Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Irra Deebii Kutaa 1ffaa

Irra Deebii Kutaa 1ffaa

Barsiisaa kee wajjin gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa:

  1. Abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kenne keessaa isa kamtu caalaatti si hawwata?

    (Barumsa 02 ilaali.)

  2. Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼe kan amantu maaliifi?

    (Barumsa 03 fi 05 ilaali.)

  3. Maqaa Yihowaatti fayyadamuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

    (Barumsa 04 ilaali.)

  4. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “madda jireenyaa” akka taʼe dubbata. (Faarfannaa 36:9) Atoo kanatti ni amantaa?

    (Barumsa 06 ilaali.)

  5. Fakkeenya 3:32 dubbisaa.

    • Michummaan Yihowaa wajjin qabnu michummaa kam irra iyyuu kan caalu maaliifi?

    • Yihowaan michoota isaa irraa maal eega? Kun sirrii sitti fakkaataa?

      (Barumsa 07 fi 08 ilaali.)

  6. Faarfannaa 62:8 dubbisaa.

    • Wantoota Yihowaa kadhatte keessaa tokko tokko maal faʼi? Kan biraa hoo waaʼee maalii kadhachuu dandeessa?

    • Yihowaan kadhannaa dhihaatuuf deebii kan kennu akkamitti?

      (Barumsa 09 ilaali.)

  7. Ibroota 10:24, 25 dubbisaa.

    • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa si fayyaduu kan dandaʼan akkamitti?

    • Walgaʼiiwwan irratti argamuuf carraaqqii gochuun kan nama hin gaabbisiisne sitti fakkaataa?

      (Barumsa 10 ilaali.)

  8. Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuun gaarii kan taʼe maaliifi? Kitaaba Qulqulluu kan dubbistu yoomi?

    (Barumsa 11 ilaali.)

  9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa hanga ammaatti kan si gammachiise maali dha?

  10. Kitaaba Qulqulluu erga qoʼachuu jalqabdee kaasee haalli rakkisaan si mudate jiraa? Qoʼannaa kee itti fufuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

    (Barumsa 12 ilaali.)