Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira
Namni haadha manaa afur qabuu fi Dhugaa Baatota Yihowaa mormaa ture, Dhugaa Baatu taʼuuf kan murteesse maaliifi? Paastariin amantaa Phenxeqosxee tokko amantii isaa jijjiiruuf kan isa kakaase maali dha? Wanti dubartiin akkaataa guddinaa gaarii hin qabne takka jibba ofiif qabdu akka mootuu fi Waaqayyotti akka dhihaattu ishii gargaare maali dha? Namni muuziqaa heevii meetaalii jedhamu jaallatu tajaajilaa amantii kan taʼe maaliifi? Deebii gaaffiiwwan kanneenii beekuuf seenaawwan jireenyaa armaan gaditti argaman akka dubbistu si affeerra.
“Abbaa Manaa Gaarii Taʼuu Dandaʼeera.”—RIGOBEER IYUTOO
BARA DHALOOTAA: 1941
BIYYA DHALOOTAA: BEENIIN
SEENAA: HAADHA MANAA AFUR KAN FUUDHEE FI DHUGAA BAATOTA YIHOWAA MORMAA KAN TURE
JIREENYA KOO DURAA:
Magaalaa guddaa Beeniin Kotinuu jedhamtu keessattin dhaladhe. Kanan guddadhes maatii amantaa Kaatolikii hordofuu keessatti ture, taʼus waldaa kanan dhaqu yeroo hunda hin turre. Bara sanatti haadha manaa tokko ol fuudhuun seeraan fudhatama kan qabu waan tureef, namoonni amantaa Kaatolikii hordofan hedduun naannoon jiraadhutti haadha manaa tokko ol fuudhu turan. Anis yeroo booda haadha manaa afuriin fuudhe.
Bara 1970manitti yeroo warraaqsi jalqabetti, kun biyya koo fayyada jedheen yaadee ture. Warraaqsa kanaaf guutummaattan deggersa godhe, akkasumas siyaasa irratti hirmaachuun jalqabe. Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa waan hin galleef namoonni warraaqsa kana irratti hirmaatan isaan hin jaallatan turan. Anis namoota Dhugaa Baatota irra ariʼatama geessisan keessaa tokkon ture. Dhugaa Baatonni misiyoonota taʼan 1976 yommuu biyyatti keessaa ariʼamanitti matumaa deebiʼanii akka hin dhufne mirkanaaʼaan ture.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?
Warraaqsi godhamaa ture sun bara 1990 xumurame. Kan nama dinqisiisu garuu, utuma baayʼee hin turin Dhugaa Baatonni misiyoonota taʼan deebiʼanii dhufan. ‘Tarii Waaqayyo namoota kanaa wajjin jira’ jedhee yaadun jalqabe. Yeroo sanatti bakka hojii koo jijjiireen ture. Namoota naa wajjin hojjetan keessaa tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa ture, innis yeruma sana wanta itti amanu natti himu jalqabe. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Yihowaan Waaqa jaalalaa fi haqaa akka taʼe argisiisan natti argisiise. (Keessa Deebii 32:4; 1 Yohaannis 4:8) Amaloonni kunis baayʼee na hawwatan. Waaʼee Yihowaa caalaatti barachuu waanan barbaadeef affeerraa Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu naaf dhihaate nan fudhadhe.
Utuma baayʼee hin turinis, walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuun jalqabe. Jaalalli dhugaan achitti arge baayʼee na dinqisiise, isaan sanyii ykn iddoo hawaasa keessatti qabaniin wal hin qoodan. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin caalaatti yommuun walitti dhihaachaa deemu, duuka buutota Yesuus warra dhugaa akka taʼan caalaatti mirkanaaʼaa taʼaan dhufe.—Yohaannis 13:35.
Yihowaa tajaajiluu yoon barbaade Waldaa Kaatolikii keessaa baʼuu akkan qabun hubadhe. ‘Warri kaan maal naan jedhu?’ jedhee waanan sodaadheef tarkaanfii kana fudhachuun salphaa hin ture. Yeroo dheeraa booda gargaarsa Yihowaatiin ija jabina argadhee waldaa sana keessaa baʼuu dandaʼeera.
Taʼus amma iyyuu jijjiirama guddaan gochuun na barbaachisu tokko jira ture. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo irraa haadha manaa tokko ol fuudhuun Waaqayyo duratti sirrii akka hin taanen hubadhe. (Uumama 2:18-24; Maatewos 19:4-6) Ija isaa duratti fudhatama kan qabu gaaʼela koo isa jalqabaa qofa akka taʼen hubadhe. Kanaafuu gaaʼela koo kana seeraan akka galmeeffamun godhe, haadhotii manaa koo warra kaan garuu wanta isaan barbaachisu ergan isaaniif guutee booda isaaniin geggeesse. Yeroo booda, haadhotiin manaa koo warri duraa lamaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru.
FAAYIDAA ANI ARGADHE:
Haati manaa koo amma iyyuu amantaa Kaatolikii kan hordoftu taʼus, murtoo ani Yihowaa tajaajiluuf godhe naaf kabajji. Anas taʼe ishiitti abbaa manaa gaarii akkan taʼe nutti dhaggaʼama.
Kanaan dura hawaasan keessa jiraadhu siyaasatti fayyadamee fooyyessuu akkan dandaʼu natti dhagaʼama ture; carraaqi ani godhe hundi garuu gatii kan hin qabne ture. Amma rakkoowwan ilmaan namootaatiif furmaata dhugaa kennuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe hubadheera. (Maatewos 6:9, 10) Yihowaan akkamitti jireenya gammachuu dhugaa qabu jiraachuu akkan dandaʼu waan natti argisiiseef guddaan isa galateeffadha.
“Jijjiirama Barbaachisu Gochuun Salphaa hin Turre.”—ALʼIKIS LEEMOS SILVA
BARA DHALOOTAA: 1977
BIYYA DHALOOTAA: BIRAAZIIL
SEENAA: PAASTARII AMANTAA PHENXEQOSXEE
JIREENYA KOO DURAA:
Kanan guddadhe bulchiinsa Saaʼoo Pooloo daangaa magaalaa Ituu jedhamtu keessatti dha. Kutaan magaalaa kanaa yakka cimaadhaan kan beekamu dha.
Nama garmalee haamaa taʼee fi jireenya gadhiisii jiraatun ture. Kana malees, qoricha sammuu namaa hadoochu gurguruu irratti hirmaachaan ture. Yeroo booda jireenyi koo kun mana hidhaa akka na galchu ykn lubbuu koo akka na dhabsiisun hubadhe, kanaafuu jireenya akkasii nan dhiise. Achiis miseensa Waldaa Phenxeqosxeen taʼe, olee bulees Paastariin taʼe.
Tajaajilan waldaa keessatti dhiheessuun namoota gargaaruu akkan dandaʼu natti dhagaʼama ture. Hawaasichaaf sagantaalee amantaa raadiyoodhaan nan dabarsan ture. Kanaafuu naannoo sanatti baayʼee beekamaan taʼe. Taʼus yeroo booda waldaan sun nageenyi miseensonni isaa akka isa hin yaaddessinee fi Waaqayyoof ulfina kennuu ilaalchisee dantaa akka hin qabneen hubadhe. Kaayyoon waldichaa qarshii sassaabuu qofa akka taʼe waan natti dhagaʼameef waldicha keessaa baʼuufan murteesse.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuun jalqabe, isaan dhaabbilee amantaa kaan irraa adda akka taʼan hubachuun yeroo natti hin fudhanne. Isaanii wajjin haala walqabateen wantoota lamatu na dinqisiise. Tokkoffaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee Waaqayyoon jaallachuu fi nama jaallachuu afaaniin qofa hin dubbatan, kanaa mannaa hojiidhaan argisiisu. Lammaffaa, siyaasa keessa hin galan ykn waraana irratti hin hirmaatan. (Isaayyaas 2:4) Wantoonni kun lamaan amantaa dhugaa, jechuunis daandii qalʼoo jireenya bara baraatti geessu akkan argadhe naaf mirkaneessaniiru.—Maatewos 7:13, 14.
Waaqayyoon gammachiisuu yoon barbaade jijjiiramawwan guguddaa tokko tokko gochuu akkan qabun hubadhe. Maatii kootiif xiyyeeffannaa dabalataa kennuu na barbaachisa ture. Kana malees, caalaatti amala gad of qabuu horachuun qaba ture. Jijjiiramawwan barbaachisan kana gochuun salphaa hin turre, garuu gargaarsa Yihowaatiin naaf milkaaʼuu dandaʼeera. Jijjiiramawwan kana gochuun koo haadha manaa koo baayʼee dinqisiisee ture. Ishiin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabde na dura dha, jijjiiraman godhe yommuu argitu garuu qoʼannaa ishii irratti saffisaan guddina gochuu ishii itti fufteetti. Utuma baayʼee hin turin anii fi haati manaa koo Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu akka barbaannu hubanne. Kanaafuu lamaan keenya iyyuu gaafuma tokko cuuphamne.
FAAYIDAA ANI ARGADHE:
Anii fi haati manaa koo ijoolleen keenya sadan Yihowaa wajjin hariiroo cimaa akka qabaatan gargaaruu dandaʼuu keenyatti baayʼee gammanna. Maatiin keenyas gammachuu qaba. Yihowaan dhugaa isa Dubbii isaa keessa jiru akkan hubadhu waan na gargaareef isan galateeffadha. Dhugaan kun dhugumaan jireenya namootaa ni jijjiira! Anumtuu kanaaf ragaa dha.
“Amma Qulqulluu Akkan Taʼee fi Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraachaa Akkan Jiru Natti Dhagaʼama.”—VIKTOORIYAA TOON
BARA DHALOOTAA: 1957
BIYYA DHALOOTAA: AWUSTIRAALIYAA
SEENAA: AKKAATAA GUDDINAA GAARII KAN HIN QABNE
JIREENYA KOO DURAA:
Kanan guddadhe Niiwukaasil, Niiwu Saawuz Weelsitti dha. Ani ijoollee torba keessaa ishii angafaa ti; abbaan koo nama hamaa fi dhugaatii alkoolii garmalee dhugu ture, haati koos hamtuu turte. Haati koo garmalee na reebdi, akkasumas na arrabsiti turte. Ishiin irra deddeebitee nama gaarii akkan hin taanee fi gahannam keessatti akkan dhiphadhu natti himti turte. Doorsisni ishii kun baayʼee na sodaachisa ture.
Miidhaa qaamaa haati koo na irraan geessitu yeroo baayʼee mana barumsaa irraa akkan oolu na taasisa ture. Yommuu umuriin koo waggaa 11 taʼu, abbootiin taayitaa warra koo harkaa na fuudhanii dhaabbata mootummaa keessa akkan jiraadhu na taasisan. Yeroo boodas gadaamii dubartootaa keessa jiraachuun jalqabe. Yeroo umuriin koo waggaa 14 taʼu garuu gadaamii sana keessaan bade. Gara manaatti deebiʼuu waanan hin barbaanneef, Siidnii bakka Kiingi Kiros jedhamu daandii irra jiraachuun jalqabe.
Yommuun daandii irra jiraachaa turetti qoricha sammuu namaa hadoochuu fayyadamuu, dhugaatii alkoolii gar malee dhuguu fi pornoograafii ilaaluun jalqabe, akkasumas sagaagaltuun taʼe. Haalli na mudate tokko garuu keessumaa baayʼee na sodaachise ture, mana nama Naayit Kilabii qabu tokko keessa jiraachaan ture. Gaaf tokko galgala namoonni lama isa gaafachuu dhufan. Gara kutaa ciisichaa koo akkan deemu natti hime, garuu wanta isaan haasaʼan nan dhagaʼan ture. Namichi kunis namoota kanatti na gurguruuf qophii gochaa ture. Doonii miʼa feʼu keessa na dhoksanii Jaappaanitti na geessuudhaan mana bunaa keessa akkan hojjedhu gochuuf yaadanii turan. Anis naasuu guddaadhaan karaa foddaa utaalee baʼuudhaan gargaarsa argachuufan baqadhe.
Nama Siidnii daawwachaa jiru tokko wajjinan wal arge; achiis qarshii muraasa naaf kenna jedhee abdachuudhaan haalan keessa turen isaaf ibse. Innis qarshii naa kennuu mannaa dhagna koo akkan dhiqadhuu fi wantan nyaadhu akkan argadhuuf bakka buufatee jirutti na affeere. Taʼus, haalli isaa jijjiiramee isuma birattin hafe. Waggaa tokko boodas gaaʼela godhanne.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIREE AKKAMITTI?
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuun jalqabutti miira garaa garaatu natti dhagaʼame. Maddi hammeenyaa Seexana taʼuu isaa yommuun beeku baayʼeen aare, sababiin isaas yeroo hunda kanan barachaa ture rakkina kan nu irraan gaʼu Waaqayyo akka taʼe dha. Kana malees, Waaqayyoo ibidda Gahannamaatti nama akka hin adabne yommuun hubadhu boqonnaa guddaatu natti dhagaʼaame; barumsi kun ijoollummaa kootii kaasee baayʼee na sodaachisa ture.
Dhugaa Baatonni Yihowaa murtoo kam iyyuu kan godhan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii akka taʼe beekuun koo baayʼee na dinqisiise. Isaan amantii isaanii hojiidhaan argisiisu. Ani nama rakkistuu dha, taʼus wantin dubbadhu maal iyyuu yoo taʼe ykn maal iyyuu yoon godhe Dhugaa Baatonni jaalalaa fi kabaja natti argisiisu turan.
Wanti hunda caalaa natti ulfaate garuu, miira gatii akka hin qabne natti dhagaʼamu moʼuu dha. Ofan jibba ture, miirri kun ergan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee cuuphame boodas yeroo dheeraadhaaf itti fufeera. Yihowaa akkan jaalladhu beeka, inni garuu nama akka kootii matumaa jaallachuu hin dandaʼu jedhee of amansiiseen ture.
Ergan cuuphamee waggaa 15 booda garuu, ilaalcha koo kana irrattin jijjiirama godhe. Haasaa galma walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti dhihaate tokko irratti, obboleessi haasaa dhiheessu tokko Yaaqoob 1:23, 24 caqase. Caqasni kun Dubbii Waaqayyoo daawitii akka Yihowaan nu ilaalutti of ilaaluuf nu gargaaruu wajjin wal fakkeesse. ‘Akkaataa Yihowaan na ilaalutti of ilaalaan jiraa?’ jedheen yaaduu jalqabe. Jalqaba irratti yaada haaraa kana fudhachuu hin barbaanne. Amma iyyuu Yihowaan na jaallata jedhee yaaduun natti ulfaata ture.
Guyyoota muraasa booda caqasa jireenya koo jijjiire tokkon dubbise. Caqasichi Isaayyaas 1:18 dha; akkana jedha: “Kottaa, rakkina nu gidduutti uumameef furmaata haa kenninu. Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee, Akkuma cabbii adii ni taʼa.” Akkuma waan Yihowaan kallattiidhaan, “Vikii kootu rakkina nu gidduutti uumameef furmaata kenninaa. Si beeka, cubbuu ati raawwattes beeka, garaa kees beeka, garuu sin jaalladha” akka waan naan jedhetti natti dhagaʼame.
Gaafa sana galgala rafuu hin dandeenye. Amma iyyuu Yihowaan akka na jaallatu shakkin na keessaa hin baane. Taʼus waaʼee aarsaa furii Yesuus Kiristoosin yaaduu jalqabe, Yihowaan yeroo dheeraadhaaf obsa akka natti argisiisee fi akka na jaallatuu karaawwan hedduudhaan natti argisiisaa akka ture yaaduun jalqabe. Haa taʼu malee ani garuu akka waanan akkas isaan jedhee ti: “Jaalalli kee hammam guddaa taʼus ati na jaallachuu hin dandeessuu. Aarsaan Ilma kees cubbuu koo haguuguuf gaʼaa miti.” Kun akkuma waanan furicha Yihowaatti deebisee darbadhetti ilaalama. Dhuma irratti garuu aarsaa furii kana irratti yommuun xiinxalu Yihowaan akka na jaallatu natti dhagaʼamuu jalqabe.
FAAYIDAA ANI ARGADHE:
Amma qulqulluu akkan taʼee fi jireenya gammachiisaa jiraachaa akkan jiru natti dhagaʼama. Gaaʼelli koo fooyyaʼeera, akkasumas muuxannoo kootti fayyadamee warra kaan gargaaruu dandaʼuu kootti nan gammada. Yeroo kam iyyuu caalaa Yihowaatti akkan dhihaadhe natti dhagaʼama.
“Kun Deebii Kadhannaa Koo Ti.”—SARGEE BOTAANKIIN
BARA DHALOOTAA: 1974
BIYYAA DHALOOTAA : RAASHAA
SEENAA: MUUZIQAA HEEVII MEETAALII KAN JAALLATU
JIREENYA KOO DURAA:
Kanan dhaladhe magaalaa Votkiniski ishii bakka dhalootaa barreessaa fi qindeessa muuziqaa beekamaa Piyotar Iliyechi Chaayikoviskii taate keessatti dha. Maatiin keenya hiyyeeyyii turan. Abbaan koo amaloota gaarii hedduu kana qabu taʼus, garmalee dhugaatii alkoolii dhuga ture. Kunis maatiin keenya yeroo hundumaa akka dhiphatu godha ture
Ani barataa baayʼee cimaa hin turre, waggoonni darbaa yommuu deemanis gatii akkan hin qabnee fi matumaa akka warra kaanii cimaa taʼuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamuu jalqabe. Namoota irraa fagaachuu fi isaan shakkuun jalqabe. Mana barumsaa dhaquun baayʼee na dhiphisa ture. Fakkeenyaaf, mana barumsaatti yommuu gabaasa dhiheessuun na barbaachisu, wantoota salphaa yeroo kan biraa ibsuu dandaʼu yeroo baayʼee ibsuun na rakkisa. Yommuun kutaa saddeetaffaa xumuretti kaardii koo irratti, “Jechoota muraasa qofa beeka, yaada isaa ibsuu hin dandaʼu” jedhamee bareeffamee ture. Jechoonni kun abdii kan na kutachiisan taʼu isaanii irra iyyuu, miirri gatii akkan hin qabne natti dhagaʼamu akka itti caalu godhe. Kaayyoon itti jiraadhu maal akka taʼen yaaduu jalqabe.
Yeroon umurii waggoota kurnanii keessa ture dhugaatii alkooliin dhuguun jalqabe. Jalqaba irratti dhugaatiin miirri gaariin akka natti dhagaʼamu godhee ture. Yommuun garmalee dhuguu eegalu garuu sammuun koo na ceephaʼuu jalqabe. Jireenyi koo kaayyoo kan hin qabne fakkaata ture. Caalaatti dhiphachuun jalqabe, yeroo tokko tokko immoo guyyoota hedduudhaaf mana kootii hin baʼuun ture. Kanaaf waaʼee of ajjeesuun yaaduu jalqabe.
Yommuu umuriin koo waggaa 20 taʼu, wanta haaraa yeroodhaaf boqonnaa naaf argamsiisun argadhe. Innis muuziqaa heevii meetaalii ture. Muuziqaan kun humna akka naaf kennu natti dhagaʼame. Akkasumas namoota muuziqaa kana dhaggeffatan barbaaduun jalqabe. Rifeensa koon guddifadhe, gurra koos nan uradhe, akkasumas akkaataa uffannaa weelistootan dinqisiifadhu hordofuun jalqabe. Oolee bulee nama dantaa hin qabnee fi garmalee aaruun taʼe, yeroo baayʼees maatii koo wajjinan wal lola ture.
Muuziqaa heevii meetaalii dhaggeeffachuun gammachuu naaf argamsiisa jedhee yaadeen ture, taʼus wanti na mudate faallaa isaa ti. Amalli koo jijjiiramee nama kan biraan taʼe. Weelistoota beekamoo ilaalchisee waaʼee isaanii wanta gaarii hin taane tokko tokko yommuun dhagaʼu akka waanan ganameetti natti dhagaʼame.
Amma garuu irra deebiʼeen waaʼee of ajjeesuu yaaduu jalqabe, yeroo kanatti waaʼee of ajjeesuu irratti cimsee yaadaan ture. Of ajjeesuu irraa duubatti akkan jedhu wanti na taasise, haati koo hangam akka miidhamtu yaaduu koo ti. Isheen baayʼee na jaalatti wanta baayʼees naaf gootetti. Haalli isaa baayʼee ulfaataa ture. Jiraachuu hin barbaadu, garuu immoo of ajjeesuu hin dandeenye.
Yaadni koo wanta kan biraa irratti akka xiyyeffatu gochuuf, barreeffamoota beekamoo Afaan Raashaatiin qophaaʼan dubbisuun jalqabe. Seenaan dubbisaa ture keessa tokko waaʼee nama beekamaa waldaa keessa tajaajilaa ture tokko kan ibsuu dha. Yeruma sana Waaqayyoof namootaaf waa gochuu akkan qabu natti dhagaʼame. Kanaan dura matumaa akkas godhee kanan hin beekne taʼus, wanta garaa koo keessa jiru hundumaa kadhannaadhaan Waaqayyottan himadhe. Jireenya kaayyoo qabu jiraachuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe Waaqayyo akka natti argisiisuun isa kadhadhe. Yeroon kadhannaa dhiheesse kanatti boqonnaa hangana hin jedhamnetu natti dhagaʼame. Wanti itti aanee raawwatame garuu caalaatti kan nama dinqisiisuu dha. Gara saʼaatii lamaa booda, Dhugaa Baatuun Yihowaan takka dhufte mana koo rurukutte, achiis Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu na affeerte. Kun deebii kadhannaa kootii akka taʼeen amana. Kun guyyaa haaraa jireenya haaraa jiraachuu itti jalqabee dha.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?
Baayʼee ulfaataa taʼus wanta muuziqaa heevii meetaalii wajjin walqabatu hundumaan baasee gate. Taʼus muuziqaan isaa yeroo dheeraadhaaf sammuu koo keessaa hin banne ture. Akka tasaa karaa irra deemaa utuun jiru muuziqaa sana yoon dhagaʼe, yeruma sana waaʼee jireenya koo duraan yaaduu jalqaba. Yaadannoowwan gaarii hin taane sun, wantoota gaarii sammuu fi garaa koo keessa hidda gadi fageeffachaa jiran irratti dhiibbaa akka godhan hin barbaadu. Kanaaf taʼe jedheen naannoowwan kana irra fagaadha. Waaʼee jireenya koo duraa yaadachuuf yommuu qoramu hundatti kadhannaa cimaan dhiheessa. Akkas gochuun koo, ‘nagaa Waaqayyo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ argachuuf na gargaareera.—Filiphisiyus 4:7.
Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa yommuun deemu, Kiristiyaanonni amantii isaanii warra kaanitti himuuf dirqamni akka isaan irra jirun hubadhe. (Maatewos 28:19, 20) Kana matumaa gochuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture. Gama biraatiin immoo wantoonni haaraa ani barachaa ture, gammachuu guddaa fi nagaa keessaa naaf argamsiisaniiru. Namoonni kaanis dhugaa kana barachuu akka qaban hubadheen ture. Kanan sodaadhu taʼus wantan baradhe warra kaanitti himuun jalqabe. Kan nama dinqisiisu garuu, ergaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuun koo ofitti amanannaan koo akka dabalu godheera. Akkasumas barumsawwan kunneen garaa koo keessatti hidda akka gadi fageeffatan gochuuf na gargaareera.
FAAYIDAA ANI ARGADHE:
Amma gaaʼela gammachiisaan qaba, akkasumas haadha koo fi obboleettii koo dabalatee namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruudhaan gammachuu argachuu dandaʼeera. Waaqayyoon tajaajiluu fi warri kaan waaʼee isaa akka baratan gargaaruun koo jireenya kaayyoo dhugaa qabu naaf argamsiiseera.