Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA

Irbaata Gooftaa—Ayyaana Waaqayyoof Ulfina Fidu

Irbaata Gooftaa—Ayyaana Waaqayyoof Ulfina Fidu

KIRISTIYAANONNI Ayyaana Yaadannoo Du’a Kiristos akka kabajan ajajamaniiru. Ayyaanni kun “Irbaata Gooftaa” jedhamees ni waamama. (1 Qorontos 11:20) Ayyaana kana wanti adda isa godhu maalidha? Kan kabajamuu qabu yoomiifi akkamitti?

Yesus Kiristos ayyaana kana kan dhaabee, galgala Ayyaana Bira Darbuu warra Yihudootaa dhaloota Kiristos booda bara 33tti kabajamerrattidha. Ayyaanni Bira Darbuu kan kabajamu waggaatti al tokko yommuu ta’u, innis ji’a Yihudoonni Niisaan jedhanii waaman guyyaa 14ffaattidha. Yihudoonni guyyaa ayyaanni kun irra oolu shallaguuf ji’oota birraatti dheerinni halkaniifi guyyaa, guyyaa isa kamitti qixxee sa’aatii 12 akka qabaatu eeganii akka ayyaana kana kabajaa turan ragaawwan jiranirraa hubachuun ni danda’ama. Jiini Niisaan kan jalqabu guyyaa baatiin itti mul’achuu jalqabdu kaaseeti. Ayyaanni Bira Darbaa kan kabajamu guyyaa 14ffatti erga biiftuun lixxee boodadha.

Yesus ayyaana Bira Darbaa bartootasaa kudha lamaanii wajjin kabajee Yihudaa nama biyya Keriyot erga geggeessee booda, seera Ayyaana Irbaata Gooftaa dhaabe. Irbaanni Gooftaa kun Ayyaana Bira Darbaa warra Yihudootaa kan bakka bu’e waan ta’eef, kan ayyaaneffatamu waggaatti al tokko qofadha.

Wangeelli Maatewos akkas jedha: “Yesus buddeena fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, ‘Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhagna koo ti!’ jedhe. Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee, Hundumti keessan kanattii dhugaa! Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay’eetiif dhangala’a.”Maatewos 26:26-28.

Namoonni tokko tokko Yesus buddeenicha kallattiidhumaan gara foonsaatti wayinichammoo gara dhiigasaatti jijjiire jedhanii yaadu. Haata’u malee, Yesus buddeenicha yeroo bartootasaatiif kennetti jijjiiramni qaamasaarratti godhame hin jiru ture. Bartoonni Yesus kallattiidhumaan foon Yesus nyaatanii, akkasumas dhiigasaa dhuganii turanii? Matumaa. Utuu akkas godhaniiru ta’ee gocha ciiggaasisaa seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu raawwatu turan. (Uumama 9:3, 4; Lewwoota 17:10) Luqaas 22:20rratti Yesus akkas jedhe: “Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangala’uun dhaabatuudha.” Xoofoon sun kallattiidhumaan “kakuu isa haaraa” ta’ee ture jechuudhaa? Kun ta’uu hin danda’u; sababiinsaas waadaan walii galtee tokko kan argisiisu malee wanta harkaan qabamuu ykn ijaan argamuu danda’u miti.

Kanaafuu, buddeenichis ta’e wayinichi fakkeenya qofadha. Buddeenichi foon Kiristos isa mudaa hin qabne bakka bu’a. Buddeenni Yesus itti gargaarame Ayyaana Bira Darbaarraa kan hafedha. Buddeenichi raacitiin tokko malee kan tolshamedha. (Ba’uu 12:8) Macaafni Qulqulluun cubbuu ykn faalamuu argisiisuuf raacitii akka fakkeenyaatti gargaarama. Kanaafuu, maxinichi foon Yesus isa mudaa hin qabneefi inni aarsaa godhee dhiheesse bakka bu’a. Foonsaa cubbuurraa guutummaatti walaba kan ta’edha.Maatewos 16:11, 12; 1 Qorontos 5:6, 7; 1 Phexros 2:22; 1 Yohannis 2:1, 2.

Wayiniin inni diimaan dhiiga Yesus bakka bu’a. Dhiigni sunis kakuu isa haaraa raggaasisa. Yesus dhiignisaa kan dhangala’e “dhiifamuu cubbuu” argamsiisuuf akka ta’e dubbateera. Kanaafuu, ilmaan namootaa Waaqayyo duratti qulqulluu ta’uufi kakuu haaraa Yihowaan galetti galuu ni danda’u. (Ibroota 9:14; 10:16, 17) Kakuun ykn walii galteen kun Kiristiyaanonni amanamoon 144,000 gara samii akka dhaqaniif karaa isaaniif baneera. Achittis ilmaan namootaa hundi eebba akka argataniif moototaafi luboota ta’anii tajaajilu.Uumama 22:18; Ermiyaas 31:31-33; 1 Phexros 2:9; Mul’ata 5:9, 10; 14:1-3.

Buddeenaafi wayinii Ayyaana Yaadannoo kanarratti dhihaatanirraa nyaachuufi dhuguu kan qaban eenyufa’i? Namoota kutaa kakuu isa haaraa ta’aniifi gara samii dhaquuf abdii qaban qofa akka ta’e ifaadha. Hafuurri qulqulluun namoonni kun samiirratti mootota akka ta’aniif kan filataman ta’uusaanii akka amanan isaan godha. (Roomaa 8:16) Kana malees namoonni kun Yesusii wajjin kakuu Mootummaa galaniiru.Luqaas 22:29, NW.

Namoonni lafa Jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf abdii qabanoo buddeeniifi wayinii kanarraa ni hirmaatuu? Abboommii Yesusiif ajajamuudhaan Irbaata Gooftaarratti ni argamu; haata’u malee, kan ayyaanicharratti argaman sirnasaarratti karaa ulfina qabuun hirmaachuuf malee buddeenaafi wayinicharraa hirmaachuuf miti. Dhugaa Baatonni Yihowaa Irbaata Gooftaa waggaatti al tokko Niisaan 14 erga biiftuun lixxee booda kabaju. Addunyaa maratti lakkoofsi namoota abdii gara samii dhaquu akka qabanii dubbatan kuma muraasaan kan lakkaa’amu ta’us, Ayyaanni Yaadannoo kun Kiristiyaanota hundumaa biratti ulfinaan kabajama. Yeroon kun, yeroo Kiristiyaanonni hundinuu jaalala guddaa Yihowaafi Yesus Kiristos ilmaan namootatti argisiisanirratti gadi fageenyaan itti yaadanidha.Yohannis 3:16.