraa keessaa kan dhufan turan. Kun baay’ee akka isaan dinqisiise beekamaadha. Keessummoonni kun, wantoota dinqisiisaa Waaqayyo godhe ilaalchisee bartoonni afaanuma keessummoonni kun itti fayyadamaniin yeroo dubbatan dhaga’aniiru.

Keessummoonni kunis: ‘Namoonni kun warra Galiilaati; egaa afaan addaddaa biyya keenyatti dubbatamuun dubbachuu kan danda’an akkamittiree?’ jedhan.

Yeroo kanatti Phexros ka’ee ibsa kenneef. Sagaleesaa guddisee, Yesus akkamitti akka ajjeefameefi Yihowaan akkamitti akka du’aa isa kaase jaratti hime. Phexros: ‘Amma Yesus samiirra mirga Waaqayyoo taa’eera. Akkuma abdiin kennametti hafuura qulqulluu nuuf dhangalaaseera. Dinqiiwwan kana kan argitaniifi kan dhageessan kanumaafidha’ isaaniin jedhe.

Namoonni baay’een waan Phexros dubbate yommuu dhaga’an, wanti Yesusirra ga’e baay’ee isaan gaddisiise. ‘Maal goonuree?’ jedhanii gaafatan. Phexrosis: ‘Akkaataa jireenya keessanii jijjiiruufi cuuphamuu isin barbaachisa’ isaaniin jedhe. Kanaafuu, guyyaa sanatti namoonni 3,000 ta’an cuuphamanii duuka buutota Yesus ta’an.