Irra Deebii Kutaa 4ffaa
Barsiisaa kee wajjin gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa:
Fakkeenya 13:20 dubbisaa.
Michoota kee ogummaadhaan filachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
(Barumsa 48 ilaali.)
Gorsi Kitaaba Qulqulluu si gargaaruu dandaʼu isa kami?
Abbaa manaa ykn haadha manaa yoo taate.
Warra ykn ijoollee yoo taate.
(Barumsa 49 fi 50 ilaali.)
Yihowaan wanta akkamii yommuu dubbannu gammada? Kan gaddu hoo wanta akkamii yommuu dubbannu dha?
(Barumsa 51 ilaali.)
Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu akkaataa miidhaginaa keenya ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf nu gargaaran kam faʼi?
(Barumsa 52 ilaali.)
Bashannana Yihowaa gammachiisu filachuu kan dandeessu akkamitti?
(Barumsa 53 ilaali.)
Maatewos 24:45-47 dubbisaa.
“Garbichi amanamaanii fi ogeessi” eenyu?
(Barumsa 54 ilaali.)
Yeroo, humnaa fi qabeenya keetiin gumii deggeruu kan dandeessu akkamitti?
(Barumsa 55 ilaali.)
Faarfannaa 133:1 dubbisaa.
Karaawwan tokkummaa gumiitiif gumaacha gochuu itti dandeessu tokko tokko kam faʼi?
(Barumsa 56 ilaali.)
Cubbuu cimaa yoo hojjenne gargaarsa Yihowaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
(Barumsa 57 ilaali.)
1 Seenaa Baraa 28:9 fi miiljalee dubbisaa.
Namoonni waaqeffannaa dhugaa yommuu morman ykn dhugaa yommuu dhiisan ‘guutummaatti Yihowaadhaaf akka bulte’ argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
Yihowaadhaaf amanamaa taatee jiraachuu fi amantaa sobaa irraa fagaachuuf jijjiiramni gochuun si barbaachisu jiraa?
(Barumsa 58 ilaali.)
Ariʼatamaaf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti?
(Barumsa 59 ilaali.)
Karaa hafuuraa guddina gochuu kee itti fufuuf maal gochuuf karoora baafatteetta?
(Barumsa 60 ilaali.)