BARUMSA 36
Waan Hundumaa Irratti Amanamaa Taʼi
Namni hundi michoota amanamoo taʼan argachuu barbaada. Yihowaanis michoonni isaa amanamoo akka taʼan barbaada. Haa taʼu malee, addunyaa namoota amanamoo hin taaneen guutame keessatti amanamoo taʼuun salphaa miti. Waan hundumaa irratti amanamoo taʼuun faayidaa maalii qaba?
1. Sababiin amanamoo taʼuuf nu kakaasu inni guddaan maali dha?
Namoota kaaniif amanamoo yommuu taanu, Yihowaa akka jaallannuu fi akka isa kabajnu argisiisna. Yihowaan wanta yaannuu fi wanta goonu hunda beeka. (Ibroota 4:13) Amanamoo taʼuuf yommuu filannu ni arga, akkas gochuun keenyas isa gammachiisa. Dubbiin isaa, “Yihowaan nama jalʼaa ni jibba, warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba” jedha.—Fakkeenya 3:32.
2. Karaawwan jireenya keenya keessatti amanamoo taʼuu itti dandeenyu tokko tokko kam faʼi?
Yihowaan ‘walii keenyatti dhugaa akka dubbannu’ barbaada. (Zakkaariyaas 8:16, 17) Kun maal jechuu dha? Maatii keenya, namoota wajjin hojjennu, obbolootaa fi obboleettota keenya ykn abbootii taayitaa mootummaa wajjin yommuu haasofnu sobuu ykn odeeffannoo nama dogoggorsu dubbachuu hin qabnu jechuu dha. Namoonni amanamoo taʼan warra kaan jalaa hin hatan ykn isaan hin gowwoomsan. (Fakkeenya 24:28 fi Efesoon 4:28 dubbisi.) Qaraxa kaffaluun isaaniif malu hundas ni kaffalu. (Roomaa 13:5-7) Karaawwan kanneenii fi kan birootiin, ‘waan hundumaa irratti amanamummaadhaan akka jiraannu’ argisiisna.—Ibroota 13:18.
3. Amanamoo taʼuun faayidaa akkamii argamsiisa?
Amanamoo taʼuudhaan maqaa gaarii yommuu qabaannu warri kaan nu amanu. Akkas gochuun keenya, namoonni gumii keessa jiran hundi akkuma maatii jaalala qabeessa taʼe keessa jiraniitti nageenyi akka isaanitti dhagaʼamu godha. Qalbii qulqulluus ni qabaanna. Kana malees amanamoo taʼuun keenya, “barumsi Waaqa isa Fayyisaa keenya taʼe sanaa . . . akka miidhagu” gochuu fi namoonni kaan gara waaqeffannaa dhugaa akka dhufan gochuu dandaʼa.—Tiitoo 2:10.
CAALAATTI BARADHU
Amanamaa taʼuun Yihowaa fi si irratti jijjiirama akkamii akka fidu hubadhu, akkasumas haalawwan garaa garaa keessatti akkamitti amanamaa taʼuu akka dandeessu baradhu.
4. Amanamummaan Yihowaa ni gammachiisa
Faarfannaa 44:21 fi Miilkiyaas 3:16 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
-
Waaʼee dhimma tokkoo dhugaa isaa Yihowaa jalaa dhoksuu akka dandeenyu yaaduu kan hin qabne maaliif sitti fakkaata?
-
Yeroo rakkisaa taʼutti illee dhugaa kan dubbannu yoo taʼe Yihowaatti maaltu dhagaʼama jettee yaadda?
5. Yeroo hundumaa amanamummaadhaan jiraadhu
Namoonni hedduun yeroo hundumaa amanamaa taʼuun hin dandaʼamu jedhanii yaadu. Taʼus yeroo hundumaa amanamoo taʼuu kan qabnu maaliif akka taʼe ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa.
Ibroota 13:18 dubbisaa, achiis haalawwan armaan gadii keessatti amanamoo taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe mariʼadhaa:
-
Maatii keenya keessatti.
-
Bakka hojiitti ykn mana barumsaatti.
-
Haalawwan kan biroo keessatti.
6. Amanamoo taʼuun nu fayyada
Amanamoo taʼuun rakkoowwan tokko tokkoof nu saaxiluu dandaʼa. Oolee bulee garuu faayidaa guddaa argamsiisa. Faarfannaa 34:12-16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
-
Amanamaa taʼuun jireenya kee kan fooyyessu akkamitti?
-
Hiriyoonni gaaʼelaa amanamoo taʼan gaaʼela isaanii cimsatu
-
Hojjettoonni amanamoo taʼan nama isaan qacare biratti ni amanamu
-
Lammiileen amanamoo taʼan abbootii taayitaa biratti maqaa gaarii qabaatu
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Warra kaan hamma hin miinetti darbee darbee sobuun rakkina hin qabu.”
-
Yihowaan soba hundumaa ni jibba jettee kan amantu maaliifi?
MAAL BARATTE?
Yihowaan michoonni isaa wanta dubbatanii fi wanta godhan hundumaan amanamoo akka taʼan barbaada.
Irra Deebii
-
Karaawwan amanamoo taʼuu itti dandeenyu tokko tokko kam faʼi?
-
Dhugaa dhoksuu akka dandeenyu yaaduun gowwummaa kan taʼe maaliifi?
-
Yeroo hundumaa amanamaa taʼuu kan barbaaddu maaliifi?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Warri ijoolleen isaanii amanamoo akka taʼan barsiisuu kan dandaʼan akkamitti?
Waadaa galle eeguun keenya faayidaa akkamii argamsiisa?
Karaa dogoggoraatiin faayidaa irra kan oolu taʼu illee, qaraxa kaffaluun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe dubbisi.
“Qaraxa Kaffaluu Qabdaa?” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)
Namni amanamaa hin turre tokko jireenya isaa jijjiiree amanamummaadhaan akka jiraatu wanti isa kakaase maali dha?