Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA LAMA

Macaafni Qulqulluun—Kitaaba Waaqayyo Namootaaf Kennedha

Macaafni Qulqulluun—Kitaaba Waaqayyo Namootaaf Kennedha
  • Macaafni Qulqulluun kitaabota kaanirraa kan adda ta’e karaawwan kamiini?

  • Macaafni Qulqulluun rakkoowwan si mudatan mo’uuf kan si gargaaru akkamitti?

  • Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamanitti amanuu kan dandeessu maaliifi?

1, 2. Macaafni Qulqulluun kennaa dinqisiisaa kan ta’e karaawwan kamiini?

HIRIYAA jaallatturraa guyyaa kennaa gaarii itti argatte ni yaadattaa? Guyyaan akkasii kun, guyyaa miirri adda ta’e nutti dhaga’amu qofa utuu hin ta’in, guyyaa baay’ee nama gammachiisudha. Kana malees, kennaan akkasii kun namni kun hiriyyummaa keessaniif iddoo guddaa kan kennu ta’uusaa si hubachiisa. Kennaa hiriyaan kee sii kenneef akka isa galateeffattu beekamaadha.

2 Macaafni Qulqulluun kennaa Waaqayyo biraa nuu kenname waan ta’eef, galateeffachuu qabna. Kitaabni adda ta’e kun, barumsawwan bakka garabiraadhaa argachuu hin dandeenye qabateera. Fakkeenyaaf, akkaataa uumama samii urjiidhaan guutame dabalatee, waa’ee lafaa, waa’ee Addaamiifi Hewwaan nutti hima. Seerawwan bu’uuraa bu’aa ba’ii jireenyaafi wantoota nu dhiphisan mo’uuf nu gargaaranis qabateera. Waaqayyo kaayyoosaa galmaan ga’uudhaan akkamitti lafa kanarratti yeroo gammachiisaa akka fidu ibsa. Dhugumayyuu, Macaafni Qulqulluun kennaa dinqisiisaadha!

3. Yihowaan Macaafa Qulqulluu nuu kennuunsaa waa’eesaa maal nu hubachiisa? Kunoo gammachiisaa kan ta’e maaliifi?

3 Kana malees, Macaafni Qulqulluun waa’ee Waaqa isa kennaa kana nuu kennee, jechuunis waa’ee Yihowaa waan dubbatuuf kennaa nama gammachiisudha. Waaqayyo kitaaba kana nuu kennuunsaa, sirriitti akka isa beeknu akka barbaadu argisiisa. Dhugumayyuu, Macaafni Qulqulluun Yihowaatti akka dhihaattu si gargaaruu danda’a.

4. Macaafni Qulqulluun baay’inaan kan argamu ta’uunsaa kan si dinqisiisu maaliifi?

4 Macaafa Qulqulluu yoo qabaatte, macaafa kana kan qabu si qofa miti. Macaafni Qulqulluun guutummaatti ykn gar-tokkoon afaanota 2,300 ol ta’aniin qophaa’eera. Kanaafuu, namoota addunyaa maratti argaman keessaa harka 90 ol kan ta’an kitaaba kana argachuu danda’aniiru. Giddu-galeessaan torban torbaniin Macaafa Qulqulluu miliyoona tokkoo ol ta’utu raabsama! Macaafni Qulqulluun, guutummaattis ta’e gar-tokkoon lakkoofsa biliyoonaan lakkaa’amuun maxxanfameera. Dhugumayyuu, kitaabni baay’inaan maxxanfamuudhaan Macaafa Qulqulluudhaan qixxaatu hin jiru.

“Macaafni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa” afaan baay’eedhaan argama

5. Macaafni Qulqulluun “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame” kan jennu maaliifi?

5 Kana malees, Macaafni Qulqulluun “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame.” (2 Ximotewos 3:16) Karaa kamiini? Macaafni Qulqulluun: “Namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru” jechuudhaan deebii kenna. (2 Phexros 1:21) Kana fakkeenyaan ibsuuf: Hogganaan dhaabbata tokkoo, barreessituunsaa xalayaa akka barreessitu gochuu danda’a. Kanaafuu, xalayaan sun yaadaafi qajeelfama hogganaa sanaa malee, kan ishee barreessite sanaa miti. Haaluma wal fakkaatuunis, yaadni Macaafa Qulqulluu keessatti argamu kan Waaqayyooti malee, kan namoota barreessan sanaa miti. Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun ‘sagalee Waaqayyooti.’1 Tasaloniiqee 2:13.

KAN WAL HIN FAALLEESSINEEFI SIRRII KAN TA’E

6, 7. Yaadni Macaafa Qulqulluurratti argamu kan wal hin faallessine ta’uunsaa kan nama dinqisiisu maaliifi?

6 Macaafni Qulqulluu waggoota 1,600 ol ta’an gidduutti barreeffame. Namoonni barreessan bara adda addaatti kan jiraatan yeroo ta’u, haalli jireenyaasaaniis garaagara ture. Isaan keessaa tokko tokko qotee bulaa, qurxummii qabuudhaan kan jiraataniifi tiksoota turan. Kaanimmoo, raajota, abbootii firdiifi mootota turan. Barreessaan Wangeelaa Luqaas, ogeessa fayyaa ture. Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan haala jireenyaa adda addaa keessaa kan dhufan ta’anis, Macaafni Qulqulluun jalqabaa hamma dhumaatti kan wal hin faalleessinedha. *

7 Kutaan Macaafa Qulqulluu inni jalqabaa, rakkinni ilmaan namootaa akkamitti akka jalqabe nutti hima. Kutaan dhumaammoo, lafti guutummaatti jannata akka taatu dubbata. Kutaawwan Macaafa Qulqulluu adda addaa, seenaawwan waggoota kumaan lakkaa’aman kan qabatan yeroo ta’u, tokkoo tokkoon kutaawwan kanaa kaayyoon Waaqayyoo maal akka ta’eefi kaayyoonsaa kunis akkamitti raawwiisaa akka argatu hubachuuf nu gargaaru. Macaafni Qulqulluun kan wal hin faalleessine ta’uunsaa kan nama dinqisiisu ta’us, wanti kun kitaaba Waaqayyo namootaaf kennerraa waan eegamudha.

8. Saayinsii ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun dubbatu dhugaa ta’uusaatiif fakkeenya tokko tokko dhiheessi.

8 Macaafni Qulqulluun gama saayinsiitiinis yaada sirrii ta’e kan qabatedha. Yaada saayinsiin bara sana ture bira hin geenye qabateera. Fakkeenyaaf, kitaaba Lewwootaarratti namni dhukkubsate dhukkubasaa warra kaanitti akka hin dabarsinetti, isaanirraa adda ba’ee akka jiraatu gochuuniifi fayyaa ofii eeguu ilaalchisee Israa’elootaaf seerri kan kennamee ture yeroo ta’u, saboonni naannoosaanii turan garuu wantoota kana ilaalchisee waan beekan hin qaban turan. Lafti maal akka fakkaattu ilaalchisee yaadni dogoggora ta’e yeroo turettillee, Macaafni Qulqulluun lafti naannoo ykn geengoo akka fakkaattu dubbata. (Isaayaas 40:22, 1899) Macaafni Qulqulluun: “lafa immoo homtuu utuu jala hin jiraatin in rarraase” jechuudhaan ibseera. (Iyoob 26:7) Dhugaadha, Macaafni kun kitaaba saayinsii miti. Haata’u malee, wantoonni inni saayinsii ilaalchisee dubbatu dhugaadha. Kun kitaaba Waaqayyo ilmaan namootaatiif kennerraa wanta eegamu mitii?

9. (a) Macaafni Qulqulluun seenaa ilaalchisee wantoota dubbatuun dhugaa ta’uunsaafi amanamuu kan danda’u ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (b) Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu amanamoo ta’uunsaanii maal si hubachiisa?

9 Kana malees, Macaafni Qulqulluun gama seenaatiinis sirriifi kan amanamuu danda’udha. Yaadiwwan achi keessatti argaman kan nama shakkisiisan miti. Maqaa namootaa qofa utuu hin ta’in, sanyii hidda dhalootasaaniis kan qabatedha. * Barreessitoonni seenaa addunyaa, sabnisaanii injifatamuusaa ni dhoksu. Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan garuu, haala kanarraa faallaa ta’een dadhabbii mataasaaniifi sabasaanii ifatti dubbachuudhaan amanamoo ta’uusaanii argisiisaniiru. Fakkeenyaaf, Museen macaafa Lakkoobsaarratti, cubbuu guddaa hojjeteen adaba cimaa isarra ga’e barreesseera. (Lakkoobsa 20:2-12) Amanamummaan akkasii kun barreeffamoota seenaarratti kan argamu baay’ee xinnoodha. Macaafa Qulqulluurratti garuu baay’inaan argama. Kunis, kitaaba Waaqayyo namootaaf kenne ta’uusaa kan argisiisudha.

KITAABA BARUMSA GAARII QABATE

10. Macaafni Qulqulluun barumsa gaarii kan qabate ta’uunsaa nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?

10 Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame waan ta’eef, “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.” (2 Ximotewos 3:16) Eeyyee, Macaafni Qulqulluun kitaaba barumsa gaarii qabatedha. Akkaataa uumama ilmaan namootaa sirriitti ibsa. Abbaan barruu Macaafa kanaa, Yihowaa waan ta’eef, Macaafni Qulqulluun kitaaba akkasii ta’uunsaa waan nama dinqisiisu miti! Inni yaadaafi miira keenya nu caalaatti beeka. Kana malees, Yihowaan gammachuu argachuuf maal gochuu akka qabnuufi daanddii akkamiirraa fagaachuu akka qabnu beeka.

11, 12. (a) Yesus Lallabasaa isa Tabbaarratti, mata-dureewwan akkamiirratti barumsa kenne? (b) Macaafa Qulqulluu keessatti dhimmawwan garabiraa barbaachisoo ta’an akkamiirratti gorsi kennameera? Gorsi kun yeroo hundaa barbaachisaadha kan jennuhoo maaliifi?

11 Haasawaa Yesus isa Lallaba Tabbarraa jedhamuufi Maatewos boqonnaa 5 hanga 7rratti argamu mee yaadi. Yesus barumsa guddaa kana yeroo barsiisetti, gammachuu dhugaa argachuun, wal dhabiinsa hiikuun, kadhannaa gochuuniifi qabeenyaadhaaf ilaalcha sirrii ta’e qabaachuun akkamitti akka danda’amu dabalatee, matadureewwan baay’eerratti barumsa kenneera. Jechoonni Yesus akkuma bara sanaa, yeroo har’aattis namootarra dhiibbaa gaarii geessisuu isaaniirrayyuu, kan hojiirra ooluu danda’anidha.

12 Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu tokko tokko, jireenya maatii, barsiifata hojiifi walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnu kan ilaalanidha. Seerawwan bu’uuraa kun namoota hundaaf kan ta’anidha. Gorsiwwan isa keessatti argamanis yeroo hundaa faayidaa kan argamsiisanidha. Sagaleen Waaqayyoo, karaa Isaayaas: ‘Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuudha’ jechuudhaan barumsa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu ibseera.Isaayaas 48:17.

KITAABA RAAJII

Namoota Macaafa Qulqulluu barreessan keessaa tokko kan ta’e Isaayaas, kufaatii Baabiloon ilaalchisee raajii dubbateera

13. Yihowaan Baabilooniin ilaalchisee Isaayaas raajichi geggeessaa hafuurasaatiin maal akka barreessu godheera?

13 Macaafni Qulqulluun, raajiiwwan baay’ee kan qabate yeroo ta’u, isaan keessaa garri caalaansaanii raawwii argataniiru. Fakkeenya  tokko  ilaali. Yihowaan, karaa Isaayaas raajichaa isa dhaloota Kiristos dura jaarraa saddeettaffaatti jiraateen, Baabiloon akka baddu raajii dubbachiisee ture. (Isaayaas 13:19; 14:22, 23) Akkaataa magaalattiin itti weeraramtu ilaalchisee ibsi dabalataa kennameera. Loltoonni diinaa, bishaan magaalattiitti yaa’u irraa jal’isuudhaan waraana tokko malee gara magaalattii akka seenu qofa utuu hin ta’in, raajiin Isaayaas, mootiin Baabilooniin injifatu Qiiros ta’uusaa maqaadhaan ibsee ture.Isaayaas 44:27–45:2.

14, 15. Baabilooniin ilaalchisee raajii Isaayaas dubbate keessaa wantoonni tokko tokko raawwiisaanii kan argatan akkamitti?

14 Dhaloota Kiristos dura waggoota 200 booda, Onkoloolessa 5/6 bara 539tti tuutni waraanaa tokko naannoo Baabiloon buufate. Ajajaan waraana kanaa eenyu ture? Mootii Faares, Qiirosi dha. Kunis, raajiin tokko akka raawwiisaa argatuuf haalasaa mijeessee ture. Haata’u malee, akkuma dursee raajiidhaan dubbatametti, loltoonni Qiiros Baabilooniin waraana tokko malee qabatuu laata?

15 Halkan sanatti warri Baabiloon ayyaana guddaarra kan turan yeroo ta’u, masaraan magaalaasaanii inni guddaan da’oo nuu ta’a jedhanii yaadanii turan. Utuma isaan kanaan jiranii, Qiiros bishaan magaalatti gidduu yaa’aa ture malaan bakka garabiraatti jal’ise. Bishaanichi utuu baay’ee hin turin waan hir’ateef, waraanni Qiiros bishaanicha ce’uudhaan gara masaraa magaalattiitti dhihaate. Haata’u malee waraanni Qiiros masaraa kana darbuu kan danda’u akkamitti? Halkan sanatti balbaloonni magaalattii sababii hin beekamneen utuu hin cufamin hafan!

16. (a) Isaayaas, badiisa Baabiloonirra ga’u ilaalchisee raajii maalii dubbatee ture? (b) Raajiin Isaayaas Baabiloon akka ona taatu dubbate raawwiisaa kan argate akkamitti?

16 Baabilooniin ilaalchisee raajiin akkas jedhu dubbatamee ture: “Bara baraan namni ishee keessa hin jiraatu, dhalootaa hamma dhalootaattis ishee keessa hin taa’u; namni biyya Arabaa achi keessa godoo hin dhaabbatu, tiksoonnis hoolota isaanii achi keessa hin d[h]eechifatan.” (Isaayaas 13:20) Raajiin kun, magaalattiin erga kuftee booda wanta ta’u kan dubbatu ture. Baabiloon yeroo hundaaf ona taatee akka haftu kan argisiisudha. Jechoonni kun raawwii argachuusaanii kanarraa ilaaluu ni dandeessa. Magaalaa guddittii Iraaq kan taate Bagdaadirraa gara kaabaatti kiilo meetira 80 fagaattee kan argamtuufi namni kan keessa hin jiraanne Baabiloon isheen durii, raajii Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa: “harataadhaanis haree ishee nan balleessa” jedhee dubbate raawwiisaa kan argate ta’uusaatiif ragaa ta’a.Isaayaas 14:22, 23. *

Fakkii diigamuu Baabiloon argisiisu

17. Raajiin Macaafa Qulqulluu raawwiisaa argachuunsaa amantii namaa kan jabeessu akkamitti?

17 Macaafni Qulqulluun raajii amanamaa kan qabate ta’uusaa beekuun amantii namaa kan jabeessu mitii? Yihowaan abdiiwwan kanaan dura kenne hundumaa erga raawwatee, lafa kana jannata gochuuf abdii kennes akka raawwachuu danda’u mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Lakkoobsa 23:19) Dhugumayyuu, “abdii jireenya bara baraa, isa Waaqayyo inni matumaa hin sobne, bara durii jalqabee abdachiise” qabna.Tiitoos 1:2. *

‘SAGALEEN WAAQAYYOO JIRAATAADHA’

18. Phaawulos ‘sagalee Waaqayyoo’ ilaalchisee jecha jabaa akkamii dubbateera?

18 Boqonnaa kanarraa akka ilaalletti, Dhugumayyuu Macaafni Qulqulluun kitaaba adda ta’edha. Haata’u malee, Macaafa kanaaf bakka guddaa akka kenninu kan nu godhu, yaadnisaa kan wal hin faallessine ta’uusaa, gama saayinsiifi seenaatiin dhugaa ta’uusaa, barumsa gaarii kan qabate ta’uusaafi raajii amanamaa ta’e qabaachuusaa qofa miti. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Dubbiin [sagaleen] Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda’a.”Ibroota 4:12.

19, 20. (a) Macaafni Qulqulluun akka of qortu kan si gargaaru akkamitti? (b) Kennaa Waaqayyoo isa guddaa kan ta’e Macaafa Qulqulluudhaaf dinqisiifannaa qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

19 ‘Sagaleen’ Waaqayyoo, Macaafa Qulqulluu keessatti argamu jireenya keenya jijjiiruufi karaa bu’a-qabeessa ta’een of qorruuf nu gargaaruu danda’a. Waaqayyoon akka jaallannu dubbachuu dandeenya ta’a, haata’u malee barumsa Macaafa Qulqulluutiif ilaalchi nuti qabnu, yaadniifi akeekni garaa keenyaa maal akka ta’e mul’isa.

20 Dhugumayyuu, Macaafni Qulqulluun kitaaba Waaqayyo namootaaf kennedha. Macaafni Qulqulluun, kitaaba dubbifamuu, qayyabatamuufi bakki guddaan kennamuufii qabudha. Macaafa kana qoruu kee itti fufuudhaan, kennaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne kanaaf dinqisiifannaa qabdu argisiisi. Kana gochuun kees, kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu gadi fageenyaan hubachuuf si gargaara. Kaayyoon kun maal akka ta’eefi akkamitti raawwiisaa akka argatu boqonnaa itti aanurratti baranna.

^ KEY. 6 Namoonni tokko tokko, kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa tokko tokko kutaa warra kaanii wajjin wal faalleessu yoo jedhanillee, jechasaaniitiif ragaa dhiheessan hin qaban. Kitaaba mataduree Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimoo kan Namaati? jedhuun, Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e boqonnaa 7 ilaali.

^ KEY. 9 Fakkeenyaaf, hidda dhaloota Yesus ilaalchisee seenaa Luqaas 3:23-38rratti argamu ilaali.

^ KEY. 16 Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu ilaalchisee, ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadde, birooshuura mataduree Kitaaba Namoota Hundaaf Ta’u, jedhuun Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e, fuula 27-29tti ilaali.

^ KEY. 17 Badiisni Baabiloonirra ga’e, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwiisaanii argatan keessaa fakkeenya tokko qofadha. Fakkeenyi kaanimmoo badiisa Xiirosiifi Nanawweerra ga’e kan dabalatudha. (Hisqi’el 26:1-5; Sefaniyaa 2:13-15) Kana malee, raajiin Daani’el mootummoota gurguddaa Baabiloonitti ansanii duraa duubaan aboo qabatan ilaalchisee raajii dubbatee ture. Raajiiwwan kunis, Meedoo-Faaresiifi Giriikiin kan dabalatanidha. (Daani’el 8:5-7, 20-22) Raajiiwwan baay’ee waa’ee Masiihichaa dubbatamaniifi Yesus Kiristosirratti raawwiisaanii argatan ilaalchisee, ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadde, Kutaa Dabalataa fuula 199-201rratti argamu ilaali.