Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA

‘Baabilon Guddittii’ Adda Baasanii Beekuu

‘Baabilon Guddittii’ Adda Baasanii Beekuu

MACAAFNI Mul’ataa jechoota kallattiidhaan hubatamuu hin dandeenye qabateera. Fakkeenyaaf, waa’ee dubartii maqaan “Baabilon guddittii” jedhu addasheerratti barreeffame tokkoo dubbata. Dubartittiin kun ‘tuuta baay’eefi saba baay’eerra’ akka teesse ibsameera. (Mul’ata 17:1, 5, 15) Dubartiin kallattiidhaan kana gochuu dandeessu waan hin jirreef, Baabilon Guddittiin fakkeenyaan kan ibsamte ta’uu qabdi. Fakkeenyi dubartii ejjituu kanaa maalidharee?

Mul’ata 17:18rratti, dubartittiin fakkeenyaan ibsamte kun “mandara guddittii ishee mootota lafaa irratti mootummaa qabduu dha” jedhamtee ibsamteetti. Jechi “mandara” jedhu namoota tuutaan gurmaa’an kan argisiisudha. ‘Mandara guddittiin’ ‘mootota lafarraa’ waan to’attuuf, dubartiin Baabilon Guddittii jedhamte kun addunyaa mararratti waan isheen jette kan isheedhaaf dhaga’amuufi jaarmiyaa guutummaa biyya lafaarratti babal’ate kan argisiistudha. Kanaafuu, impaayera addunyaa maraa jedhamtee waamamuu ni dandeessi. Haata’u malee, impaayera akkamiiti? Impaayera amantiiti. Haala kanaa wajjin wal qabateen caqasoonni macaafa Mul’ataa keessatti argaman tokko tokko jecha kana kan dhugoomsan akkamitti akka ta’e qalbeeffadhu.

Impaayerri tokko bulchiinsa siyaasaa, bulchiinsa daldalaa, ykn bulchiinsa amantii ta’uu danda’a. Sagaleen Waaqayyoo “mootonni biyya lafaa” ykn humnoonni siyaasaa akka “ishee wajjin ejjan” waan dubbatuuf, dubartiin Baabilon Guddittii jedhamte kun impaayera siyaasaa ta’uu hin dandeessu. Ejji isheen raawwatte walitti dhufeenya isheen mootota biyya lafaa wajjin uumte kan argisiisu ta’uusaarrayyuu, “ejjituu ishee guddittii” kan jedhamte maaliif akka ta’e nuu ibsa.Mul’ata 17:1, 2; Yaaqoob 4:4.

“Naggaadonni lafa irraa” yeroo badiisni isheerra ga’u isheedhaaf kan boo’an waan ta’eef, Baabilon Guddittiin impaayera daldalaa ta’uu hin dandeessu. Kanaa mannaa, mootonni biyya lafaafi naggaaddonni Baabilon Guddittii “irraa fagaatanii dhaabatanii” akka ishee ilaalan ibsameera. (Mul’ata 18:3, 9, 10, 15-17) Kanaafuu, Baabilon Guddittiin impaayera siyaasaa ykn impaayera daldalaa utuu hin ta’in impaayera amantiiti jedhanii amanuun sirriidha.

Kana malees, akka isheen ‘qoricha namatti gochuudhaan’ namoota gowwomsitu ibsamuunsaa, Baabilon Guddittiin impaayera amantii ta’uushee caalaatti nuu mirkaneessa. (Mul’ata 18:23) Gochiwwan amantii hafuura xuraa’oo kamiyyuu maddisaanii amantiifi hafuurota hamoo waan ta’aniif, Macaafni Qulqulluun Baabilon guddittiidhaan “iddoo buufata hafuurota hamootaa taateetti” jechuunsaa wanta nama dinqisiisu miti. (Mul’ata 18:2; Keessa Deebii 18:10-12) Kana malees, impaayerattiin kun ‘raajotaa fi warra Waaqayyoof qulqullaa’an’ ari’achuudhaan amantii dhugaa garmalee akka mormitu ibsameera. (Mul’ata 18:24) Kanaafuu, Baabilon Guddittiin amantii dhugaatiif jibba guddaa waan qabduuf, ‘warra Yesusiif dhugaa ba’anirratti’ ari’atamaafi ajjeechaa raawwatti. (Mul’ata 17:6) Kanaafuu, dubartittiin Baabilon Guddittii jedhamte kun, amantiiwwan wanta faallaa Yihowaa ta’e raawwatan hundaa kan of keessatti qabate impaayera amantii sobaa addunyaa maraa kan argisiistu ta’uushee ifatti hubachuun ni danda’ama.