Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Odeeffannoo

Odeeffannoo

CUUPHAA Jaarsoliin keessan kaadhimamtoonni cuuphaa sagantaa Sanbadduraa ganamaa booda cuuphamuu akka dandaʼaniif akkuma haala naannichaatti qophii mijataa ni godhu.

BUUSII Walgaʼiin naannoo kun afaan 400 oliin hiikama. Buusiin isin fedhiidhaan gootan hojii addunyaa maratti raawwatamu kana deggeruuf oola. Weebsaayitii donate.pr418.com ilaaluudhaan intarneetiidhaan buusii gochuu dandeessu. Buusii gootan hundumaaf guddaa isin galateeffanna. Qaamni Ol Aanaan, deggersa hojii Mootummichaatiif gaarummaadhaan gootaniif guddaa isin galateeffata.

MANA BARUMSAA LABSITOOTA WANGEELA MOOTUMMICHAA Qajeelchitoonni tajaajila isaanii balʼifachuu barbaadanii fi umuriin isaanii waggaa 23 hanga 65 taʼe, barreessaa gumii isaanii haasofsiisuudhaan foormii Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa intarneetiidhaan guutamu akka guutan affeeramaniiru.

Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan Qophaaʼe

© 2021 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvani