Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 15

Yesuus Eenyu?

Yesuus Eenyu?

Yesuus namoota seenaa keessatti baayʼee beekaman keessaa tokko dha. Taʼus, namoonni hedduun maqaa isaa irraa kan hafe waaʼee isaa wanta baayʼee hin beekan. Baayʼeen isaanii immoo eenyummaa isaa ilaalchisee ilaalcha adda addaa qabu. Garuu Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa maal jedha?

1. Yesuus eenyu?

Yesuus qaama hafuuraa humna guddaa qabuu fi samii keessa jiraatu dha. Yihowaan wanta hundumaa dura isa uume. “Angafa uumama hundumaa” kan jedhames kanaafi. (Qolosaayis 1:15) Yihowaan kallattiidhaan kan uume Yesuusiin qofa waan taʼeef, Kitaabni Qulqulluun “Ilma isaa isa tokkicha” a jedhee waama. (Yohaannis 3:16) Yesuus wantoota kan biroo hunda uumuu irratti Abbaa isaa Yihowaa wajjin hojjeteera. (Fakkeenya 8:30 dubbisi.) Yesuus amma iyyuu Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu isaa itti fufeera. “Dubbicha,” jechuunis dubbii himaa Waaqayyoo taʼee ergaa fi qajeelfama isaa amanamummaadhaan dabarsaa jira.—Yohaannis 1:14.

2. Yesuus gara lafaa kan dhufee maaliifi?

Gara waggaa 2,000 dura Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee dinqiidhaan jireenya Yesuus isa samii irraa gara gadameessa durba Maariyaam jedhamtuutti dabarse. Akka kanaan Yesuus nama taʼee dhalate. (Luqaas 1:34, 35 dubbisi.) Yesuus gara lafaa kan dhufe Masiihicha ykn Kiristoos abdachiifame akka taʼuu fi ilmaan namootaa akka fayyisuufi. b Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Masiihichaa dubbataman hundi isa irratti raawwatamuun isaanii namoonni Yesuus, “Kiristoos, Ilma Waaqayyo isa jiraataa” taʼuu isaa akka hubatan godheera.—Maatewos 16:16.

3. Yesuus amma eessa jira?

Yesuus nama taʼee erga duʼee booda qaama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼuudhaan gara samiitti deebiʼeera. Achittis “Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol isa godhe.” (Filiphisiyus 2:9) Yesuus yeroo ammaatti Yihowaatti aanee aangoo guddaa qaba.

CAALAATTI BARADHU

Yesuus dhugumaan eenyu akka taʼee fi waaʼee isaa barachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubadhu.

4. Yesuus Waaqa Hundumaa Dandaʼu miti

Kitaabni Qulqulluun, Yesuus qaama hafuuraa humna guddaa qabuu fi samii irra jiraatu taʼus, Yihowaa isa Waaqa isaa fi Abbaa isaa taʼeef akka bitamu barsiisa. Akkas kan jennu maaliifi? Yesuus Waaqa hundumaa dandaʼu wajjin yeroo wal bira qabamu aangoo akkamii akka qabu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuuf, VIIDIYICHA taphachiisaa.

Caqasoonni armaan gadii garaa garummaa Yihowaa fi Yesuus gidduu jiru hubachuuf nu gargaaru. Caqasoota hunda dubbisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

Luqaas 1:30-32 dubbisaa.

  • Wanti maleekaan sun dubbate Yesuusii fi Yihowaan inni “Hundaa Ol” taʼe garaa gara akka taʼan kan ibsu akkamitti?

Maatewos 3:16, 17 dubbisaa.

  • Yeroo Yesuus cuuphametti sagaleen samii irraa dhagaʼame maal kan jedhu ture?

  • Sagaleen sun kan eenyuu sitti fakkaata?

Yohaannis 14:28 dubbisaa.

  • Umurii fi aangoodhaan kan caalu eenyu? Abbaa moo ilma dha?

  • Yesuus Yihowaan Abbaa isaa akka taʼe yommuu dubbatu maal jechuu isaa ti?

Yohaannis 12:49 dubbisaa.

  • Yesuus innii fi Abbaan isaa karaa hundumaan qixxee akka taʼanitti yaadaa? Maal sitti fakkaata?

5. Yesuus Masiihicha taʼuu isaa mirkaneesseera

Kitaabni Qulqulluun raajiiwwan waaʼee Masiihii Waaqayyo ilmaan namootaa fayyisuuf filatee ibsan hedduu qabateera. Raajiiwwan kunis namoonni Masiihicha akka beekan gargaaraniiru. Raajiiwwan Yesuus yeroo gara lafaa dhufetti raawwate tokko tokko beekuuf, VIIDIYICHA taphachiisaa.

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kanneen dubbisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa:

Bakka Masiihichi itti dhalatu beekuuf Miikiyaas 5:2 dubbisaa. c

  • Bakki Yesuus itti dhalate raajiin kun akka raawwatamu godheeraa?—Maatewos 2:1.

Raajiiwwan duʼa Masiihichaa ilaalchisee dubbataman balʼinaan ilaaluuf Faarfannaa 34:20 fi Zakkaariyaas 12:10 dubbisaa.

  • Raajiiwwan kun raawwatamaniiruu?—Yohaannis 19:33-37.

  • Yesuus raajiiwwan kun isa irratti akka raawwataman gochuuf dursee haala mijeessuu kan dandaʼu sitti fakkaataa?

  • Kun waaʼee Yesuus maal siif mirkaneessa?

6. Waaʼee Yesuus barachuun nu fayyada

Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yesuusii fi gaʼee inni qabu barachuun barbaachisaa akka taʼe irra deddeebiʼee nu yaadachiisa. Yohaannis 14:6 fi 17:3 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Waaʼee Yesuus barachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Yesuus michoota Waaqayyoo akka taanu karaa nuu baneera. Waaʼee Yihowaa dhugaa isaa barsiiseera, karaa isaas jireenya bara baraa argachuu dandeenya

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesuusitti hin amanan.”

  • Maal jettee deebista?

MAAL BARATTE?

Yesuus qaama hafuuraa humna guddaa qabu dha. Inni Ilma Waaqayyoo fi Masiihicha dha.

Irra Deebii

  • Yesuus “angafa uumama hundumaa” kan jedhame maaliifi?

  • Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura maal hojjechaa ture?

  • Yesuus Masiihicha taʼuu isaa akkamitti beekna?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo Abbaa Yesuus akka taʼe kan dubbatu maaliif akka taʼe hubadhu.

“Yesuus Ilma Waaqayyoo Jedhamee kan Waamame Maaliifi?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Sillaaseen barumsa Kitaaba Qulqulluu kan hin taane maaliif akka taʼe ilaali.

“Yesus Waaqayyodhaa?” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessaa-Fulbaanaa 2009)

Dubartiin takka wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yesuus dubbatu irratti qorannoo erga gootee booda jireenyi ishii kan jijjiirame akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Dubartiin Yihudii Takka Sababii Itti Amantii Ishii Irra Deebitee Qorte Ibsiteetti” (Mata duree Dammaqaa! irratti ba’e)

a Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo akkuma ilmaan namootaa ijoollee godhatanitti kallattiidhaan Yesuusiin akka dhalche hin barsiisu.

b Barumsi 26 fi 27 ilmaan namootaa fayyuun kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼee fi Yesuus kan nu fayyisu akkamitti akka taʼe ibsa.

c Raajii yeroo sirrii Masiihichi lafa irratti mulʼatu ilaalchisee dubbatame beekuuf Ibsa Dabalataa 2 ilaali.