KUTAA 4
Waaqayyo Eenyu?
NAMOONNI waaqolii hedduu waaqeffatu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Waaqni inni dhugaan tokko qofa akka taʼe dubbata. Inni adda kan taʼe, aangoo hunda caalu kan qabuu fi bara baraaf kan jiraatu dha. Wantoota lafaa fi samii irra jiran hunda kan uume, nuufis jireenya kan kenne isa dha. Kanaafuu, waaqeffachuu kan qabnu isa qofa dha.
Waaqayyo maqaa ulfinaa hedduu kan qabu taʼus maqaa dhuunfaa tokko qofa qaba; maqaan isaa kunis YIHOWAA dha. Waaqayyo Museedhaan, “Israaʼelotaan akkana jetta: ‘Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob taʼetu gara keessanitti na erge.’ Bara baraaf maqaan koo isa kana; dhalootaa hamma dhalootaattis kanaan nan yaadatama” jedhe. (Baʼuu 3:15) Maqaan Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti gara siʼa 7,000 ni argama. Fakkeenyaaf Faarfannaan 83:18 waaʼee Waaqayyoo, “Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan” jedha.
Namni Waaqayyoon argee beeku hin jiru. Waaqayyo Museedhaan, “Namni kam iyyuu na argee lubbuudhaan jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu” jedheera. (Baʼuu 33:20) Waaqayyo samii irra kan jiraatu yeroo taʼu, namoonnis isa arguu hin dandaʼan. Waaqolii tolfamoo, fakkiiwwanii fi mallattoowwan Waaqayyoon bakka buʼu jedhaman tolchuunis taʼe isaanitti kadhannaa dhiheessuun dogoggora dha. Yihowaan karaa Musee raajichaa ajaja akkana jedhu dabarsee ture: ‘Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin. Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin; sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.’ (Baʼuu 20:2-5) Yeroo booda immoo Waaqayyo karaa Isaayyaas raajichaa akkana jedheera: “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana; ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu, galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.”—Isaayyaas 42:8.
Namoonni tokko tokko Waaqayyotti kan amanan taʼus, isa beekuu fi isatti dhihaachuun akka hin dandaʼamne, akkasumas isa jaallachuu mannaa isa sodaachuu akka qabnu isaanitti dhagaʼama. Maal sitti fakkaata? Waaqayyo dhuunfaatti xiyyeeffannaa sii kennaa? Dhugumaan isa beekuu fi isatti dhihaachuu ni dandeessaa? Mee Kitaabni Qulqulluun amaloota Waaqayyoo ilaalchisee wanta jedhu haa ilaallu.