Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA SAGAL

Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eeguu

Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eeguu
  • Waaqayyoon jaallachuu jechuun maal jechuudha?

  • Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

  • Yihowaan namoota jaalalasaa keessatti of eegan kan eebbisu akkamitti?

Yeroo jeequmsaan guutame kanatti Yihowaa da’ookee ni godhattaa?

1, 2. Yeroo har’aatti da’oo amansiisaa ta’e eessaa argachuu dandeenya?

BOKKAA cimaa qilleensa guddaa qabu keessa miillaan adeemaa jirta haa jennu. Samiin duukkanaa’ee balaqqeessa’uu jalqabeera; kakawwee cimaan dhaga’amaa jira; bokkaa yandoonis roobuu jalqabe. Ariitiidhaan bakka itti bokkaa dheessitu argachuuf asiifi achi ilaalaa adeemta. Kana gidduutti da’oo tokko argatta. Da’oon kunis jabaa, gogaafi kan namatti toludha. Da’oo akkasii argachuu keetti hin gammadduu?

2 Har’as kan jiraannu yeroo jeequmsaan guutame keessadha. Haalli biyya lafaa caalaatti manca’aa jira. Haata’u malee, da’oon balaarraa nu eegu jira. Da’oon kun maalidha? Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu qalbeeffadhu: “Waaqayyoon, ‘Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayoo koo isa ani amanadhuu dha’ in jedha.”Faarfannaa 91:2.

3. Yihowaa da’oo keenya godhachuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Kun maal jechuu akka ta’ee mee yaadi! Yihowaan inni Uumaa ta’eefi uumama cufarratti Olaantummaa qabu da’oo keenya ta’uu danda’a. Inni nama miidhaa nurraan ga’uu danda’u kamirraas ta’e wanta kamiyyuu caalaa humna waan qabuuf nu eeguu danda’a. Yoo miidhaan nurra ga’ellee, miidhaa nurra ga’e kana balleessuuf humna qaba. Yihowaa da’oo keenya godhachuu kan dandeenyu akkamitti? Isatti amanamuu nu barbaachisa. Sagaleen Waaqayyoo: “Jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa” jechuudhaan nu gorsa. (Yihudaa 21) Eeyyee, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu cimsuudhaan jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu dandeenya. Yoo akkas goone inni da’oo keenya akka nuuf ta’u mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Haata’u malee, isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akkasii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

KARAAWWAN WAAQAYYO ITTI JAALALASAA ARGISIISE HUBACHUUDHAAN DINQISIIFANNAA ARGISIISUU

4, 5. Karaawwan Yihowaan jaalalasaa itti nuuf ibse keessaa tokko tokko maalfa’i?

4 Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf karaawwan Yihowaan jaalalasaa nutti argisiise hubachuu nu barbaachisa. Gargaarsa kitaaba kanaatiin barumsa Macaafa Qulqulluurraa baratte tokko tokko yaadachuu yaali. Yihowaan lafa kana gammachuudhaan akka irra jiraannuuf nuuf kenneera. Inni lafti midhaan, bishaan, albuuda gara garaa, bineensota adda addaafi akkaataawwan taa’umsa lafaa namatti tolaniin akka guutamtu godheera. Waaqayyoo Macaafa Qulqulluudhaan gargaaramee maqaasaafi amalasaa nuuf ibseera. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo, Ilmasaa Yesusiin gara lafaatti erguudhaan nuuf jedhee akka dhiphatuufi akka du’u heyyamuusaa nutti hima. (Yohannis 3:16) Kennaan kun hiika guddaa akkamii nuuf qaba? Yeroo gammachiisaa gara fuulduraatti dhufu abdiidhaan akka eeggannu nu gargaara.

5 Abdiin keenya fuulduraa wanta garabiraa Waaqayyo raawwaturrattis kan hundaa’edha. Yihowaan Mootummaa samii, jechuunis Mootummaa Masiihichaa hundeesseera. Mootummaan kun yeroo dhihootti hammeenya hundumaa lafarraa balleessuudhaan lafa kana gara jannataatti jijjiira. Mee yaadi! Achi keessa gammachuufi nagaadhaan bara baraaf jiraachuu dandeenya. (Faarfannaa 37:29) Waaqayyo, ammallee karaa bu’a qabeessa ta’een akkamitti jiraachuu akka dandeenyu qajeelfama nuu kenneera. Yeroo barbaanneefi bakka kamittiyyuu sodaa tokko malee akka isa kadhachuu dandeenyuufis karaa nuu baneera. Qophiiwwan kun karaawwan Yihowaan jaalalasaa ilmaan namootaa hundaafis ta’e siif dhuunfaatti argisiise keessaa muraasasaanii qofadha.

6. Jaalala Yihowaan sitti argisiiseef dinqisiifannaa qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

6 Gaaffii barbaachisaan of gaafachuu qabdu: Jaalala Yihowaan natti argisiiseef dinqisiifannaa akkan qabu argisiisuu kanan danda’u akkamitti? kan jedhudha. Namoonni baay’een, “Anis Yihowaa jaallachuun qaba” jedhu. Atis akkas yaaddaa? Yesus abboommii hunda caalu ilaalchisee: “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 22:37) Dhugumayyuu, Yihowaa jaallachuuf sababii baay’ee qabda. Garaakee guutuudhaan, jireenyakee guutuudhaan, yaadakee guutuudhaan Yihowaa jaallachuu jechuun akkasumaan miirri jaalalaa sitti dhaga’amuu qaba jechuu qofaa?

7. Waaqayyoon jaallachuun akkasumaan Waaqayyoon nan jaalladha jedhanii afaaniin dubbachuurra ni caalaa? Ibsi.

7 Akka Macaafa Qulqulluurratti ibsametti Waaqayyoon jaallachuun akkasumaan miira jaalalaa argisiisuu caalaa kan gaafatudha. Yihowaa jaallachuu kan qabnu ta’us, kun tarkaanfii isa jalqabaa qofadha. Burtukaanii firii godhatu argachuuf iji burtukaanii barbaachisaadha. Haata’u malee, utuu ati burtukaanii barbaadduu namni tokko utuu firiisaa qofa siif kenne ni gammaddaa? Akka hin gammanne beekamaadha! Haaluma wal fakkaatuunis miirri Yihowaa jaallachuu nutti dhaga’amuunsaa sadarkaa jalqabaa qofadha. Macaafni Qulqulluun: “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti” jechuudhaan barsiisa. (1 Yohannis 5:3) Jaalalli nuyi Waaqayyoof qabnus garaa guutuudhaa ta’uunsaa kan beekamu yoo firii godhate qofadha. Jaalalli kunis hojiidhaan mul’achuu qaba.Maatewos 7:16-20.

8, 9. Waaqayyoon akka jaallannuufi wantoota inni nuu godheef akka isa galateeffannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Waaqayyoon akka jaallannu kan argisiisnu, abboommiisaafi seera bu’uuraasaa yoo hojiirra oolchinedha. Abboommiisaa eeguunimmoo ulfaataa miti. Jireenya gaarii, jireenya gammachuufi nagaa qabu akka jiraannu nu gargaaruuf kan kennamedha. (Isaayaas 48:17, 18) Qajeelfama Yihowaan nuu kenne eegnee jiraachuudhaan wantoota gaarii inni nuu godhe hundaaf galata akka qabnu argisiisna. Kan nama gaddisiisu garuu, addunyaa kana keessaa galata akka qaban kan argisiisan namoota muraasa qofa. Akka namoota yeroo Yesus lafarra ture galata hin qabne ta’uu hin barbaannu. Yesus namoota dhukkuba lamxiitiin qabaman kudhan fayyisus, isa galateeffachuuf kan deebi’e nama tokko qofa ture. (Luqaas 17:12-17) Akka namicha isa galateeffachuuf deebi’ee malee akka namoota salgan utuu isa hin galateeffatin hafanii ta’uu hin barbaannu!

9 Abboommiiwwan Yihowaa eeguu qabnu kamfa’i? Baay’eesaanii kitaaba kana keessatti kan ilaalle ta’us, ammammoo muraasasaanii irra deebinee haa ilaallu. Abboommii Waaqayyoo eeguun keenya jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuuf nu gargaara.

YEROO KAMIYYUU CAALAATTI YIHOWAATTI DHIHAADHU

10. Waa’ee Yihowaa beekumsa argachuu itti fufuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliif akka ta’e ibsi.

10 Yihowaatti dhihaachuuf waa’eesaa barachuun barbaachisaadha. Waa’eesaa barachuu keenya yoomiyyuu dhaabuu hin qabnu. Halkan baay’ee dhaamotu keessa utuu ibidda qaqqaammachaa jirtuu ibiddichi utuu dhaamuuf ka’ee callistee ilaaltaa? Hin ilaaltu. Boba’uufi ho’a kennuusaa akka itti fufuuf qoraan itti dabalta. Lubbuudhaan jiraachuunkee kanarratti kan hundaa’e ta’uu danda’a! Qoraan ibiddi boba’uusaa akka itti fufu akkuma godhu, ‘beekumsa Waaqayyoo argachuunkees’ jaalalli Yihowaaf qabdu jabaachaa akka adeemu godha.Fakkeenya 2:1-5, 1899.

Akkuma ibiddaatti, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu boba’uusaa akka itti fufu qoraan barbaada

11. Barumsi Yesus bartootasaa barsiise bu’aa maalii argamsiise?

11 Yesus bartoonnisaa jaalala Yihowaafi dhugaa Macaafa Qulqulluutiif qaban akka eeganiifi jabaatanii akka dhaabatan barbaada ture. Erga du’aa ka’ee boodas, raajiiwwan Caaffata Qulqullaa’oo Kakuu Moofaa isarratti raawwiisaanii argatan keessaa tokko tokko bartootasaa lamaan barsiiseera. Kun bu’aa maalii argamsiise? Erga inni isaanirraa adda ba’ee booda akkas jedhaniiru: “Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu ibsaa dhufe garaan keenya in raafame, mitii ree?”Luqaas 24:32.

12, 13. (a) Namoonni yeroo ammaatti argaman garri caalaan jaalalli isaan Waaqayyoofi Macaafa Qulqulluuf qaban maal ta’eera? (b) Jaalalli keenya akka hin qabbanoofne gochuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu jalqaba yeroo barattetti garaankee gammachuu, hinaaffaafi jaalala Yihowaaf qabduun hin guutamnee? Akka guutame homaa hin shakkisiisu. Namoota baay’eetti gammachuun akkasii dhaga’ameera. Wanti ulfaataa ta’e jaalala ho’aa kana keessa keenyatti eegnee tursuufi akka jabaachaa adeemu gochuudha. Amala biyyi lafaa kun argisiisu hordofuu hin barbaannu. Yesus: “Jaalalli namoota baay’ee qabbanaa’aa in adeema” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 24:12) Jaalalli Yihowaafi Macaafa Qulqulluuf qabdu akka hin qabbanoofne gochuu kan dandeessu akkamitti?

13 Waa’ee Yihowaafi waa’ee Ilmasaa beekumsa argachuukee itti fufi. (Yohannis 17:3) Wanta Sagalee Waaqayyoorraa baratterratti xiinxaluudhaan akkas jedhii of gaafadhu: ‘Wanti kun waa’ee Yihowaa maal na barsiisa? Garaa koo guutuu, jireenya koo guutuufi yaada koo guutuudhaan isa jaallachuuf sababii ga’aa akkamii naaf kenna?’ (1 Ximotewos 4:15) Sagaleesaarratti xiinxaluunkee jaalalli Yihowaaf qabdu caalaatti akka guddachaa adeemu si gargaara.

14. Kadhannaan jaalala Yihowaa keessatti of eegnee jiraachuuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?

14 Jaalalli Yihowaaf qabdu akka hin qabbanoofne wanti si gargaaru garabiraanimmoo, yeroo hundaa kadhachuudha. (1 Tasaloniiqee 5:17) Boqonnaa 17rratti, kadhannaan kennaa guddaa Waaqayyo biraa nuuf kenname ta’uusaa baranneerra. Yeroo hundaa namootaa wajjin haasa’uun keenya walitti dhufeenya isaanii wajjin qabnu akka nuu jabeessu, kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuun keenyas walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu nuu jabeessa. Kadhannaan keenya kan irra deddeebi’amuufi akkasumaan akka barsiifataatti hiikasaa utuu hin beekin kan dhihaatu akka hin taane of eeggachuu qabna. Kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu kan qabnu haala mucaan xinnoon tokko abbaasaa isa jaallatu haasofsiisuun ta’uu qaba. Karaa ulfina qabuun isa haasofsiisuu kan qabnu ta’us, wanta nutti dhaga’amu sodaa tokko malee dubbachuu, kadhannaan keenya haqarratti kan hundaa’eefi garaa keenyaa kan madde ta’uu qaba. (Faarfannaa 62:8) Eeyyee, qayyabannaan Macaafa Qulqulluufi kadhannaan onneerraa madde waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa qabaachuusaarras, jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuuf nu gargaara.

WAAQEFFANNAA KEETTI GAMMADI

15, 16. Hojii wangeela Mootummichaa lallabuu akka mirga guddaafi akka waan gati-jabeessaatti ilaaluu kan qabnu maaliifi?

15 Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu dhuunfaafi kadhannaan, kutaa waaqeffannaa dhuunfaatti raawwachuu dandeenyudha. Kutaa waaqeffannaa fuula namootaa duratti raawwannu keessaa tokkommoo wanta amannu warra kaanitti himuudha. Dhugaa Macaafa Qulqulluu keessaa wanta tokko tokko namoota kaanitti himuu jalqabdeettaa? Akkas taanaan carraa guddaa hojii kanarratti hirmaachuuf si dandeessisu argatteetta jechuudha. (Luqaas 1:74) Dhugaa waa’ee Yihowaa baranne warra kaaniitti kan himnu yoo ta’e, hojii baay’ee barbaachisaa waa’ee wangeela Mootummaa Waaqayyoo akka lallabaniif, Kiristiyaanota dhugaa hundaatti kenname hojjechaa jirra jechuudha.Maatewos 24:14; 28:19, 20.

16 Phaawulos tajaajilasaa akka wanta gatii guddaa qabuutti waan ilaaleef gati-jabeessa jedhee waameera. (2 Qorontos 4:7) Waa’ee Yihowaafi waa’ee kaayyoosaa dubbachuun hojii hojjechuu qabdu hundaa kan caaludha. Tajaajila kana kan raawwattu Gooftaa keenya isa homtinuu isaa wajjin walgituu hin dandeenyeef ta’uusaarrayyuu, faayidaa hojichi argamsiisuu wajjinis wanti wal gitu hin jiru. Hojii kanarratti hirmaachuunkee namoonni garaa qajeelaa qaban Yihowaatti akka dhihaataniifi daandii gara jireenya bara baraatti geessurra akka deddeebi’uu jalqaban gargaaruuf si dandeessisa. Hojiin kana caalaa gammachuu namaaf argamsiisu jiraa? Waa’ee Yihowaafi waa’ee Sagaleesaa dhugaa ba’uunkees amantiifi jaalalli isaaf qabdu akka jabaatu si gargaara. Yihowaan carraaqqii ati gootu ni dinqisiifata. (Ibroota 6:10) Utuu gargar hin kutin hojii kanarratti hirmaachuunkee jaalala Waaqayyoo keessatti of eegdee akka jiraattu si gargaara.1 Qorontos 15:58.

17. Yeroo har’aatti namootaaf lallabuun ariifachiisaa kan ta’e maaliifi?

17 Misiraachoo Mootummichaa lallabuun ariifachiisaa ta’uusaa yaadachuun keenya barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun: “Dubbicha miira ariitiitiin lallabi” jedha. (2 Ximotewos 4:2, NW) Yeroo har’aatti kana gochuun keenya ariifachiisaa kan ta’e maaliifi? Sagaleen Waaqayyoo: “Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhi’aateera, dhi’aateera, dafees in dhufa” jechuudhaan nutti hima. (Sefaniyaa 1:14) Eeyyee, yeroon Yihowaan sirna kana itti balleessu baay’ee dhihaateera. Namootaaf akeekkachiisni kennamuu qaba! Yeroon isaan Yihowaa bulchaasaanii godhanii filatan amma akka ta’e beekuu qabu. Yeroon dhumaa “hin turu.”Anbaaqom 2:3.

18. Kiristiyaanota dhugaa wajjin Yihowaa ifatti waaqeffachuu kan qabnu maaliifi?

18 Yihowaan Kiristiyaanota dhugaa wajjin tokko taanee ifatti akka isa waaqeffannu barbaada. Sagaleensaa kan akkas jedhus kanaafi: “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhi’aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.” (Ibroota 10:24, 25) Namoota hidhata amantaa keenyaa ta’anii wajjin walga’ii gumiirratti yeroo argamnu, Waaqa keenya isa jaalala qabeessa ta’e ol ol gochuufi waaqeffachuuf carraa addaa arganna. Kana malees, wal jajjabeessina.

19. Jaalala gumii Kiristiyaanaa jabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Namoota Yihowaa waaqeffatanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuun keenya, jaalalaafi walitti dhufeenya gumichaa akka jabeessinu nu gargaara. Akkuma Yihowaan amala keenya isa gaarii ilaalu, nuyis amala walii keenyaa isa gaarii ilaaluun keenya barbaachisaadha. Namoota hidhata amantiikee ta’anirraa gonkummaa hin eegin. Hundinuu karaa hafuuraa sadarkaa gara garaarra akka jiraniifi hundi keenyayyuu dogoggora raawwachuu akka dandeenyu yaadadhu. (Qolosaayis 3:13) Namoota Yihowaadhaaf jaalala cimaa qabanii wajjin walitti dhufeenya gaarii kan godhattu yoo ta’e karaa hafuuraa ni guddatta. Eeyyee, obbolootakee waliin taatee Yihowaa waaqeffachuunkee jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf si gargaara. Yihowaan namoota amanamummaadhaan isa waaqeffataniifi jaalalasaa keessatti of eegan kan eebbisu akkamitti?

“JIREENYA DHUGAA” ARGACHUUF CARRAAQQII GODHI

20, 21. ‘Jireenyi dhugaa’ maalidha? Jireenyi kunoo abdii gammachiisaa kan ta’e maaliifi?

20 Yihowaan tajaajiltootasaa warra amanamoodhaaf jireenya kennuudhaan isaan eebbisa; haata’u malee jireenya akkamii isaaniif kenna? Dhugumaan yeroo har’aatti akka jiraachaa jirtu sitti dhaga’amaa? Baay’een keenya kun gaaffii maalii qaba jennee akka deebiisnu beekamaadha. Hafuura ni baafanna, ni nyaanna, akkasumas ni dhugna; kanaafuu, jiraachaa kan jirru ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu. Yeroo baay’ee gammadnuttimmoo, “Mi’aa jireenyaa kanan arge ammadha!” jenne dubbanna. Haata’u malee, wanta baay’ee barbaachisaa ta’e tokkoo wajjin yeroo waliin ilaalamu yeroo ammaatti namni kamiyyuu dhugumaan jiraachaa jirra jechuu akka hin danda’amne Macaafni Qulqulluun ni dubbata.

Yihowaan “jireenya dhugaa”argattee akka gammaddu barbaada. Atoo jireenya kanaaf ni geessaa?

21 Sagaleen Waaqayyoo, ‘jireenya dhugaa harka keessa akka galfannu’ nu jajjabeessa. (1 Ximotewos 6:19) Jechoonni kun ‘jireenyi dhugaa’ fuulduratti argannuufi abdiidhaan eeggannu kan argisiisanidha. Eeyyee, yeroo gonkummaa argannu sadarkaa Waaqayyo jalqaba baaseen waan jiraannuuf haala jecha kanaa wajjin guutummaatti wal simuun jiraanna jechuudha. Fuulduratti lafa jannata taatu keessa guutummaatti fayyaa argachuudhaan, nagaafi gammachuudhaan “jireenya dhugaa” jiraanna. (1 Ximotewos 6:12) Kun abdii nama gammachiisu mitii?

22. ‘Jireenya dhugaa harka keessa galfachuu’ kan dandeessu akkamitti?

22 ‘Jireenya dhugaa harka keessa galfachuu’ kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos boqonnaadhuma sanarratti Kiristiyaanonni, ‘wanta gaarii ta’e akka hojjetaniifi soorumnisaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan akka ta’u’ isaan gorseera. (1 Ximotewos 6:18) Kanarraa ifatti hubachuun akka danda’amutti, wanti kun dhugaa Macaafa Qulqulluurraa baranne haala itti hojiirra oolchinurratti kan hundaa’edha jechuudha. Haata’u malee, Phaawulos hojii gaarii hojjechuutu “jireenya dhugaa” nuuf argamsiisa jechuusaa turee? Lakki. Abdiin gammachiisaan akkasii kun “kennaa tolaa” Waaqayyo biraa argannerratti kan hundaa’edha. (Roomaa 5:15) Haata’u malee, Yihowaan namoota amanamummaadhaan isa tajaajilanitti waan gammaduuf isaan eebbisuun isa gammachiisa. Yeroo ati “jireenya dhugaa” jiraattu arguu barbaada. Namoonni jaalala Waaqayyoo keessatti of eeganii jiraatan, jireenya gammachuufi nagaa qabu, akkasumas jireenya bara baraatu isaan eega.

23. Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

23 Hundi keenya, ‘Karaa seerasaa isa Macaafa Qulqulluu keessatti kaa’een Waaqayyoon waaqeffachaan jiraa?’ jennee of gaafachuu qabna. Karaa kanaan Waaqayyoon akka waaqeffachaa jirru mirkaneeffachuuf guyyaa guyyaan kan of qorru yoo ta’e, daandii sirrii ta’erra adeemaa jirra jechuudha. Yoo akkas goone Yihowaan da’oo keenya akka ta’u beekamaadha. Inni sabasaa warra amanamoo ta’an, rakkoowwan guyyoota gara dhumaa sirna moofaa kanarra ga’anirraa isaan oolcha. Kana malees, Yihowaan badiisarraa nu oolchuudhaan, gara addunyaa haaraa isa gammachiisaa dhihootti dhufutti nu galcha. Yeroo sanatti gammachuun keenya hangam guddaa ta’aa! Guyyoota gara dhumaa kana keessatti filannaa sirrii ta’e akkasii gochuun keenya hangam kan nu gammachiisudha! Yeroo ammaa kanatti filannaa akkasii kan gootu yoo ta’e, “jireenya dhugaa” Yihowaan qopheesse keessa bara baraaf jiraatta!