Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

NAMNI qumaara taphatuu fi nama saamaa ture tokko araada isaa irraa bilisa baʼuu fi akkaataa jireenyaa isaa akka jijjiiru kan isa kakaase maali dha? Mee maal akka jedhu haa dubbisnu.

“Dorgommii Farda Gulufsiisuu Baayʼeen Jaalladhan Ture.”​—RIICHAARDI ISTUUWAARTI

BARA DHALOOTAA: 1965

BIYYA DHALOOTA: JAAMAAYIKAA

SEENAA: NAMA QUMAARA TAPHATUU FI YAKKAMAA

JIREENYA KOO DURAA: Kanan guddadhe magaalaa guddittii Jaamaayikaa Kiingistan bakka namoonni hiyyeeyyii taʼan jiraatanii fi uummanni itti baayʼatutti dha. Namoonni hojii hin qabne hedduu waan taʼaniif yakki gar malee babalʼatee ture. Gocha kashalabboonni raawwataniin kan kaʼe jireenyi namootaa sodaadhaan kan guutame ture. Guyyaa guyyaadhaan jechuun ni dandaʼama dhukaasa nan dhagaʼa ture.

Haati keenya ishiin jabaattee hojjettu anaa fi obboleessa koo quxisuu fi obboleettii kootiif waanuma hundumaa nuuf taati turte. Mana barumsaa gaarii nu galchitee turte. Taʼus ani barumsaaf fedhii hin qabun ture, kanaa mannaa dorgommii guluffii fardaa baayʼeen jaalladha ture. Mana barumsaa dhiisee dorgommii guluffii fardaa ilaaluun dhaqa ture. Yeroon itti farda gulufus jira ture.

Utuma baayʼee hin turin dorgommii guluffii fardaa irratti qarshii qabsiisuu kanan jalqabe siʼa taʼu qumaara taphachuun eegale. Jireenya naamusaa ala taʼen jiraadha ture; dubartoota hedduu wajjinan ejja raawwadha ture. Maariwaanaa nan xuuxan ture; wantootan raawwadhuuf maallaqa argachuuf saamichan jalqabe. Meeshaalee waraanaa hedduun qaba ture; amma gara duubaatti deebiʼee yommuun ilaalu, saamicha hangana hin jedhamnee kanan raawwadhe taʼus lubbuun namaa kan na harkatti hin baane taʼuun isaa na gammachiisa.

Oolee bulee garuu, poolisootaan qabamee yakkan raawwadheef mana hidhaan gale. Mana hidhaatii ergan baʼee booda jireenya koo duraattan deebiʼe. Inumaa iyyuu isa duraa caalaa hamaan taʼe. Namoonni yeroo na ilaalan nama gaarii fakkaadhu illee, tole kan hin jenne, gar malee kan aaruu fi gara jabeessan ture. Ofii koo malee nama kan biraatiif dantaa hin qabun ture.

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA KOO KAN JIJJIIRE AKKAMITTI? Jireenyi koo gar malee jeeqamee yeroo turetti haati koo Kitaaba Qulqulluu qoʼattee Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee turte. Amalli ishii fooyyaʼuu isaa yommuun argu wanti ishiin akka jijjiiramtu godhe maal akka taʼe beekuuf na kakaase. Wanta ishiin akka jijjiiramtu godhe beekuuf waanan murteesseef, Dhugaa Baatotaa wajjin waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuun jalqabe.

Barumsi Dhugaa Baatonni Yihowaa barsiisan barumsa dhaabbilee amantaa kaan irraa adda akka taʼee fi wanta dubbatan hundaaf Kitaaba Qulqulluu irraa ragaa akka dhiheessanin hubadhe. Hamma ani beekutti akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turanii manaa gara manaa deemanii kan lallaban isaan qofa dha. (Maatewos 28:19; Hojii Ergamootaa 20:20) Jaalala dhugaa akka walitti argisiisan yommuun argu, amantaa dhugaa akkan argadhe mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼeera.—Yohaannis 13:35.

Wantan Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe irraa kaʼuudhaan, jireenya koo keessatti jijjiiramawwan guguddaa gochuu akkan qabun hubadhe. Yihowaan halalummaa akka jibbuu fi isa gammachuu yoon barbaade gochawwan qaama koo xureessan irraa fagaachuu akkan qabun hubadhe. (2 Qorontos 7:1; Ibroota 13:4) Jijjiirama gochuuf kan na kakaase, Yihowaan miira akka qabuu fi wantoonni ani raawwadhu isa gaddisiisuu ykn isa gammachiisu akka dandaʼan barachuu koo ti. (Fakkeenya 27:11) Kanaaf maariwaanaa xuuxuu koo dhiisuuf, meeshaa waraanaa qabachuu dhiisuu fi amala koo fooyyessuufan murteesse. Wanti jireenya koo keessatti baayʼee natti ulfaate, jireenya naamusaa ala taʼee dhiisuu fi qumaara taphachuu dhiisuu ture.

Jalqaba irratti hiriyoonni koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa akkan jiru akka beekan hin barbaadun ture. Haa taʼu malee wanta Yesuus Maatewos 10:33 irratti, “Nama namoota duratti na ganu kam iyyuu garuu, anis Abbaa koo isa samii duratti nan gana” jedhe dubbisu jijjiirama gochuu akkan qabun hubadhe. Caqasni kun Dhugaa Baatotaa wajjin qoʼachaa akkan jiru hiriyoota kootti akkan himu na kakaase. Isaanis baayʼee naʼan. Namni akka kootii Kiristiyaana taʼuu barbaaduun isaa isaan dinqisiise. Ani garuu kana booda jireenya koo hordofuu akkan hin barbaanne cimseen isaanitti hime.

FAAYIDAA ANI ARGAHE: Haati koo qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun jiraachuu jalqabuu koo yommuu argitu baayʼee gammadde. Amma wanta hamaa raawwata jettee hin yaaddoftu. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu haadha koo wajjin baayʼee akka walitti dhihaannu kan godhe taʼuu isaa irra iyyuu yeroo baayʼee wantoota hafuuraa haasofna. Yeroo tokko tokko jireenya koo duraa yommuu yaadadhu, gargaarsa Waaqayyootiin jijjiirama gochuun koo amma iyyuu baayʼee na dinqisiisa. Amma jireenya naamusaan alaa kanaan dura jiraachaa turee fi jireenyi qabeenya irratti hundaaʼe nan hin hawwisiisu.

Ergaa Kitaaba Qulqulluutiif deebii gaarii utuu hin kennine taʼee, yoona kana duʼeera ykn mana hidhaan jira ture. Yeroo ammaatti garuu maatii gaarii gammachuu qabun qaba. Haadha manaa na deggertuu fi intala gaariin qaba; isaanii wajjin Yihowaa tajaajiluun gammachuu guddaa naaf argamsiisa. Yihowaan kutaa obbolummaa Kiristiyaanaa jaalala qabeessaa akkan taʼu gochuu isaatiif baayʼeen isa galateeffadha. Namni dhugaa Kitaaba Qulqulluu na barsiisuuf carraaqqii godhe jiraachuu isaas guddaan galateeffadha. Kana malees, mirga warra kaan Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf qabufis bakka guddaan kenna. Hunda caalaa immoo, Yihowaan gara isaatti akkan dhihaadhuuf gaarummaa guddaa natti argisiisuu isaatiif baayʼeen isa galateeffadha.

[Yaada gabaabaatti fudhatame]

“Yihowaan miira akka qabuu fi wantoonni ani raawwadhu isa gaddisiisuu ykn isa gammachiisu akka dandaʼan baradheera”

[Fakkii]

Amalli haadha koo fooyyaʼuu isaan arge

[Fakkii]

Haadha manaa too fi intala too wajjin