Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 59

Ariʼatama Sirra Gaʼu Dandamachuu ni Dandeessa

Ariʼatama Sirra Gaʼu Dandamachuu ni Dandeessa

Oolee bulee Kiristiyaanonni hundi mormii ykn ariʼatamni isaan irra gaʼa. Maarree kun nu sodaachisuu qabaa?

1. Ariʼatamni akka nu irra gaʼu eeguu kan qabnu maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu” jechuudhaan ifatti dubbata. (2 Ximotewos 3:12) Yesuus kutaa addunyaa Seexanaa waan hin taaneef ariʼatamni isa irra gaʼeera. Nutis kutaa addunyaa waan hin taaneef, mootummoonni addunyaa kanaa fi dhaabbileen amantaa ariʼatama nu irraan geessisuun isaanii nu hin dinqisiisu.—Yohaannis 15:18, 19.

2. Ariʼatamaaf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Ammumaa kaasnee amanannaa Yihowaa irratti qabnu cimsachuu nu barbaachisa. Guyyaa guyyaadhaan kadhannaa Yihowaatti dhiheessuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo ramadi. Walgaʼii gumii irratti yeroo hundumaa argami. Wantoota kana hunda gochuun kee ariʼatama maatii kee irraa si irra gaʼu dabalatee, cimina ariʼatama si irra gaʼu kam iyyuu ija jabinaan dandamachuuf si gargaaru siif argamsiisa. Phaawulos ergamaan inni yeroo baayʼee ariʼatamni isa irra gaʼe, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu” jedhee barreesseera.—Ibroota 13:6.

Yeroo hunda lallabuudhaanis ija jabinni keenya akka dabalu gochuu dandeenya. Lallabuun keenya Yihowaatti akka amanamnuu fi sodaa namootaa akka injifannu nu barsiisa. (Fakkeenya 29:25) Yeroo ammaatti ija jabina yoo qabaatte, mootummaan hojii keenya yoo dhorke illee lallabuun sitti hin ulfaatu.—1 Tasalonqee 2:2.

3. Ariʼatama dandamachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

Ariʼatamni nu irra gaʼuun isaa akka nu hin gammachiisne beekamaa dha, taʼus ariʼatama nu irra gaʼu yoo dandamanne amantiin keenya caalaatti cima. Yeroo humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼamutti gargaarsa Yihowaa waan argannuuf caalaatti isatti dhihaanna. (Yaaqoob 1:2-4 dubbisi.) Rakkinni nu irra gaʼuun isaa Yihowaa kan gaddisiisu taʼus, rakkina sana dandamachuun keenya garuu isa gammachiisa. Kitaabni Qulqulluun, “Rakkina waan gaarii hojjechuu keessaniin kan kaʼe isin irra gaʼu yoo dandeessan, kun Waaqa kan gammachiisu dha” jedha. (1 Pheexiros 2:20) Amanamoo taanee yoo jiraanne, addunyaa haaraa keessatti jireenya bara baraa nuuf kennuudhaan nu badhaasa; namoonni yeroo sana jiraatan hundi Yihowaa waan tajaajilaniif namni isaan mormu tokko illee hin jiraatu.—Maatewos 24:13.

CAALAATTI BARADHU

Utuma ariʼatamni nu irra gaʼuu illee Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu dandeenya kan jennu maaliif akka taʼee fi Yihowaan akkamitti akka nu eebbisu baradhu.

4. Mormii maatii kee irraa si irra gaʼu dandamachuu ni dandeessa

Yesuus miseensonni maatii keenyaa murtoo Yihowaa tajaajiluuf goone deggeruu dhiisuu akka dandaʼan beeka ture. Maatewos 10:34-36 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Miseensi maatii tokko Yihowaa tajaajiluuf yommuu filatu maaltu uumamuu dandaʼa?

Kana ilaalchisee fakkeenya tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Firri kee ykn michuun kee tokko Yihowaa tajaajiluu irraa duubatti akka jettu gochuuf yoo yaale maal goota?

Faarfannaa 27:10 fi Maarqos 10:29, 30 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda, gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Abdiin caqasoota kana irra jiru maatii kee irraa ykn michoota kee irraa mormiin yoo si irra gaʼe kan si gargaaru akkamitti?

5. Ariʼatamni si irra gaʼus Yihowaa waaqeffachuu kee itti fufi

Yommuu warri kaan Yihowaa akka hin tajaajille nu dhorkuuf yaalanitti isa tajaajiluun ija jabina gaafata. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Viidiyoo kana irraa barumsa nama jajjabeessu akkamii argatte?

Hojii Ergamootaa 5:27-29 fi Ibroota 10:24, 25 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda, gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Akka hin lallabne ykn akka walitti hin qabamne yoo dhorkamne illee Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

6. Yihowaan jabaattee akka dhaabbattu si gargaara

Dhugaa Baatonni Yihowaa umurii garaa garaa fi akkaataa guddinaa garaa garaa qaban ariʼatamni isaan irra gaʼus amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru. Gama kanaan wanta isaan gargaare ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Akkuma viidiyoo kana irratti ibsame, Dhugaa Baatonni kun jabaatanii akka dhaabbatan kan isaan gargaare maali dha?

Roomaa 8:35, 37-39 fi Filiphisiyus 4:13 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda, gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Caqasni kun ariʼatama kam iyyuu dandamachuu akka dandeessu kan siif mirkaneessu akkamitti?

Maatewos 5:10-12 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Utuma ariʼatamni si irra gaʼuu gammachuu qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

Tajaajiltoonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼaman mormii isaan irra gaʼu dandamataniiru. Atis dandamachuu ni dandeessa!

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Ani ariʼatama dandamachuu hin dandaʼu.”

  • Caqasoonni namoonni akkasii amanannaa isaan barbaachisu akka qabaatan isaan gargaaran kam faʼi?

MAAL BARATTE?

Yihowaan carraaqqii utuma ariʼatamni nu irra gaʼuu isa tajaajiluuf goonuuf iddoo guddaa kenna. Gargaarsa isaatiin ariʼatama dandamachuu ni dandeenya!

Irra Deebii

  • Kiristiyaanonni ariʼatamni akka isaan irra gaʼu eeguu kan qaban maaliifi?

  • Ariʼatamni yeroo si irra gaʼu dandamachuuf amma of qopheessuuf maal gochuu dandeessa?

  • Qorumsi akkamii iyyuu yoo si mudate, Yihowaa tajaajiluu akka dandeessu amanannaa qabaachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Obboleessi dargaggeessi tokko siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu diduu isaatiin yeroo hidhametti Yihowaan kan isa gargaare akkamitti akka taʼe yeroo dubbatu ilaali.

Utuma Ariʼatamni Jiruu Jabaatanii Dhaabbachuu (2:34)

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko utuma ariʼatamni isaan irra gaʼuu, wanta amanamummaadhaan waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaare ilaali.

Yeroo Jijjiiramni Nu Mudatu Yihowaa Tajaajiluu (7:11)

Ija jabinaan ariʼatama akkamitti dandamachuu akka dandeessu baradhu.

“Ariʼatamaaf Ammuma Qophaaʼaa” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 2019)

Mormii maatii irraa nu irra gaʼuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Haala rakkisaa inni fidu hoo dandamachuu kan dandeenyu akkamitti?

“Dhugaan, ‘Goraadee Malee Nagaa Hin Fidu’” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 2017)