Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame
Obboloota Jaallatamo:
Masaraan Eegumsaa maxxansa sabaa Amajjii 1, 2008rratti mataduree haaraan “Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa” jedhuufi nama hawwatu darbee darbee akka baʼu beeksisee ture. Yeroo sanaa kaasee mataduree dhaabbataa taʼe kana jalatti matadureewwan haaraan darbanii darbanii baʼaa turaniiru.
Namoonni mataduree kana dubbisan maal jedhan? Dubartiin tokko mataduree waaʼee Maartaa ibsu erga dubbistee booda, “Anis yeroo tokko tokko michootakoo wajjin taaʼee haasaʼuu mannaa akkuma Maartaa waan keessummootaaf barbaachisu dhiheessuurratti waanan xiyyeeffadhuuf mataduree kana yommuun dubbisu nan kolfe” jechuudhaan barreessiteetti. Shamarreen umriinshee waggaa 15 taʼe tokko seenaa Asteer erga dubbistee booda akkas jetteetti: “Uffataafi faashinii ammayyaarratti garmalee akka xiyyeeffannu hubachuu dandaʼeera. Akka gaariitti of miidhagsuu kan qabnu taʼus, keessa baʼuu hin qabnu.” Itti dabaluudhaanis, “Yihowaan keessa namummaa keenyaarratti xiyyeeffata” jetteetti. Obboleettiin tokkommoo mataduree waaʼee Phexros ibsu tokko erga dubbistee booda gammachuudhaan akkas jetteetti: “Seenaansaa xiyyeeffannaakoo guutummaatti harkisee ture. Akkuman iddoo sana jirutti natti dhagaʼame. Yaanni barreeffamichi dubbatus guutummaatti miirakoo tuqee ture.”
Namoonni kunis taʼan warri kaan dinqisiifannaa mataduree kanaaf qaban ibsuuf barreessan hedduun yaanni Phaawulos waggoota baayʼee dura, “Wanti caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman” jechuudhaan barreesse dhugaa taʼuusaa mirkaneessu. (Rom. 15:4) Eeyyee, Yihowaan seenaawwan kun Macaafa Qulqulluu keessatti akka galmeeffaman kan godhe barumsa guddaa nu barsiisuufidha. Waggoota hangamiitiifiyyuu dhugaa keessa kan turre yoo taane hundi keenya seenaawwan kanarraa barachuu ni dandeenya.
Kitaabni kun akkuma isin gaʼeen hatattamaan akka dubbistan isin jajjabeessina. Akkasumas sagantaa Waaqeffannaa Maatii keessanirratti itti fayyadamaa; ijoolleen keessan kitaabicha akka jaallatan hin shakkisiisu. Kitaabni kun Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiirratti yommuu qayyabatamu torban tokkoofillee akka isin darbu hin heyyaminaa. Suuta jedhaatii irratti xiinxalaa dubbisaa. Dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamaa; qaamni miiraa keessan akka irratti hirmatu godhaa. Wanti namoota kanatti dhagaʼame akka isinitti dhagaʼamu, wanti isaan arganis akka isinitti mulʼatu gochuuf yaalaa. Wanti tokko yommuu isaan mudatu maal akka godhaniifi utuu isin taʼee maal akka gootan yaadaa.
Kitaaba kana isinii qopheessuu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Isiniifis taʼe maatii keessaniif eebba akka argamsiisu ni hawwina. Nagaan keenya onneerraa madde isin haa gaʼu,
Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa