BOQONNAA KUDHA SHAN
Waaqeffannaa Waaqayyo Biratti Fudhatama Qabu
-
Amantiin hundi Waaqayyoon ni gammachiisaa?
-
Amantii dhugaa beekuu kan dandeenyu akkamitti?
-
Yeroo har’aatti namoonni dhugaadhaan Waaqayyoon waaqeffatan eenyufa’i?
1. Karaa sirrii ta’een Waaqayyoon waaqeffachuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
YIHOWAAN baay’ee waan nuu yaaduuf qajeelfamasaa isa jaalalarratti hundaa’erraa akka faayidaa argannu barbaada. Karaa sirriidhaan yoo isa waaqeffanne gammadoo taana; rakkoowwan nu mudatanis ni moona. Kana malees gargaarsaafi eebbasaa arganna. (Isaayaas 48:17) Dhaabbileen amantii dhibbaan lakkaa’aman waa’ee Waaqayyoo dhugaa akka barsiisan dubbatu. Haata’u malee, Waaqayyo eenyu akka ta’eefi maal akka nurraa barbaadu ilaalchisee barumsiwwan isaan barsiisan baay’ee adda addadha.
2. Karaa sirrii ta’een Yihowaa waaqeffachuu barachuu kan dandeenyu akkamitti? Kana hubachuuf fakkeenya isa kamtu nu gargaara?
2 Karaa sirrii Yihowaa itti waaqeffachuu dandeessu beekuu kan dandeessu akkamitti? Wantoota dhaabbileen amantii barsiisan hunda qorachuufi wal bira qabdee ilaaluun si hin barbaachisu. Waaqeffannaa dhugaa ilaalchisee barumsa dhugaa Macaafni Qulqulluun barsiisu beekuun kee qofti ga’aadha. Kana fakkeenyaan ilaaluuf: Biyyoottan baay’eetti rakkinni qarshii sobaa qarshii dhugaa fakeessanii hojjechuu jira. Hojiin qarshii sobaa qarshii dhugaattii gargar baasuu utuu sitti kennamee maal goota? Mallattoowwan qarshii sobaarratti argaman hundaa sammuutti qabachuuf yaalii gootaa? Hin gootu. Yeroo kee qarshii dhugaa qo’achuurratti utuu dabarsitee gaarii ta’a. Qarshiin dhugaa maal akka fakkaatu sirriitti yoo beekte qarshii sobaa salphaatti baruu dandeessa. Haaluma wal fakkaatuunis amantii dhugaa akkamitti beekuu akka dandeenyu yeroo barannutti, amantii sobaas baruu ni dandeenya.
3. Akka Yesus ibsetti Waaqayyo biratti fudhatama argachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?
Maatewos 7:21-23) Akkuma qarshiin sobaa gatii hin qabne amantiin sobaas gatii hin qabu. Kanaa mannaa amantiin akkasii miidhaa geessisa.
3 Karaa Yihowaan barbaaduun isa Waaqeffachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Namoonni baay’een amantiin hundinuu waan Waaqayyoon gammachiisu isaanitti fakkaata; haata’u malee Macaafni Qulqulluun akkas jedhee hin barsiisu. Ani Kiristiyaanadha ofiin jechuun qofti ga’aa miti. Yesus akkas jechuudhaan dubbateera: “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti.” Kanaafuu, Waaqayyo biratti fudhatama argachuu yoo barbaanne wanta inni nurra barbaadu beekuufi gochuu qabna. Yesus namoota jaalala Waaqayyoo hin raawwanneen: “Isin yaa warra hamaa hojjettanii” jedhee waameera. (4. Jechi Yesus karaawwan lamaan ilaalchisee dubbate hiika maalii qaba? Karaawwan kunoo garamitti geessu?
4 Yihowaan namoonni hundi carraa itti jireenya barabaraa argachuu danda’an isaaniif baneera. Haata’u malee, Jannata keessa bara baraaf jiraachuuf karaa sirrii ta’een Waaqayyoon waaqeffachuufi karaa isa biratti fudhatama qabuun jiraachuu qabna. Kan nama gaddisiisu garuu namoonni baay’een kana gochuuf fedhii hin qaban. Yesus jecha armaan gadiitti argamu kan dubbates kanaafi: “Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas bal’aa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baay’ee dha. Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa.” (Maatewos 7:13, 14) Amantiin dhugaa gara jireenya bara baraatti kan geessu yeroo ta’u, amantiin sobaammoo gara badiisaatti geessa. Yihowaan namni tokkoyyuu akka badu hin barbaadu; namoonni bakka kamiyyuu jiraatan carraa itti waa’eesaa barachuu danda’an kan banes kanumaafi. (2 Phexros 3:9) Kanaafuu halli nuyi itti Waaqayyoon waaqeffannu jireenya nuuf argamsiisa ykn du’a nutti fida.
AMANTII DHUGAA BEEKUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
5. Namoota amantii dhugaa hordofan akkamitti beekuu dandeenya?
5 Karaa “gara jireenyaatti geessu” argachuun kan danda’amu Maatewos 7:16, 17) Karaa garabiraadhaan namoonni amantii dhugaa hordofan amantiisaaniitiifi amalasaaniitiin beekamu jechuudha. Waaqeffattoonni dhugaa gonkummaa kan hin qabneefi namoota dogoggoruu danda’an ta’anis, tuutaan jaalala Waaqayyoo raawwachuuf carraaqqii godhu. Karaawwan namoota amantii dhugaa hordofan itti baruu dandeenyu ja’a haa ilaallu.
akkamitti? Yesus amantii dhugaan jireenya namoota amanticha hordofaniirratti ifatti akka mul’atu dubbateera. “Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu.” Akkasumas “Mukti gaariin ija ba’eessa in godhata” jedheera. (6, 7. Tajaajiltoonni Waaqayyoo Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabu? Gama kanaan Yesus fakkeenya kan ta’u akkamitti?
6 Barumsi tajaajiltoonni Waaqayyoo warri dhugaan barsiisan Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha.” (2 Ximotewos 3:16, 17) Phaawulos Kiristiyaanota hidhata amantiisaa ta’aniif akkas jechuudhaan barreesseera: “Dubbii Waaqayyoo isa nuyi lallabnu yeroo argattan, akka dubbii namaatti utuu hin ta’in akka dubbii Waaqayyootti fudhattaniittu; innoo, dhuguma dubbii Waaqayyoo ti.” (1 Tasaloniiqee 2:13) Kanaafuu, amantiiniifi barsiifanni amantii dhugaa ilaalchaafi duudhaa namootaarratti utuu hin ta’in, geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffame Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha.
7 Yesus yeroo hundumaa Sagalee Waaqayyoorratti hundaa’ee barsiisuudhaan fakkeenya gaarii nuuf ta’a. Kadhannaa Abbaasaatiif dhiheesserratti: “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yohannis 17:17) Yesus Sagalee Waaqayyootti kan amanu ta’uusaarrayyuu, wanti inni barsiise hundi Caaffata Qulqullaa’oo wajjin kan wal simu ture. Yeroo baay’ee: “Kan jedhu caafameera” jechuudhaan caqasa caqasee dubbata ture. (Maatewos 4:4, 7, 10) Haaluma wal fakkaatuun tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo har’aatti argamanis yaada mataasaanii hin barsiisan. Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uusaa waan amananiif, barumsisaanii guutummaatti Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha.
8. Yihowaa waaqeffachuun maal dabalata?
Maatewos 4:10) Kanaafuu tajaajiltoonni Waaqayyoo, Yihowaa qofa waaqeffatu. Waaqeffannaan kunis, maqaan Waaqayyoo inni dhugaan eenyu akka ta’eefi amalawwan akkamii akka qabu namootatti himuu dabalata. Faarfannaan 83:18 akkas jedha: “Maqaan kee isa jiraataa [“Yihowaa, NW”] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!” Yesus namoonni kaan Waaqayyoon akka beekan gargaaruu ilaalchisee fakkeenya gaarii kaa’uusaa kadhannaasaarrattis akkas jechuudhaan dubbateera: “Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera.” (Yohannis 17:6) Waaqeffattoonni dhugaa yeroo har’aatti argamanis waa’ee maqaa Waaqayyoo, waa’ee kaayyoosaafi waa’ee amalawwansaa warra kaan barsiisu.
8 Namoonni amantii dhugaa hordofan Yihowaa qofa waaqeffatu; akkasumas maqaasaa ni beeksisu. Yesus: “Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!” jechuudhaan dubbateera. (9, 10. Kiristiyaanonni dhugaa akka jaalala waliif qaban karaa kamiin argisiisu?
9 Tajaajiltoonni Waaqayyoo jaalala onneerraa maddeefi ofittummaarraa walaba ta’e waliif qabu. Yesus: “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yohannis 13:35) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa jaalala akkasii waliif qabu turan. Jaalalli seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e akkasii kun rakkoowwan qomoo, jireenya hawwaasummaafi lammummaa wajjin walitti dhufeenya qaban mo’uudhaan, ilmaan namootaa jaalala obbolummaa deebi’ee hin banneen akka wal jaallatan godha. (Qolosaayis 3:14) Miseensonni amantii sobaa jaalala obbolummaa akkasii hin qaban. Kana akkamitti beekuu dandeenya? Sababii sanyiifi lammummaatiin wal ajjeessu. Kiristiyaanonni dhugaan garuu, namoota hidhata amantiisaaniirrattis ta’e nama garabiraa kamiyyuu ajjeesuuf meeshaa waraanaa hin hidhatan. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu. . . . Wal jaallachuun nuuf ta’a. Akka Qaayin ta’uun hin ta’u. Inni kan isa hamaa sanaa ture; obboleessa isaas in ajjeese.”
Ibroota 10:24, 25) Yeroo rakkinaatti wal gargaaru; walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabaniinis amanamummaa argisiisu. Kanaafuu, gorsa Macaafa Qulqulluu isa “nama hundumaaf, . . . gaarii in hojjenna” jedhu hojiirra oolchu.
11. Waaqayyo nu fayyisuuf Yesusiin akka gargaarame amanuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
11 Kiristiyaanonni dhugaa, Waaqayyo nu fayyisuuf Yesus Kiristosiin akka gargaarame ni amanu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne.” (Hojii Ergamootaa 4:12) Boqonnaa 5rratti akka ilaalletti Yesus ilmaan namootaa warra ajajamoo ta’aniif lubbuusaa furii godhee dhiheesseera. (Maatewos 20:28) Kana malees, Waaqayyo Yesusiin Mootummaa Waaqayyoo isa samiirra taa’ee guutummaa biyya lafaa bulchurratti akka mo’uuf isa muudeera. Waaqayyo, jireenya bara baraa argachuu yoo barbaanne Yesusiif akka ajajamnuufi barumsasaas akka hojiirra oolchinu barbaada. Macaafni Qulqulluunis kan akkas jedhu kanumaafi: “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu.”
12. Kutaa biyya lafaa ta’uu dhiisuun maal dabalata?
12 Waaqeffattoonni dhugaa kutaa biyya lafaa kanaa miti. Yesus, bulchaa warra Roomaa Philaaxos duratti yeroo dhihaate: “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” jedheera. (Yohannis 18:36) Bartoonni Yesus warri dhugaa bakka kamiyyuu yoo jiraatan, Mootummaa isa samii jalatti waan bulaniif dhimmawwan siyaasaa addunyaa kanaa kamirraayyuu guutummaatti walabadha. Walitti bu’iinsa addunyaa kanarratti godhaman kamirrattiyyuu hin hirmaatan. Haata’u malee, Miseensa paartilee siyaasaa ta’u, filannoof dorgomuu ykn wantoota sagalee kennuu wajjin wal qabatanirratti murtoo namoonni kaan godhan keessa hin lixan. Namoonni dhugaadhaan Waaqayyoon waaqeffatan kun siyaasa keessa kan hin galle ta’anis seera ni kabaju. Maaliifi? Sagaleen Waaqayoo “warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif” akka ‘abboomaman’ waan isaan ajajuufidha. (Roomaa 13:1) Wanti Waaqayyo isaanirraa barbaaduufi wanti sirni siyaasaa isaanirraa barbaadu yeroo wal faallessutti, fakkeenya ergamoota Yesus isa akkas jedhu hordofu: “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira.”
13. Duuka buutonni Yesus warri karaa dhugaarra deddeebi’an Mootummaa Waaqayyootiif ilaalcha akkamii qabu? Kanaafuu tarkaanfii akkamii fudhatu?
Maatewos 24:14) Bartoonni Yesus warri dhugaan, ilmaan namootaa rakkoo keenya bulchiinsa ilmaan namootaatu nuuf hiika jedhanii akka amanaman gochuu mannaa, rakkoosaanii kan hiiku Mootummaa Waaqayyoo ta’uushee labsu. (Faarfannaa 146:3) Yesus, mootummaan mudaa hin qabne akka dhufu akka kadhannu akkas jechuudhaan barsiiseera: “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” (Maatewos 6:10) Sagaleen Waaqayyoo, Mootummaa samiirratti argamu kana ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Inni mootummoota sana [mootummoota yeroo ammaatti argaman] hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”
14. Ulaagaa waaqeffannaa amantii dhugaa kan guutu amantii kami jettee amanta?
14 Wantoota hanga ammaatti ilaallerratti hundaa’uudhaan gaaffiiwwan kanaa gaditti argaman of gaafadhu: ‘Amantiin barumsi isaa guutummaatti Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi maqaa Waaqayyoo beeksisu isa kami? Amantiin karaa Waaqayyo barsiiseen jaalala argisiisu, Yesusitti akka amanu kan argisiisu kutaa biyya lafaa kanaa kan hin taaneefi rakkoowwan ilmaan namaatiif furmaata kan kennu Mootummaa Waaqayyoo qofa ta’uushee kan lallabu isa kami? Amantii addunyaa kanarratti argamu keessaa guutummaatti ulaagaalee kana kan guutu isa kami?’ Ragaawwan jiran akka argisiisanitti ulaagaalee kana kan guutan Dhugaa Baatota Yihowaati.
MAAL GOCHUU YAADDA?
15. Waaqayyo jiraachuusaa amanuu keenyaan alatti maal akka goonu barbaada?
15 Waaqayyoon gammachiisuuf isatti amanuun qofti ga’aa miti. Macaafni Qulqulluun hafuuronni xuraa’oonillee Waaqayyo Yaaqoob 2:19) Haata’u malee, akka isaan jaalala Waaqayyoo hin raawwanneefi isa duratti fudhatama hin qabne beekamaadha. Nutis Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf inni akka jiru amanuu qofa utuu hin ta’in, jaalalasaas raawwachuu qabna. Kana malees amantii sobaarraa fagaachuufi waaqeffannaa dhugaa fudhachuu qabna.
jiraachuusaa akka amanan dubbata. (16. Amantii sobaa keessatti hirmaachuu ilaalchisee maal gochuu qabna?
16 Phaawulos amantii sobaa keessatti hirmaachuu akka hin qabne akkas jechuudhaan ibseera: “Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba’aas; wanta xuraa’aa harkaan hin qabinaa! Anis isinan simadha, jedha gooftaan.” (2 Qorontos 6:17; Isaayaas 52:11) Kanaafuu Kiristiyaanonni dhugaa wantoota waaqeffannaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban kamirraayyuu ni fagaatu.
17, 18. ‘Baabilon Guddittiin’ maalidha? ‘Ishee keessaa ba’uunoo’ ariifachiisaa kan ta’e maaliifi?
17 Macaafni Qulqulluun amantiin sobaa hundi kutaa “Baabilon guddittii” ta’uusaanii ibsa. * (Mul’ata 17:5) Maqaan kun Bishaan Badiisaa booda magaalaa amantiin sobaa itti hundaa’e Baabilon ishee durii nu yaadachiisa. Barumsi sobaa yeroo har’aatti amantii sobaa keessatti argaman bara dheeraa dura Baabilon keessaa kan maddanidha. Fakkeenyaaf, warri Baabilon sillaaseetti ykn waaqa sadiis tokkos ta’etti amanu turan. Har’as barumsi guddaan amantiiwwan baay’ee barsiisan barumsa Sillaaseeti. Macaafni Qulqulluun garuu Waaqni dhugaan Yihowaa qofa akka ta’eefi Yesus Kiristosimmoo Ilma Waaqayyo akka ta’e dubbata. (Yohannis 17:3) Kana malees, warri Baabilon du’a booda lubbuun foonirraa adda baatee akka jiraattuufi bakka dhiphinaatti akka dhiphattu amanu turan. Har’as amantiiwwan baay’een lubbuun ibidda qilillee keessatti dhiphattu akka jirtu barsiisu.
18 Waaqeffannaan Baabilon ishee durii guutummaa biyya lafaarratti waan babal’ateef, Baabilon Guddittiin isheen yeroo ammaatti argamtu amantii sobaa guutummaa biyya lafaatti argamu kan argisiistu ta’uushee sirriitti hubachuun ni danda’ama. Waaqayyo amantiin sobaa kun akkuma tasaatti akka baddu raajii dubbateera. Mul’ata 18:8) Baabilon Guddittii keessaa ba’uun maaliif akka barbaachisu hubatteettaa? Ammas yeroon waan jiruuf Yihowaan atattamaan ‘ishee keessaa akka baatu’ barbaada.
19. Yihowaa tajaajiluun kee bu’aa maalii siif argamsiisa?
19 Amantii sobaa keessaa ba’uuf murtoo gochuukeetiin namoonni tokko tokko walitti dhufeenya si wajjin qaban dhaabuu danda’u. Haata’u malee, sabasaa wajjin Yihowaa tajaajiluudhaan eebba guddaa wanta dhabde caalu argachuu dandeessa. Akka bartoota Yesus jaarraa jalqabaa wantoota garabiraa dhiisanii isaa wajjin bu’anii, atis namoota karaa hafuuraa obboloota sii ta’uu danda’an baay’ee argachuu dandeessa. Kutaa maatii Kiristiyaanota dhugaa addunyaa maratti tokkummaa qabaniifi garaasaanii guutuudhaan si jaallatanii taata. “Bara dhufutti” abdii gammachiisaa jireenya bara baraa argatta. (Maarqos 10:28-30) Tarii namoonni sababii amantii keetiin sirraa fagaatan yeroo booda wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu qorachuudhaan namoota Yihowaa waaqeffatan ta’uu danda’u.
20. Namoonni amantii dhugaa hordofan fuulduratti abdii akkamii qabu?
20 Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo yeroo dhihootti sirna hamaa kana balleessee, bulchiinsa Mootummaasaa isa haaraa qajeelummaan keessatti dagaageen akka bakka buusu barsiisa. (2 Phexros 3:9, 13) Addunyaan sun addunyaa akkam nama gammachiisu ta’aa! Addunyaa haaraa qajeelummaan keessatti dagaage sana keessatti amantii dhugaa ykn waaqeffannaa dhugaa tokko qofatu jiraata. Namoota amantii dhugaa hordofanii wajjin wal ta’iinsa uumuudhaaf ammumaa tarkaanfii fudhachuun kee gaarii mitii?
^ KEY. 17 Baabilon Guddittiin amantii sobaa addunyaa maratti argamu kan bakka buutu ta’uushee, ilaalchisee ragaa dabalataa argachuuf Kutaa Dabalataa fuula 219-220rratti argamu ilaali.