KUTAA 11
Yeroo Harʼaatti Amantii Dhugaa Qabaachuu
YEROO harʼaa namoonni hedduun amantii akka qaban dubbatu. Haa taʼu malee Yesuus amantii dhugaa kan qaban namoota muraasa qofa akka taʼan barsiiseera. “Karri badiisatti geessu balʼaa dha; daandiin isaas guddaa dha; namoonni irra adeemanis baayʼee dha; karri gara jireenyaatti geessu immoo dhiphaa dha; daandiin isaas qalʼoo dha; namoonni isa argatanis muraasa” jedheera.—Maatewos 7:13, 14.
Namoonni yeroo harʼaatti amantii dhugaa akka qaban kan argisiisan akkamitti? Yesuus, “Firii isaaniitiin adda baastanii isaan beektu” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Mukti gaariin hundi firii gaarii godhata; mukti tortore hundi garuu firii gadhee godhata” jedheera. (Maatewos 7:16, 17) Kanaafuu, amantii dhugaan “firii gaarii” godhata. Namoonni amaloota Waaqayyo jaallatu akka horatan jajjabeessa. Amala kana horachuu kan dandaʼan akkamitti?
Aangootti Seeraan Fayyadamaa
Namoonni amantii dhugaa qaban mirgaa fi aangoo isaanii Waaqayyoof ulfina fiduu fi warra kaan gargaaruuf itti fayyadamu. Yesuus, “Isin gidduutti guddaa taʼuu kan barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan haa taʼu” jechuudhaan barsiiseera. (Maarqos 10:43) Haaluma wal fakkaatuun namoonni amantii dhugaa qaban alattis taʼe mana keessatti warra kaan hin hacuucan. Haadhotii manaa isaaniitiif bakka guddaa kennu, isaan kabaju, akkasumas jaalalaan kakaʼanii wanta isaaniif barbaachisu isaaniif guutu. Kitaabni Qulqulluun, “Isin abbootiin manaa, haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa; garmalees isaanitti hin dheekkaminaa” jedha. (Qolosaayis 3:19) “Isin abbootiin manaa, beekumsaan isaanii wajjin jiraachuu keessan itti fufaa. Isaanis isinii wajjin kennaa jireenyaa waan dhaalaniif, akkasumas kadhannaan keessan akka hin ittifamneef, dubartoota warra isin caalaa akka qodaa cabuu taʼan kabajaa.”—1 Pheexiros 3:7.
Karaa biraatiin immoo, haati manaan amantii dhugaa qabdu, “abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.” (Efesoon 5:33) Haadhotiin manaa, “abbootii manaa isaanii fi ijoollee isaanii” jaallachuu qabu. (Tiitoo 2:4) Abbootii fi haadhotiin amantii dhugaa qaban ijoollee isaanii wajjin yeroo ni dabarsu, akkasumas seeraa fi qajeelfama Waaqayyoo isaan barsiisu. Manatti, bakka hojiitti, akkasumas bakka biraatti namoota kaan ulfinaa fi kabajaan qabu. Gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa” jedhu ni hordofu.—Roomaa 12:10.
Tajaajiltoonni Waaqayyoo gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Mattaʼaa hin fudhatin” jedhus ni kabaju. (Baʼuu 23:8) Aangoo isaaniitti fayyadamanii matumaa faayidaa dhuunfaa argachuufis hin yaalan. Kanaa mannaa, namoota kaan, keessumaa warra gargaarsi barbaachisu gargaaruuf carraa barbaadu. Gorsa, “Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa; Waaqayyo aarsaawwan akkasiitti baayʼee gammada” jedhu hordofu. (Ibroota 13:16) Kanaafuu, wanta Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jechuudhaan dubbate dhugaa taʼuu isaa jireenya isaanii keessatti ni argu.—Hojii Ergamootaa 20:35.
Ulaagaa Waaqayyo Haqaaf Baase Hordofaa
Namoonni amantii dhugaa qaban fedhiidhaan seera Waaqayyootiif ni ajajamu, isaaniif 1 Yohaannis 5:3) Yaada, “Seerri Yihowaa mudaa hin qabu. . . . Qajeelfamni Yihowaa qajeelaa dha, garaa namaa gammachiisa; ajajni Yihowaa qulqulluu dha, ija namaa ibsa” jedhu beeku.—Faarfannaa 19:7, 8.
‘ajajawwan isaa baʼaa ulfaatoo miti.’ (Amantiin dhugaa namoota wal caalchisuu irraa akka fagaatanis isaan kakaasa. Sanyii, biyya ykn garee hawaasaa tokko isa kaan irra hin caalchisan, kanaa mannaa, fakkeenya Waaqayyoo hordofu. ‘Waaqayyo hin loogu. Saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.’—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.
Amantiin dhugaa, namoonni ‘waan hundumaa irratti amanamummaadhaan akka jiraatan’ isaan kakaasa. (Ibroota 13:18) Namni amantii dhugaa qabu hamii fi maqaa namaa balleessuu irraa ni fagaata. Nama Waaqayyo duratti fudhatama argatu ilaalchisee Daawit faarfatichi, “Arraba isaatiin maqaa hin balleessu, wanta hamaa taʼe tokko illee nama irratti hin raawwatu” jechuudhaan barreesseera.—Faarfannaa 15:3.
Ogummaa Waaqayyoo Irraa Baradhaa
Warri amantii dhugaa qaban amantiin isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti qofa kan hundaaʼe dha. Yaada, “Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman yeroo taʼu, barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf fayyadu” jedhutti ni amanu. (2 Ximotewos 3:16) Walitti dhufeenya namootaa wajjin qabaniin, ‘ogummaa isa ol gubbaadhaa dhufu,’ isa ‘qulqulluu, naga qabeessa, isa yaada ofiitti hin cichine, isa ajajamuuf qophaaʼe, isa gara laafinaa fi firii gaariidhaan guutame’ sana ni calaqqisiisu. (Yaaqoob 3:17) Aadaa Waaqayyoon hin gammachiisnee fi gocha hafuura hamaa irraa ni fagaatu, akkasumas ‘waaqolii tolfamoo irraa of ni eegu.’—1 Yohaannis 5:21.
Jaalala Dhugaa Argisiisaa
Museen raajichi, “Atis Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu” jedheera. (Keessa Deebii 6:5) Namoonni amantii dhugaa qaban Waaqayyoof jaalala akkasii qabu. Maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuuf kabaja qabu. ‘Yihowaadhaaf galata galchu,’ akkasumas amantiidhaan ‘maqaa isaa waammatu.’ (Faarfannaa 105:1) Tajaajiltoonni Waaqayyoo ajaja isaa isa “nama akka ofii keetti jaalladhu” jedhus ni eegu. (Lewwoota 19:18) Hammeenya irraa ni fagaatu, ‘namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuufis’ ni carraaqu. (Roomaa 12:18) Fakkeenyaan “goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti, eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti” jijjiiraniiru. (Isaayyaas 2:4) Kanaan kan kaʼes, ‘waliif jaalala qabu,’ akkasumas waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessa jiru. (Yohaannis 13:35) Yeroo harʼaatti namoota akkasii adda baastee beekuu dandeessaa?