Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira
DUBARTIIN waaʼee Waaqayyo beekuuf fedhii hin qabnee fi hojii galii hedduu argamsiisu hojjechaa turte kaayyoo jireenyaa isa dhugaa kan hubatte akkamitti? Dargageessi amantaa Kaatolikii hordofu tokko waaʼee duʼaa maal barachuu isaatu akkaataa jireenyaa isaa akka jijjiiru isa taasise? Dargageessi jireenyatti abdii kutatee ture tokko waaʼee Waaqayyoo maal barachuu isaatu tajaajilaa Kiristiyaanaa akka taʼu isa kakaase? Mee wanta namoonni kun jedhan dubbisi.
“Waggoota Hedduudhaaf Kaayyoon Jireenyaa Maal Akka Taʼe Gaafachaan Ture.”—ROOZAALIINDI JOON
BARA DHALOOTAA: 1963
BIYYA DHALOOTAA: BIRITAANIYAA
SEENAA: HOJII IDDOO GUDDAAN KENNAMUUF HOJJECHAA KAN TURTE
JIREENYAA KOO DURAA:
Kirooyidan Kibba Landanittin dhaladhe. Maatii ijoollee sagal qabu keessaa ani jaʼaffaa dha. Warri koo kan dhufan odola Kaariibiyaan Seenti Viinsantiidhaa ti. Haati koo amantaa Meetoodistii hordofti turte. Beekumsa argachuuf hawwii cimaa kanan qabu taʼus waaʼee Waaqayyoo barachuuf fedhii hin qabun ture. Boqonnaa mana barumsaa koo yeroo baayʼee haroo naannoo keenyatti argamutti kitaabotan mana kitaabaatii ergifadhe hedduu dubbisuudhaanan dabarsa ture.
Barumsa koo ergan xumuree waggoota muraasa booda namoota gargaarsi isaan barbaachisu deggeruu akkan barbaadun hubadhe. Namoota mana hin qabnee fi rakkina qaamaa qaban akkasumas dandeettiin barachuu isaanii gad aanaa taʼe wajjin hojjechuun jalqabe. Achiis Yunivarsiitii galeen saayinsii fayyaa baradhe. Eegan eebbifamee boodas kan nama dinqisiisu walitti aanseen hojiiwwan bakka guddaan kennamuufiin hojjechuu jalqabe; jireenya qananiin jiraachuu jalqabe. Gorsituu bulchiinsaa fi qorattu hawaasaa taʼee waanan hojjedhuuf hojiidhaaf wanti na barbaachisu laaptooppii fi Intarneetii qofa ture. Darbee darbee torban muraasaaf biyya alaan deema achittis hoteelan jaaladhu buufadhee, naannoowwan babbareedoo taʼanitti bashannanaa, wantoota bareedina qaamaa koo eegan fayyadamaa fi jimiitti sochii qaamaa gochaan ture. Jireenya gaarii jiraachaa akkan jiru natti dhagaʼama ture. Warra cunqurfamaniif garuu yaaduu koo matumaa hin dhiisne.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?
Waggoota hedduudhaaf ‘Kan jiraannu maaliifi?,’ akkasumas ‘Kaayyoon jireenyaa hoo maali dha?’ jedheen of gaafadha ture. Taʼus deebii isaa Kitaaba Qulqulluu irraa argachuuf matumaa yaalee hin beeku. Bara 1999tti gaaf tokko obboleettii koo quxusuun Maargaareet jedhamtuu fi Dhugaa Baatuu Yihowaa taate michuu ishii Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee wajjin dhufanii na gaafatan, michuun ishii sunis xiyyeeffannaa naaf kennitee turte. Anis utuu natti hin beekamin michuu obboleettii koo wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuufan walii gale; taʼus hojii koo fi akkaataan jireenyaa koo yeroo koo baayʼee isaa waan na jalaa fudhatuuf saffisni guddina kootii baayʼee gadi aanaa ture.
Bona bara 2002tti kibba dhiha Ingilaandiin jiraachuu jalqabe. Achittis yeroo booda doktireetii koo argachuuf Yunivarsiitii galeen qorannoo hawaasaa irratti barumsa dabalataa hordofuu jalqabe. Ilma koo isa xinnaa wajjin Galma Walgaʼii naannoo sanatti argamuutti walgaʼii irratti yeroo hundan argamuu jalqabe. Barumsa sadarkaa ol aanaa barachaa jiru kanan jaalladhu taʼus, rakkina jireenya keessatti uumamuu fi furmaata isaa ilaalchisee beekumsa guddaa kanan argadhe qoʼanna Kitaaba Qulqulluu koo irraa ti. Yaanni Maatewos 6:24 irratti gooftolii lama tajaajiluu akka hin dandeenye dubbatu dhugaa taʼuu isaa hubadheera. Yookiin Waaqayyoon tajaajilta ykn qabeenya tajaajilta. Wantan jireenya koo keessatti dursa kennuufii qabu ilaalchisee murteessuu akkan qabu hubadheera.
Kun taʼuu isaa waggaa tokko dura, Dhugaa Baatonni kitaaba Uumaan Waaʼee Kee Yaadu Jiraa? * jedhamutti fayyadamanii gareedhaan manatti yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼatan yeroo baayʼee irratti nan argaman ture. Rakkinoota ilmaan namootaatiif furmaata kan kennu Uumaa keenya Yihowaa qofa akka taʼe amaneera. Yunivarsiitiidhaa garuu kaayyoon jireenyaa Uumaatti amanuu akka hin dabalannen barachaa ture. Baayʼeen aare. Jiʼa lama boodas barumsan Yunivarsiitiidhaa hordofun addaan kute; sochiiwwan hafuuraa irratti yeroo dabalataa dabarsuufan murteesse.
Caqasni Kitaaba Qulqulluu akkaataa jireenyaa koo akkan jijjiiru na kakaase Fakkeenya 3:5, 6 dha. Akkana jedha: “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.” Waaʼee Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼee barachuun qabeenyaa fi kabaja doktireetiin argamsiisu kam iyyuu caalaa nama kiisa. Kaayyoo Yihowaan lafaaf qabuu fi gaʼee Yesuus lubbuu isaa aarsaa godhee nuu kennuuf taphate yommuun hubadhu fedhii ani Uumaa keenyaaf of murteessuuf qabu ni dabale. Achiis Ebla 2003ttan cuuphame. Sana boodas jireenya koo suutuma suuta salphisaan deeme.
FAAYIDAA ANI ARGADHE:
Michummaa ani Yihowaa wajjin qabu gatiidhaan kan shallagamu miti. Isa beekuu kootiin nagaa keessaa fi gammachuu argadheera. Tajaajiltoota Waaqayyoo warra dhugaa wajjinis hariiroo qabachuu kootti gammachuu guddaa argadheera.
Wanta Kitaaba Qulqulluu fi walgaʼiiwwan gumii irraa baradhu fedhii guddaa ani beekumsa argachuuf qabu naaf guutaa jira. Waaʼee amantii koo namoota kaanitti himuun na gammachiisa, kun hojii koo naaf taʼeera. Hojii kanaan yeroo ammatti namoonni jireenya fooyyaʼaa akka jiraatan, gara fuulduraatti immoo addunyaa haaraa keessa jiraachuuf abdii akka qabaatan akkan gargaaru na taasisa. Waxabajjii 2008 kaasee tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachaan jira; amma yoom iyyuu caalaa gammachuu qaba, wantan qabuttis gammadeen jiraadha. Jireenya kaayyoo qabu jiraachuu dandaʼeera, kanaafis guddaan Yihowaa galateeffadha.
“Hiriyaa Koo Duʼaan Dhabuun Koo Dhiibbaa Guddaa Na Irraan Geessiseera.”—ROOMAAN IRNASBARGA
BARA DHALOOTAA: 1973
BIYYA DHALOOTAA: OSTIRIYAA
SEENAA: NAMA QUMAARA TAPHATU
JIREENYA KOO DURAA:
Kanan guddadhe Ostiriyaa magaalaa xinnoo Biraaʼuunaaʼuu jedhamutu keessatti dha. Naannoo kana namoota sooreeyiitu jiraata, yakkis baramaa miti. Maatiin koo amantaa Kaatolikii hordofuu turan, anaanis amantaama kana keessatti na guddisan.
Wanti ijoollummaa kootti na mudate tokko dhiibbaa cimaa na irraan geessiseera. Bara 1984 yeroo umuriin koo waggaa 11 turetti, hiriyaa koo baayʼee jaalladhuu wajjin kubbaa miillaa taphachaa akkan ture nan yaadadha. Hiriyaan koo kunis gaafuma sana waaree booda balaa konkolaataadhaan duʼe. Hiriyaa koo dhabuun koo garmalee na naasise. Balaa sana booda waggoota hedduudhaaf gaaffiin ‘Yeroo duunu maal taana?’ jedhu na yaaddessa ture.
Yeroon barumsa koo xumurutti hojii elektiriikiin hojjechuu jalqabe. Barsiifata qumaara taphachuu kanan qabuu fi qarshii hedduu qabsiise kanan taphadhu taʼus, rakkina qarshii hin qabun ture. Ispoortii irratti yeroo dheeraan dabarsan ture, akkasumas muuziqaa heevii meetaalii fi panki rokiin dhaggeeffadha ture. Manneen daansii dhaquu fi paartiiwwan irratti argamuun na gammachiisa ture. Jireenya gammachuu hordofuu irratti xiyyeeffatee fi gadhiisii taʼe kanan jiraadhu taʼus, gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama ture.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?
Bara 1995tti Dhugaa Baatuun maanguddoo taʼan balbala koo rurrukutanii kitaaba gaaffii ‘Yeroo duunu maal taana?’ jedhuuf deebii Kitaabni Qulqulluun kennu ibsu naaf kennan. Akkaataa suukanneessaa hiriyaan koo ijoollummaa isaatti itti duʼe amma iyyuu na jeeqaa waan tureef kitaabicha nan fudhadhe. Boqonnaa waaʼee duʼaa ibsu qofa utuu hin taʼin, guutummaa kitaabichaan dubbise.
Wantan dubbise irraa gaaffii duʼa ilaalchisee qabuuf deebii argadheera. Barumsin argadhe garuu kana qofa miti. Amantaa Kaatolikii keessatti waanan guddadheef hunda caalaa amantaan koo Yesuus irratti kan xiyyeeffate ture. Haa taʼu malee Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuun koo, Yihowaa isa Abbaa Yesuus taʼee wajjin michummaa cimaa akkan qabaadhu na gargaareera. Yihowaan akka nuuf yaaduu fi akka isa beeknu kan nu jajjabeessu taʼuu isaa beekuun koo xiyyeeffannaa koo harkise. (Maatewos 7:7-11) Yihowaan miira akka qabu baradheera. Kana malees, wanta dubbate yeroo hundumaa akka raawwatu hubadheera. Kunis raajiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif xiyyeeffanna akkan kennuu fi raawwii isaanii kan argatan akkamitti akka taʼe akkan qoradhu na kakaaseera. Wantan baradhe kunis amantiin Waaqayyoo irratti qabu naaf cimseera.
Utuma baayʼee hin turin, namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf fedhii cimaa kan qaban Dhugaa Baatota Yihowaa qofa akka taʼanan hubadhe. Caqasoota barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa irra jiran, Kitaaba Qulqulluu Kaatolikii koo irraan dubbise. Caalaatti qorannaa gochaa yommuun deemu dhugaa akkan argadhe caalaatti hubachaan dhufe.
Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu koo, Yihowaan ulaagaalee isaatiin akkan jiraadhu akka na irraa barbaadu na barsiiseera. Wantan Efesoon 4:22-24 irratti dubbise irraa, “Namummaa moofaa” isa ‘jireenya koo isa duraa irratti hundaaʼe’ of irraa baasee gatuu fi ‘namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti uumame uffachuu’ akkan qabu baradheera. Kanaafuu akkaataa jireenyaa gadhiisii taʼee hordofuun dhiise. Qumaara taphachuun qabeenya jaallachuu fi sassata waan jajjabeessuuf taphachuu dhaabuu akkan qabun hubadhe. (1 Qorontos 6:9, 10) Jijjiiramawwan kana gochuuf michoota koo durii irraa fagaachuu fi michoota haaraa ulaagaalee ani hordofu qaban barbaaduun qaba ture.
Jijjiiramawwan kana gochuun salphaa hin ture. Taʼus Dhugaa Baatotaa wajjin Galma Walgaʼiitti walgaʼii irrattin argamuun jalqabe, akkasumas gumii keessaa michoota haaraa horachuun jalqabe. Kana malees, dhuunfaa kootti Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuu koo ittan fufe. Tarkaanfiiwwan kunneen muuziqaan dhaggeeffadhuu fi galmawwan koo akkan jijjiiru, akkasuman akkaataa uffannaa koo fi akkaataa miidhaginaa koo akkan jijjiiru na kakaasaniiru. Bara 1995tti cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.
FAAYIDAA ANI ARGADHE:
Amma qarshii fi qabeenyaaf ilaalcha madaalamaan qaba. Kanaan dura dafeen aaran ture, amma garuu aarii koo toʼachuu dandaʼeera. Kana malees, waaʼee gara fuulduraa garmalee yaaddaʼuu dhiiseera.
Miseensa garee namoota addunyaa maratti argamanii fi Yihowaa tajaajilanii keessaa tokko taʼuu kootti nan gammada. Isaan keessaa namoonni tokko tokko rakkoowwanii wajjin walʼaansoo kan godhan taʼanis, amanamummaadhaan Waaqayyoon akka tajaajilan hubadheera. Yeroo fi humna koo hundumaa fedha koo guuttachuuf utuu hin taʼin, Yihowaa waaqeffachuu fi namootaaf waan gaarii gochuuf itti fayyadamuun koo baayʼee na gammachiisa.
“Dhuma Irratti Jireenyi Koo Kaayyoo Qabaachuu Dandaʼeera.”—IYAN KIINGI
BARAA DHALOOTAA: 1993
BIYYA DHALOOTAA: INGILAANDII
SEENAA: JIREENYATTI ABDII KUTATEE KAN TURE
JIREENYA KOO DURAA:
Ingilaandiitin dhaladhe, garuu yeroo umuriin koo torba taʼu maatiin koo Awustiraaliyaa jiraachuu jalqaban. Achiis Kuuwiinislaandii keessaa magaalaa Gooldi Koostii ishii tuuristoonni itti baayʼatan keessa jiraachuu jalqabne. Maatiin koo sooreyyii taʼuu baatanis yeroo hundumaa wanta nu barbaachisu dhabnee hin beeknu.
Akkaataa guddinaa gaarii kanan qabu taʼus, matumaa gammachuu dhugaa argadhee hin beeku. Jireenyatti baayʼee abdii kutadheen ture. Abbaan koo dhugaatii alkoolii garmalee dhuga ture. Dhugaatii alkoolii waan dhuguu fi haadha koo irra miidhaa waan geessisuuf isa hin jaalladhuun ture. Inni amala akkasii kan qabaate maaliif akka taʼe kanan hubadhe, wanta yeroo Maalaayaatti (yeroo ammaatti Maaleezyiyaa) loltuu ture isa mudate ergan beeke booda dha.
Anis yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turetti garmalee dhugaatii alkoolii dhugun jalqabe. Yommuu umuriin koo waggaa 16 taʼus humna waraana galaanaa keessan seene. Qoricha sammuu namaa hadoochuu fudhachuun jalqabe, tamboo xuuxunis araada natti taʼe. Dhugaatii alkoolii malee sochoʼuu hin dandaʼun ture. Kanaan dura Sanbadduraa fi Dilbata qofan dhuga ture, amma garuu guyyaa hundumaan dhuguu jalqabe.
Umurii koo dhuma waggoota kurnanii fi jalqaba waggoota 20mmanii keessa yeroon turetti Waaqayyo jiraachuu isaan shakkuu jalqabe. ‘Dhugumaan Waaqayyo utuu jiraatee namoonni akka rakkatanii fi akka duʼan kan heyyamuu maaliifi?’ jedheen yaada ture. Walaloo hammeenya addunyaa irra jiru hundumaaf kan itti gaafatamu Waaqayyoo akka taʼe ibsu illee barreesseera.
Yommuu umuriin koo waggaa 23 taʼu humna waraanaa galaanaa keessaan baʼe. Sana booda hojiiwwan garaa garaa hojjedheera; biyyoota alaa illee waggaa tokkoof deemeera, taʼus abdii akka hin kutanne wanti tokko illee na gargaaruu hin dandeenye. Galma baafachuu ykn wanta tokko raawwachuuf fedhii hin qabun ture. Wanti natti tolu tokko illee hin turre. Mana qabaachuu, hojii gaarii qabaachuu fi hojii koo irratti guddina argachuun gatii kan hin qabne natti fakkaata ture. Kan na gammachiisu dhugaatii alkoolii dhuguu fi muuziqaa dhageeffachuu qofa ture.
Yeroon itti kaayyoo jireenyaa beekuuf fedhii guddaa qabaadhe sirriitti nan yaadadha. Yeroo kanatti Poolaandin ture, miirri kun kan natti dhagaʼame kaampii hojiin humnaa itti hojjetamuu fi hammina isaatiin beekamu isa Ooshuwiitizitti argamu yommuun daawwadheetti dha. Kanaan dura gocha gara jabinaa iddoo kanatti raawwatame dubbiseen ture. Bakka sanatti argamee yommuun kaampii guddaa sana ilaalu garuu miirri koo baayʼee jeeqame. Namoonni namoota irratti gocha gara jabinaa akkasii kan raawwatan maaliif akka taʼe naa galuu hin dandeenye. Kaampicha keessa asiif achii deemee yommuun daawwadhu, ijji koo imimmaaniin guutamee ‘Maaliifi?’ jedhe akkan gaafadhe nan yaadadha.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?
Bara 1993tti biyyaa alaatii ergan deebiʼee booda, gaaffii koof deebii argachuuf Kitaaba Qulqulluu dubbisuun jalqabe. Utuma baayʼee hin turin, Dhugaa Baatonni Yihowaa lama balbala koo rurrukutanii walgaʼii guddaa istaadiyomii naannoo keenya jirutti geggeeffamu irratti akkan argamu na affeeran. Anis walgaʼicha irratti argamuufan murteesse.
Jiʼoota muraasa dura tapha tokko ilaaluuf istaadiyomii sana dhaqeen ture, walgaʼii isa kanaa wajjin garuu garaa garummaa guddaa qaba. Dhugaa Baatonni kan gad of qabanii fi uffata seera qabeessa kan uffatan turan; ijoolleen isaaniis amala gaarii kan qaban turan. Wantan saʼaatii laaqanaatti arge immoo baayʼee na dinqisiise. Dhugaa Baatonni dhibbaan lakkaʼaman dirree taphaa irratti laaqana isaanii nyaatan, bakka teessuma isaanitti yommuu deebiʼan garuu kosii tokko illee dirree sana irratti hin argine! Hunda caalaa immoo, namoonni kun wanta qabanitti kan gammadanii fi nagaa kan qaban turan. Ani immoo wanta kana argachuuf hawwaan ture; haasaa gaafa sana kenname hoomaa hin yaadadhu, taʼus amala Dhugaa Baatotaa hin irraanfadhu.
Gaafas galgala durbii koo Kitaaba Qulqulluu dubbisaa turee fi amantaawwan garaa garaa qorateen yaadadhe. Waggoota dura Yesuus amantaa dhugaa firii isaatiin adda baasanii akka beekan dubbachuu isaa natti himee ture. (Maatewos 7:15-20) Anis yoo xinnaate wanta Dhugaa Baatota adda taasise beekun qaba jedheen yaade. Jireenya koo keessatti yeroo jalqabaatiif hamma tokko ilaalcha gaarii fi abdii akkan qabu natti dhagaʼame.
Torban itti aanu Dhugaa Baatonni lamaan walgaʼii sana irratti na affeeranii turan deebiʼanii dhufan. Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu na affeeran, anis tolen jedhe. Akkasumas isaanii wajjin walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuun jalqabe.
Kitaaba Qulqulluu yommuun qoʼadhu ilaalchi ani Waaqayyoof qabu guutummaatti jijjiirame. Maddi hammeenyaa fi rakkinaa isa akka hin taanee fi yeroo namoonni wanta hamaa raawwatan akka gadduun baradhe. (Uumama 6:6; Faarfannaa 78:40, 41) Anis matumaa Yihowaa gaddisiisuu dhiisuuf yaaluufan murtoo cimaa godhe. Garaan isaa akka gammadu gochuun barbaade. (Fakkeenya 27:11) Garmalee dhuguu fi tamboo xuuxuu nan dhaabe, jireenya gadhiisii jiraachuus nan dhiise. Achiis Bitootessa 1994 cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.
FAAYIDAA ANI ARGADHE:
Amma gammachuu dhugaa qaba, wantan qabuttis gammadeen jiraachaa jira. Akka kanaan duraa rakkoowwan koo furuuf jedhee dhugaatii alkoolii dhuguu dhiiseera. Kanaa mannaa, baʼaa koo Yihowaa irratti gatuu baradheera.—Faarfannaa 55:22.
Dhugaa Baatuu bareeddu Keeran jedhamtuu wajjin gaaʼela erga godhanne waggoonni kudhan darbaniiru; intalli haadha manaa koo Neelaanis jirti. Sadan keenya tajaajila Kiristiyaanaa irratti yeroo dheeraa dabarsuudhaan namoonni waaʼee Waaqayyo dhugaa isaa akka beekan gargaaruun nu gammachiisa. Dhuma irratti jireenyi koo kaayyoo qabaachuu dandaʼeera.
^ key. 11 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe.