Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qophaaʼeeraa?

Qophaaʼeeraa?

Gumichaa Wajjin Hojii Lallabaa Irratti Hirmaachuuf Qophaaʼeeraa?

Ulaagaalee armaan gadii yoo guutte babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu dandeessa:

  • Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, kadhachuu fi walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu.

  • Wanta barachaa jirtu dinqisiifachuu fi itti amanuu, akkasumas warra kaanitti himuu.

  • Yihowaa jaallachuu fi namoota isa jaallatan michoota godhachuu.

  • Dhaabbata siyaasaa ykn amantaa sobaa keessaa baʼuu.

  • Ulaagaalee Yihowaa wajjin haala wal simuun jiraachuu fi Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf fedhii qabaachuu.

Gumichaa wajjin lallabuuf akka qophoofte yoo sitti dhagaʼame, barsiisaan Kitaaba Qulqulluu kee akkamitti gaʼumsa qabaachuu akka dandeessu jaarsolii wajjin akka mariʼattu haala mijeessa.

Cuuphamuuf Qophaaʼeeraa?

Ulaagaalee armaan gadii yoo guutte cuuphamuu dandeessa:

  • Babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu.

  • Hamma siif dandaʼame yeroo hunda hojii lallabaa irratti hirmaachuu.

  • Qajeelfama “garbichi amanamaanii fi ogeessi” kennu deggaruu fi hojii irra oolchuu.—Maatewos 24:45-47.

  • Kadhannaadhaan Yihowaadhaaf of murteessuu fi fedhii bara baraaf isa tajaajiluu qabaachuu.

Cuuphamuuf akka qophoofte yoo sitti dhagaʼame, barsiisaan Kitaaba Qulqulluu kee akkamitti gaʼumsa qabaachuu akka dandeessu jaarsolii wajjin akka mariʼattu haala mijeessa.