Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi


Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kana irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kana irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

Jalqaba qabiyyee kana ilaali, achiis VIIDIYICHA taphachiisi.

KUTAA JALQABAA

Barumsa hundaaf qophaaʼuuf kutaa isa jalqabaa dubbisi. Gaaffiiwwan qubee fufurdaadhaan barreeffamanii (A) fi caqasoonni (B) qabxiiwwan ijoo ibsu. Caqasoonni tokko tokko “dubbisi” kan jedhan akka taʼan hubadhu.

KUTAA GIDDUU

Himni jalqabaa (C) Caalaatti Baradhu jedhu jala jiru wantoota itti aananii jiran ibsa. Mata dureewwan xixiqqaan (D) qabxiiwwan ijoo beeksisu. Barsiisaa kee wajjin caqasoota kennaman dubbisaa, gaaffiiwwan dhihaataniif deebii kennaa, akkasumas viidiyoowwan ilaalaa.

Saanduqawwan VIIDIYOON keessatti argamu gara miidiyaawwan barumsicha caalaatti ibsanitti si geessu. Viidiyoowwan tokko tokko seenaa jireenyaa dhugaa kan qabatani dha. Viidiyoowwan kaan immoo wantoota dhugumaan raawwataman kan argisiisan utuu hin taʼin, haalawwan mudachuu dandaʼan bifa diraamaatiin kan argisiisani dha.

Fakkiiwwanii fi ibsa fakkiiwwaniif kennaman (E) xiyyeeffannaadhaan ilaalaa, akkasumas yaada mata duree xiqqaa Namoonni Tokko Tokko Akkana Jedhu (F) jedhamu jala jiruuf deebii akkamii akka kennitu yaadi.

KUTAA XUMURAA

Mata dureewwan xixiqqaan Maal Barattee fi Irra Deebii (G) jedhan barumsicha gudunfu. Guyyaa itti barumsicha xumurte barreessi. Galma (H) kan jedhu wanta irratti hojjechuu qabdu ibsa. Qorannoo Dabalataa Godhi (I) kan jedhu immoo odeeffannoo dabalataa dubbisuu ykn ilaaluu dandeessu qabateera.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu baafachuu kan dandeessu akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun kitaabota xixinnoo 66 kan of keessatti qabate dha. Kutaa lamatti qoodama: isaanis Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Afaan Aaraam (“Kakuu Moofaa”), akkasumas Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii (“Kakuu Haaraa”) jedhamu.

Kitaaba kana keessatti caqasni tokko yeroo caqasamu maqaa kitaaba, Kitaaba Qulqulluu (A), boqonnaa (B) fi lakkoofsaan (C) kaaʼama.

Fakkeenyaaf, Yohaannis 17:3 kitaaba Yohaannis, boqonnaa 17, lakkoofsa 3 argisiisa.