KUTAA DABALATAA
Sii’oliifi Hedees Jechuun Maal Jechuudha?
MACAAFNI QULQULLUUN afaan jalqaba ittiin barreeffameen, jecha afaan Ibrootaatiin Shii’ol jedhuufi isaa wajjin hiika tokko kan qabu jecha afaan Giriikiitiin hedees jedhamutti al 70 gargaarameera. Jechoonni lamaan kun jechoota du’aa wajjin wal qabatanidha. Hiikni Macaafa Qulqulluu tokko tokko jechoota kanaan “awwaalcha,” “bakka gubannaa,” ykn “boolla” jedhanii hiikaniiru. Haata’u malee, afaan baay’een jechoota afaan Ibrootaafi afaan Giriikii sirriitti dabarsuu hin danda’an. Hiikni jechoota kanaa inni sirriin maalidha? Caqasoota Macaafa Qulqulluu garagaraa keessatti akkamitti akka ibsaman mee haa ilaallu.
Lallabni 9:10, akka hiik bara 1899tti akkas jedha: “Harkikee argachuu waan danda’u gochuudhaaf dammaqxee godhi. Hojiiniif yaadni ogummaaniif beekumnis ati gara itti deemtu sii’ol keessatti in argamu’oo.” Kana jechuun Sii’ol bakka nama du’aan nurraa adda ba’e itti awwallu ykn bakka awwaalcha nama tokkoo argisiisa jechuudhaa? Akkas miti. Macaafni Qulqulluun bakka awwaalchaa tokko ibsuuf afaan Ibrootaafi afaan Giriikiitiin jechoota shii’oliifi hedees jedhamaniin utuu hin ta’in jechoota garabiraadhaan gargaarama. (Uumama 23:7-9; Maatewos 28:1) Kana malees, Macaafni Qulqulluun bakka awwaalchaa maatiin ykn namoonni baay’een itti awwaalaman ibsuuf jecha “sii’ol” jedhuun hin gargaaramu.
Jechi “Sii’ol” jedhu maal argisiisaree? Sagaleen Waaqayyo akka dubbatutti, jechi “Sii’ol,” ykn “Hedees” jedhu bakka awwaalchaa guddaa namoonni baay’een bakka tokkotti itti awwaalaman caalaa kan argisiisudha. Fakkeenyaaf, akka hiika Macaafa Qulqulluu bara 1899tti Isaayaas 5:14 “Kanaafis, Sii’ol garaasaa bal’isee, afaansaas qixxee malee bane” jechuudhaan dubbata. Sii’ol namoota du’aniifi lakkoofsisaanii hangana hin jedhamne akka liqimse godhamee yoo ibsamellee, yoomiyyuu kan quufu hin fakkaatu. (Fakkeenya 30:15, 16, 1899) Bakka awwaalchaa namoota muraasa qofa qabachuu danda’urraa haala adda ta’een, ‘Sii’ol in quufu, 1899.’ (Fakkeenya 27:20) Sii’ol yoomiyyuu hin guutu. Daangaas hin qabu. Kanaafuu, Sii’ol ykn Hedees kallattiidhaan naannoo tokko kan argisiisu utuu hin ta’in bakka awwaalcha ilmaan namootaa hundi yeroo du’an itti boqotanidha.
* (Iyoob 14:13; Hojii Ergamootaa 2:31) Kana malee, Sagaleen Waaqayyoo namoota Yihowaa tajaajilaa turan qofa utuu hin ta’in, namoonni baay’een utuu Yihowaa hin tajaajilin du’anis Sii’ol ykn Hedees keessa akka jiran ibsa. (Uumama 37:35, NW; Faarfannaa 55:15, 1899) Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun “Warra qajeelotaa fi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun akka jiru” dubbata.
^ KEY. 1 Karaa garabiraammoo namoonni du’aa ka’uuf abdii hin qabne Sii’ol ykn Hedees keessa utuu hin ta’in, “Gahaannam” keessa akka jiran ibsameera. (Maatewos 5:30, 1899; Mat 10:28, 1899; Mat 23:33, 1899) Gahaannamis akkuma Sii’oliifi akka Hedees bakka murtaa’e tokko kan argisiisu miti.