Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 43

Kiristiyaanonni Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabu?

Kiristiyaanonni Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabu?

Addunyaa maratti namoonni dhugaatii alkooliitiif ilaalcha adda addaa qabu. Namoonni tokko tokko michoota isaanii wajjin darbee darbee dhugaatii alkoolii dhuguun isaan gammachiisa. Kaan immoo guutummaa guutuutti dhuguu dhiisuuf filataniiru. Hamma machaaʼanitti kan dhuganis jiru. Maarree Kitaabni Qulqulluun hoo waaʼee dhugaatii alkoolii maal jedha?

1. Dhugaatii alkoolii dhuguun dogoggoraa?

Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii dhuguu hin dhorku. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun kennaawwan Waaqayyo nuuf kenne yommuu tarreessu ‘daadhii wayinii garaa namaa gammachiisu’ ni caqasa. (Faarfannaa 104:14, 15) Dhiironnii fi dubartoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman tokko tokko dhugaatii alkoolii ni dhugu turan.—1 Ximotewos 5:23.

2. Kitaabni Qulqulluun namoota dhugaatii alkoolii dhuguuf filataniif gorsa akkamii kenna?

Yihowaan garmalee dhuguu fi machaaʼuu ni balaaleffata. (Galaatiyaa 5:21) Dubbiin isaa, “Namoota daadhii wayinii hedduu dhuganii wajjin . . . hin taʼin” jedha. (Fakkeenya 23:20) Kanaafuu dhuunfaattis taʼe namoota wajjin dhuguuf yoo filanne hamma sirriitti yaaduu dadhabnutti, hamma dubbii fi gocha keenya toʼachuu dadhabnutti ykn hamma fayyaa keenya miinutti dhuguu hin qabnu. Hamma dhugnu toʼachuu hin dandeenyu taanaan garuu guutummaatti dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuuf murteessuu qabna.

3. Murtoo warri kaan dhugaatii alkoolii ilaalchisee godhan kabajuu kan dandeenyu akkamitti?

Namni hundi dhugaatii alkoolii dhuguuf ykn dhiisuuf murtoo mataa isaa gochuu qaba. Nama dhugaatii alkoolii utuu hin baayʼisin dhuguuf filatetti murteessuu hin qabnu. Nama dhuguu hin barbaannes akka dhugu dirqisiisuu hin qabnu. (Roomaa 14:10) Dhugaatii alkoolii dhuguun keenya warra kaan miidhuu kan dandaʼu yoo taʼe dhuguu dhiisuuf filanna. (Roomaa 14:21 dubbisi.) ‘Faayidaa mataa keenyaa utuu hin taʼin faayidaa nama kan biraa’ barbaaduu qabna.—1 Qorontos 10:23, 24 dubbisi.

CAALAATTI BARADHU

Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu dhuguuf ykn dhiisuuf, akkasumas hammam dhuguu akka qabdu murteessuuf si gargaaran hubadhu. Araada dhugaatii alkoolii wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼe immoo maal gochuu akka dandeessu baradhu.

4. Dhugaatii alkoolii ilaalchisee murtoo dhuunfaa godhi

Yesuus dhugaatii alkoolii dhuguu ilaalchisee ilaalcha akkamii qaba ture? Deebii isaa beekuuf mee dinqii inni yeroo jalqabaaf raawwate haa ilaallu. Yohaannis 2:1-11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Ilaalcha Yesuus dhugaatii alkoolii fi namoota dhugaatii alkoolii dhuganiif qabu ilaalchisee dinqii kana irraa maal baranna?

  • Yesuus dhugaatii alkoolii dhuguu hin balaaleffatu erga taʼee, Kiristiyaanonni namoota dhugaatii alkoolii dhuguuf filataniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

Haa taʼu malee, Kiristiyaanni tokko dhuguu waan dandaʼuuf qofa yeroo hundumaa dhuguun isaa gaarii dha jechuu miti. Fakkeenya 22:3 dubbisaa, achiis haalawwan armaan gadii murtoo kee irratti jijjiirama kan fidan akkamitti akka taʼe mariʼadhaa:

  • Konkolaachisuuf ykn maashinii irratti hojjechuuf jetta yoo taʼe.

  • Ulfa yoo taate.

  • Doktarri dhugaatii alkoolii akka hin dhugne sitti himeera yoo taʼe.

  • Hamma dhugdu toʼachuun si rakkisa yoo taʼe.

  • Seerri dhugaatii alkoolii dhuguu siif hin heyyamu yoo taʼe.

  • Nama kanaan dura hamma dhugu toʼachuun isa rakkisuu fi dhuguu dhiisuuf filatee wajjin jirta yoo taʼe.

Cidha gaaʼelaa irratti ykn qophiiwwan kan biroo irratti dhugaatii alkoolii dhiheessuu qabdaa? Wanta murtoo gochuuf si gargaaru ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.

Roomaa 13:13 fi 1 Qorontos 10:31, 32 dubbisaa. Erga dubbistanii booda gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Qajeelfamoota kana hojii irra oolchuun kee murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf kan si gargaaru akkamitti?

Kiristiyaanni hundi dhuguuf ykn dhiisuuf murtoo mataa isaa gochuu qaba. Yeroo tokko tokko dhuguuf kan filatu taʼus, yeroo kan biraatti garuu dhuguu dhiisuuf filachuu dandaʼa taʼa

5. Hammam akka dhugdu murteessi

Dhugaatii alkoolii dhuguuf yoo murteessite Yihowaan dhugaatii alkoolii dhuguu akka hin dhorkine, garuu immoo garmalee dhuguu akka dhorke yaadadhu. Maaliif? Hoseʼaa 4:11, 18 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Namni tokko garmalee yoo dhuge maaltu uumamuu dandaʼa?

Garmalee dhuguu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti? Humna keenya beekuu qabna. Fakkeenya 11:2 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Hamma dhugdu murteessuun gaarii kan taʼe maaliifi?

6. Namni tokko garmalee dhuguu dhiisuuf wanti isa gargaaru maali dha?

Namni tokko dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu dhiisuuf wanta isa gargaare ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Viidiyoo kana irratti, Dimitriin yommuu dhugaatii alkoolii dhugu amala akkamii argisiisa ture?

  • Dhuguu isaa yeruma sana dhaabuu dandaʼeeraa?

  • Dhuma irratti araada dhugaatii alkoolii moʼuu kan dandaʼe akkamitti?

Qorontos Tokkoffaa 6:10, 11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kitaabni Qulqulluun machii ilaalchisee maal jedha?

  • Namni dhugaatii alkoolii garmalee dhugaa ture tokko jijjiiramuu akka dandaʼu kan agarsiisu maali dha?

Maatewos 5:30 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Harka of irraa kutanii gatuun Yihowaa gammachiisuuf aarsaa kaffaluu argisiisa. Araada dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼe maal gochuu dandeessa? a

Qorontos Tokkoffaa 15:33 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Namoota garmalee dhuganii wajjin yoo michoomte dhiibbaa akkamii si irraan geessisuu dandaʼu?

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Dhugaatii alkoolii dhuguun dogoggoraa?”

  • Atoo maal jettee deebista?

MAAL BARATTE?

Yihowaan dhugaatii alkoolii akka itti gammannuuf nuu kenne. Taʼus garmalee dhuguu fi machaaʼuu ni balaaleffata.

Irra Deebii

  • Kitaabni Qulqulluun waaʼee dhugaatii alkoolii maal jedha?

  • Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun balaa akkamii qaba?

  • Dhugaatii alkoolii dhuguu ilaalchisee murtoo warra kaanii kabajuu kan dandeenyu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Dhugaatii alkoolii ilaalchisee ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessa jiran murtoo gaarii gochuu kan dandaʼan akkamitti?

Dhugaatii Alkoolii Dhuguu Kee Dura Itti Yaadi (2:31)

Araada dhugaatii dhuguu injifachuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeessu hubadhu.

“Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Sirrii Qabaachuu” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessaa-Fulbaanaa 2010)

Kiristiyaanni tokko dhugaatii alkoolii yommuu dhugu burcuqqoo ol fuudhee warra kaanii wajjin walitti buusuu qabaa?

“Gaaffii Dubbistootaa” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

Seenaa jireenyaa “Barmeelii Urataan Ture” jedhu irraa, namni tokko araada dhugaatii alkoolii kan injifate akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Kitaabni Qulqulluu Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

a Namoonni araada dhugaatii alkooliitiin qabaman araada kana irraa bilisa taʼuuf gargaarsi yaalii fayyaa isaan barbaachisuu dandaʼa. Doktaroonni hedduun namoonni kanaan dura dhugaatii alkoolii dhuguu irratti rakkina qaban matumaa dhuguu akka hin qabne dubbatu.