BOQONNAA TORBA
Jaalleewwan Kee Warri Duʼan Abdii Akkamii Qabu?
-
Dhugumaan Du’aa ka’uun akka jiru akkamitti beekuu dandeenya?
-
Warra du’an kaasuu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhaga’ama?
-
Kan du’aa ka’an eenyufa’i?
1-3. Diinni inni hunda keenya ari’u maalidha? Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu qoruun keenya gammachuu kan nuuf argamsiisu maaliifi?
MEE diina gara jabeessa ta’e jalaa akka baqachaa jirtutti yaadi. Diinni kun humnaanis ta’e fiigichaan si caala. Jaalleewwan kee keessaa namoota tokko tokko yeroo ajjeesu waan argiteef gara jabeessa ta’uusaa beekta. Baqattee jalaa ba’uuf carraaqqii gootus sitti dhihaachaa dhufeera. Haallisaa abdii si kutachiisa. Haata’u malee, akka tasaatti namni diina kee kanarraa si oolchu tokko sitti as ba’e. Namichi kun diina kee caalaa humna guddaa kan qabu yeroo ta’u, akka si gargaarus waadaa sii gala. Yeroo kanatti gammachuu guddaa akkamiitu sitti dhaga’ama?
2 Diina akkasiitiin ari’atamaa jirta jechuun ni danda’ama. Hundi keenya haala akkasii keessatti argamna. Boqonnaa darberraa akka barannetti, Macaafni Qulqulluun du’a diina jedhee waama. Eenyuyyuu diina kana jalaa fiigee miliquu ykn wal’aansoodhaan mo’uu hin danda’u. Diinni kun namoota jaallannu yeroo ajjeesu argineerra. Haata’u malee, Yihowaan du’a caalaa humna guddaa qaba. Yihowaan jaalala qabeessa yeroo ta’u, du’a mo’uu akka danda’u argisiiseera. Diina kana bara baraaf akka balleessus waadaa galeera. Macaafni Qulqulluun: “Hundumaa booddee diina keenya du’atu golgoleeffama” jechuudhaan barsiisa. (1 Qorontos 15:26) Kun oduu gammachiisaa mitii?
3 Mee jalqaba namni beeknu yeroo du’u maaltu akka nutti dhaga’amu Isaayaas 26:19) Namoonni du’an deebi’anii jiraatu. Yihowaan warra du’an akka kaasu abdii waan kenneef warri du’an deebi’anii jireenya argatu. Kanaafuu, namoonni du’an abdii du’aa ka’uu qabu jechuudha.
haa ilaallu. Kana gochuun keeenya abdii gammachiisaa ta’e tokko hubachuuf nu gargaara. Yihowaan warra du’an akka kaasu waadaa galeera. (NAMNI JAALLANNU YEROO DU’U
4. (a) Namni inni jaallatu yeroo du’etti wanti Yesus godhe wanta Yihowaatti dhaga’amu nu hubachiisa kan jennu maaliifi? (b) Yesus Alaazaariifi obbolootasaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba ture?
4 Namni jaallattu si jalaa du’eeraa? Kun yeroo sirra ga’u gaddaafi abdii kutachuu sitti dhaga’amu mo’uun ulfaataa ta’uu danda’a. Yeroo akkasiitti jajjabina argachuuf Sagalee Waaqayyoo qoruun nu barbaachisa. (2 Qorontos 1:3, 4) Macaafni Qulqulluun namoota du’an ilaalchisee, Yihowaafi Yesusitti maaltu akka dhaga’amu akka hubannu nu gargaara. Amala Abbaasaa guutummaatti kan calaqqisu Yesus nama tokko du’aan dhabuun hammam akka nama gaddisiisu beeka. (Yohannis 14:9) Yesus gara Yerusaalem yommuu dhaqutti Alaazaariin, Maariyaamiifi Maartaa warra magaalaa Bitaaniyaa keessa jiraatan daawwata ture. Kanaan kan ka’es walitti dhufeenya cimaa qabu turan. Macaafni Qulqulluun: “Yesus immoo Maartaa fi obboleettii ishee, Alaazaariinis in jaallata ture” jedha. (Yohannis 11:5) Haata’u malee, akkuma boqonnaa darberratti baranne Alaazaar ni du’e.
5, 6. (a) Yesus firoonniifi hiriyoonni Alaazaar utuu boo’anii yeroo argetti maaltu itti dhaga’ame? (b) Gadduunsaahoo kan nu jajjabeessu maaliifi?
5 Jaalalleensaa yeroo du’e Yesusitti maaltu dhaga’ame? Seenaansaa Yesus gara firoottaniifi hiriyoota Alaazaar warra gaddarra turanii akka dhaqe nutti hima. Yesus gadda namoota kanaa ilaaluudhaan garaansaa baay’ee raafame. “Hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame.” Seenaan kun itti fufuudhaanis, “Yesus imimmaan isaa dhangalaase” jedha. (Yohannis 11:33, 35) Yesus gadduunsaa abdiin akka hin jirre argisiisaa? Gonkumaa! Yesus wanta dinqisiisaa ta’e tokko raawwachuuf akka ta’e beeka ture. (Yohannis 11:3, 4) Haata’u malee, sababii du’aatiin dhiphinniifi gaddi isattis dhaga’amee ture.
6 Haalli Yesus itti gadde akka jajjabaannu nu godha. Yesusiifi Yihowaan du’a akka jibban nu hubachiisa. Yihowaan diina kana waraanuufi mo’uu ni danda’a! Yihowaan Yesusiif humna akkamii akka kenne haa ilaallu.
“ALAAZAAR AS BA’I!”
7, 8. Akka ilaalcha namootaatti haalli Alaazaar wanta abdii hin qabne kan fakkaate maaliifi? Yesusoo maal godhe?
7 Alaazaar holqa keessatti waan awwaalameef Yesus dhagaa holqichi ittiin cufame akka irraa fuudhan gaafate. Maartaan, Alaazaar erga du’ee guyyaa afur waan ta’eef, yoona foolii godhateera jettee mormite. (Yohannis 11:39) Akka ilaalcha namaatti abdii hin qabu jechuudha.
8 Dhagicha erga irraa fuudhanii booda Yesus sagalee guddaadhaan: “Alaazaar as ba’i!” jedhee iyye. Maaltu ta’eree? “Kanaaf namichi du’ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba’e.” (Yohannis 11:43, 44) Namoonni achi turan hammam akka gammadan tilmaamuu ni dandeessaa? Obboloonnisaa, firoottansaa, hiriyoonnisaa ykn ollaawwansaa Alaazaar akka du’e beeku turan. Haata’u malee, amma namni isaan jaallatan du’aa ka’ee isaan gidduu dhaabateera. Wanti kun dhugaadha jedhanii fudhachuun utuu isaanitti hin ulfaatin hin hafne. Baay’eensaanii gammachuudhaan Alaazaaritti hin marmin hin hafne. Injifannoo guddaa akkamiitu du’arratti argamee!
9, 10. (a) Yesus madda humna Alaazaariin du’aa kaasuuf isa dandeessise eessaa akka argate kan ibse akkamitti? (b) Du’aa ka’uu ilaalchisee seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman dubbisuun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
9 Yesus dinqii kana kan raawwate humna mataasaatiin akka ta’e hin dubbanne. Alaazaariin utuu hin waamin dura kadhannaa dhiheesserratti namoota kan du’aa kaasu Yihowaa ta’uusaa ifatti dubbateera. (Yohannis 11:41, 42) Yihowaan humnasaatiin gargaaramee yeroo namoota du’aa kaasu kun jalqaba miti. Du’aa ka’uun Alaazaar, seenaawwan dinqisiisoo Sagalee Waaqayyoo keessatti argaman salgan keessaa tokko qofadha. * Seenaawwan kana dubbisuufi qayyabachuun nama gammachiisa. Namoota du’aa kaafaman keessaa ijoollee, nama guddaa, dubartii, namoota lammii Israa’el ta’aniifi hin taane ta’uunsaanii Waaqayyo akka namoota wal hin caalchisne nu hubachiisa. Wantoonni kun namoota hedduu gammachiisaniiru! Fakkeenyaaf, yeroo Yesus shamarree tokko du’aa kaase warrishee “guddaa gammadanii of wallaalan.” (Maarqos 5:42) Eeyyee, Yihowaan gammachuu yoomiyyuu hin irraanfatamne isaaniif kenneera.
10 Dhugaadha, namoonni Yesus du’aa kaase yeroo booda deebi’anii du’aniiru. Kana jechuun garuu du’aa ka’uunsaanii homaa faayidaa hin qabu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Seenaawwan Macaafa Qulqulluurratti argaman kun dhugaa barbaachisaa ta’e tokko ifa gochuusaaniirrayyuu abdii kan nuuf argamsiisanidha.
SEENAAWWAN WAA’EE DU’AA KA’UU DUBBATANIRRAA BARACHUU
11. Seenaan waa’ee du’aa ka’uu Alaazaar dubbatu yaadni Lallaba 9:5rratti argamu dhugaa ta’uusaa kan mirkaneessu akkamitti?
11 Macaafni Qulqulluun warri du’an ‘waan tokko iyyuu akka hin beekne’ barsiisa. Lubbuudhaan waan hin jirreef bakka garabiraa jiraachuu hin danda’an. Alaazaar yeroo du’aa ka’etti, waa’ee samii dubbachuudhaan namoota dinqisiiseeraa? Yookiin Waa’ee ibidda qilillee isaanitti himuudhaan namoota sossodaachiseeraa? Lakki kana hin goone. Macaafni Qulqulluun, Alaazaar wanta akkasii akka dubbate hin ibsu. Guyyoota afuriif yeroo du’ee turetti, ‘wanta tokko iyyuu hin beeku’ ture. (Lallaba 9:5) Gabaabaadhumatti Alaazaar du’aan boqotee ture.
12. Du’aa ka’uun Alaazaar dhugaa ta’uusaa mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?
12 Kana malees, seenaan Alaazaar du’aa ka’uusaa dubbatu dhugaa malee akkasumaan hawwii ykn abjuu akka hin taane nu barsiisa. Yesus Alaazaariin kan du’aa kaase bakka namoonni baay’een isa arganittidha. Hoggantoonni amantii Yesusiin jibbanillee raajiin kun raawwatamuusaa hin haalle. Kanaa mannaa: “Waa’ee namicha milikkita baay’ee argisiisaa jiru kanaa [waa’ee Yesus] maal gochuu nuuf wayya?” jedhan. (Yohannis 11:47) Namoonni baay’een Alaazaar isa du’aa ka’e ilaaluu dhaqan. Kanaan kan ka’es namoonni baay’een Yesusitti amanan. Alaazaariin arguunsaanii Yesus nama Waaqayyo biraa ergame ta’uusaa isaaniif mirkaneesse. Ragaan kun ragaa amansiisaa waan ta’eef hoggantoonni amantii warra Yihudii gara jabeeyyii ta’an Yesusiifi Alaazaariin ajjeesuu barbaadan.
13. Yihowaan namoota du’an kaasuu akka danda’u ragaa qabatamaa akkamii qabna?
13 Du’aa ka’uun wanta dhugumaan raawwatamedha jedhanii amanuun ilaalcha dogoggoraatii? Lakki. Yesus “warri du’anii awwaalaman” guyyaan isaan itti du’aa ka’an akka dhufu barsiiseera. (Yohannis 5:28) Lubbu qabeeyyii hundaa kan uume Yihowaadha. Erga akkas ta’ee namoota du’an deebisee ni jiraachisa jedhanii amanuun ulfaataadhaa? Dhugaadha, wanti kun Yihowaan waa yaadachuu danda’uusaarratti kan hundaa’edha. Namoota jaallannuufi du’aan dhabne yaadachuu ni danda’aa? Uumama cuffarratti urjoonni lakkoofsisaanii hangana hin jedhamne kan jiran ta’us, Waaqayyo hundasaaniitiif maqaa kenneera! (Isaayaas 40:26) Kanaafuu, Yihowaan namoota jaallannuufi du’an ilaalchisee odeeffannoowwan barbaachisan sirriitti beekuusaarrayyuu namoota kana du’aa kaasuuf fedha qaba.
14, 15. Akka Iyoob ibsetti namoota du’an kaasuu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhaga’ama?
14 Haata’u malee, namoota du’aa kaasuu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhaga’ama? Macaafni Qulqulluun Yihowaan namoota du’aa kaasuuf fedhii guddaa akka qabu barsiisa. Tajaajilaa amanamaa kan ture Iyoob: “Namni erga du’ee deebi’ee in jiraataa ree?” jedhee gaafatee ture. Iyoob guyyaan Waaqayyo itti isa yaadatu hamma ga’utti awwaalcha keessa akka turu dubbachuusaa ture. Yihowaadhaan akkas jedhe: “Ati hojii harka keetii in yaadda; kanaafis ana in waamta, anis nan owwaadha.”
15 Wanti kun maal jechuu akka ta’e yaadi! Yihowaan namoota du’an guyyaa itti du’aa kaasu ni hawwa. Yihowaatti akkas akka dhaga’amu barachuun garaa nama hin tuquu? Haata’u malee, du’aa ka’uu gara fulduraatti raawwatamurratti maaltu ta’a? Kan du’aa ka’an eenyu fa’i? Eessattoo?
“WARRI DU’ANII AWWAALAMAN”
16. Namoonni du’an yeroo ka’an haala akkamii keessa jiraatu?
16 Seenaan du’aa ka’uu Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame Boqonnaa 3rratti barannetti kaayyoon Waaqayyoo guutummaa biyya lafaa jannata gochuudha. Kanaafuu, namoonni du’aa kan ka’an addunyaa waraanaan, yakkaafi dhukkubaan guutamte keessatti miti. Lafa gammachuufi nagaadhaan guutamte keessa bara baraan jiraachuuf carraa argatu.
du’aa ka’uu gara fuulduraatti raawwatamu ilaalchisee barumsa guddaa nuu ta’a. Namoonni kanaan dura du’aa ka’an firoottansaanii jaallatanii wajjin wal arganiiru. Haalli namoota gara fuulduraatti du’aa ka’aniis kanaa wajjin kan wal fakkaatu ta’us, du’aa ka’uun fuulduraatti raawwatamu isa kanaan duraarra adda kan ta’udha. Akka17. Du’aa ka’uun gara fuulduraatti raawwatamu hangam bal’aadha?
17 Kan du’aa ka’an eenyu fa’i? Yesus, “warri du’anii awwaalaman [“hundi,” NW] sagalee isaa [sagalee Yesus] yeroon itti dhaga’an in dhufa. Isaan awwaala keessaa in ba’u” jedhee dubbateera. (Yohannis 5:28, 29) Haaluma wal fakkaatuunis Mul’anni 20:13 akkas jedha: “Galaanni warra du’anii isa keessa turan of keessaa baasee in kenne. Duunii fi mootummaan warra du’aniis, warra du’anii isaan harka turan of harkaa baasanii in kennan.” “Mootummaan du’aa [“Hedees” NW]” kan argisiisu, bakka awwaalcha ilmaan namoota hundaati. (Kutaa Dabalataa fuula 212-213rratti argamu ilaali.) Awwaalchi ilmaan namootaa duwwaa ta’a. Namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi achi keessa boqotanii turan jireenya argatu. Phaawulos: “Warra qajeelotaa fi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun akka jiru” dubbateera. (Hojii Ergamootaa 24:15) Kana jechuun maal jechuudha?
18. Namoota gara fuulduraatti du’aa ka’an keessaa jechi ‘warra qajeelota’ jedhu eenyufaa dabalata? Abdiin kun dhuunfaatti kan si tuqu akkamitti?
18 ‘Warri qajeelonni,’ namoota baay’ee utuu Yesus gara lafaa hin dhufin dura turaniifi seenaasaanii Macaafa Qulqulluu keessatti dubbifne kan dabalatudha. Nohi, Abrahaam, Saaraa, Musee, Ruut, Asteeriifi namoota garabiraa baay’ee ni yaadatta ta’a. Dhiiraafi dubartoota Waaqayyorratti amantii cimaa qaban kana keessaa tokko tokko Ibroota boqonnaa 11rratti ibsamaniiru. Haata’u malee, ‘warri qajeelota’ jedhaman tajaajiltoota Yihowaa warra bara keenyatti du’anis kan dabalatudha. Abdiin du’aa ka’uu, sodaa du’aa kamirraayyuu walaba nu baasa.
19. Warri ‘jal’oonni’ eenyu fa’i? Yihowaanoo gaarummaadhaan carraa akkamii isaaniif kenna?
Firdii jechuudhaan ibsa. *
19 Namoonni utuu Yihowaa hin beekin hafuusaaniitiin utuu isa hin tajaajiliniifi isaaf hin ajajamin hafanoo maal ta’u? ‘Jal’oonni’ miliyoonaan lakkaa’aman kunis hin irraanfataman. Isaanis du’aa kaafamanii waa’ee Waaqa dhugaa akka barataniifi akka isa tajaajilaniif yeroon ni kennamaaf. Waggaa kuma tokko keessatti warri du’an ka’uudhaan ilmaan namoota warra amanamoo ta’anii wajjin Yihowaa tajaajiluu akka danda’aniif carraan isaaniif kennama. Yeroon sun yeroo gammachiisaa ta’a. Macaafni Qulqulluun yeroo kana Yeroo20. Gahaannam maalidha? Kan achi galanoo eenyu fa’i?
20 Kana jechuun garuu namoonni du’an hundinuu du’aa ni ka’u jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Macaafni Qulqulluun namoota du’an keessa tokko tokko “Gahaannam” keessa akka jiran dubbata. (Luqaas 12:5 1899) Maqaan Gahaannam jedhamu dallaa Yerusaalem ishee duriin alatti bakka kosiin itti gubamurraa kan argamedha. Kosiiniifi wanti du’e hundi achitti gubama ture. Reeffi namoota bakka kanatti gatamuu Yihudoota biratti akka namoota du’aa ka’uun isaaniif hin heyyamamnetti ilaalama ture. Kanaafuu, Gahaannam badiisa bara baraa argisiisuuf fakkeenya kennamedha. Yesus warra jiraniifi warra du’anirratti faraduuf ga’ee kan qabu ta’us, firdii dhumaa kan kennu Yihowaadha. (Hojii Ergamootaa 10:42) Namoonni Yihowaan hamootaafi namoota jijjiiramuu hin barbaannedha jedhee itti farade du’aa hin ka’an.
SAMIIRRA JIRAACHUUF DU’AA KA’UU
21, 22. (a) Du’aa ka’uu garabiraan maalidha? (b) Du’aa ka’ee jireenya hafuuraa argachuudhaan namni jalqabaa eenyu?
21 Macaafni Qulqulluun du’aa ka’uun garabiraan akka jiru kan dubbatu yeroo ta’u, du’aa ka’uu kana kan argatan qaama hafuuraa ta’anii samiirra jiraatu. Fakkeenyi du’aa ka’uu akkasii argisiisu Macaafa Qulqulluu keessatti al tokko qofa kan caqasame yeroo ta’u innis du’aa ka’uu Yesusidha.
22 Yesus nama ta’ee erga du’ee booda, Yihowaan Ilmisaa inni amanamaan kun du’ee awwaalcha keessatti akka hafu hin goone. Faarfannaa 16:10; Hojii Ergamootaa 13:34, 35) Waaqayyo Yesusiin du’aa kaaseera; haata’u malee, Yesus kan du’aa ka’e nama ta’ee miti. Phexros, Kiristos “foon uffatee, . . . ajjeefame, hafuuraan jiraachifameera” jechuudhaan ibseera. (1 Phexros 3:18) Kun raajii dinqisiisaa ture. Yesus qaama hafuuraa jabaa ta’ee du’aa ka’eera! (1 Qorontos 15:3-6) Jalqaba du’aa ka’uu akkasii kan argate Yesusidha. (Yohannis 3:13) Haata’u malee inni isa dhumaa miti.
(23, 24. Warri “karra xinnayyoo” kan Yesus ta’an eenyu fa’i? Lakkoofsisaanii meeqa?
23 Yesus utuu baay’ee hin turin gara samiitti akka deebi’u waan beekuuf bartootasaa warra amanamoodhaaf, ‘iddoo akka isaaniif qopheessu’ itti himee ture. (Yohannis 14:2) Yesus warra gara samii dhaqan “karra xinnayyoo” jechuudhaan waameera. (Luqaas 12:32) Kiristiyaanota amanamoo ta’an kana keessaa meeqansaaniitu miseensa tuuta muraasa kanaa ta’a? Yohannis, Mul’ata 14:1rratti akkas jedhee dubbateera: “Ergasiis ani ilaalee, hoolicha [Yesus Kiristosiin] tulluu Xiyoon irra dhaabate nan arge; namoonni kumaatamni dhibbaa fi kumni afurtamii arfan, warri maqaan isaa, maqaan abbaa isaatiis adda isaaniitti caafamee ture, isaa wajjin turan.”
24 Ergamoota Yesus warra amanamoo dabalatee, kan du’aa ka’anii gara samii dhaqan Kiristiyaanota 144,000 ta’anidha. Du’aa ka’uun kun kan raawwatamu yoomi? Argama Kiristositti ta’uusaa Phaawulos barreesseera. (1 Qorontos 15:23 NW) Gara fuulduraatti Boqonnaa 9rratti akka barattutti, amma kan jiraannu yeroo kana keessadha. Kanaafuu, namoota 144,000 ta’an keessaa namoonni muraasni hafan battala du’anitti du’aa ka’anii gara samii dhaqu. (1 Qorontos 15:51-55) Haata’u malee, namoonni hedduun du’aa ka’anii lafa gara fuulduraatti Jannata taatu keessa jiraachuuf abdii godhatu.
25. Boqonnaa itti aanurratti waa’ee maalii baranna?
25 Eeyyee, Yihowaan diina keenya du’a golgoleessuudhaan bara baraaf ni balleessa! (Isaayaas 25:8) Haata’u malee, ‘warri du’aa ka’uu isa jalqabaa argatan samiidhaa maal hojjetu?’ jettee gaafatta ta’a. Isaan miseensota bulchiinsa Mootummaa isa samii keessaa ta’u. Waa’ee mootummaa sanaa caalaatti boqonnaa itti aanurratti baranna.
^ KEY. 9 Seenaawwan wal fakkaatan garabiraan, 1 Mootota 17:17-24; 2 Mootota 4:32-37; 13:20, 21; Maatewos 28:5-7; Luqaas 7:11-17; 8:40-56; Hojii Ergamootaa 9:36-42; fi HoE. 20:7-12 irratti argamu.
^ KEY. 19 Waa’ee guyyaa firdiifi firdichi maalirratti akka hundaa’e ibsa dabalataa argachuuf Kutaa Dabalataa fuula 213-215irratti argamu ilaali.