Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA JA’A

Waaqeffannaa Dhugaa Cina Dhaabadhu

Waaqeffannaa Dhugaa Cina Dhaabadhu
  • Macaafni Qulqulluun fakkiiwwaniin gargaaramuu ilaalchisee maal barsiisa?

  • Kiristiyaanonni ayyaanawwan amantii wajjin walitti dhufeenya qabaniif ilaalcha akkamii qabu?

  • Warra kaan utuu hin mufachiisin waa’ee amantaakee ibsuu kan dandeessu akkamitti?

1, 2. Amantii sobaa erga dhiistee booda gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabda? Kunoo barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

NAANNOON ati jiraattu summiidhaan akka faalame hubatte haa jennu. Namni tokko dhoksaadhaan kosii summaa’aa ganda ykn naannoo keessanitti gataa waan tureef lubbuun jiraattota ganda ykn naannoo sanaa balaadhaaf saaxilameera. Yeroo kanatti maal goota? Gandicha ykn naannicha gadhiistee akka adeemtu beekamaadha. Haata’u malee erga tarkaanfii kana fudhattee boodas, ‘Wanti kun na faaleeraa laata?’ jettee of gaafachuunkee hin oolu.

2 Haalli amantii sobaas kanumaa wajjin wal fakkaata. Macaafni Qulqulluun waaqeffannaan akkasii kun barumsawwaniifi barsiifata qulqulluu hin taaneen kan faalame ta’uusaa barsiisa. (2 Qorontos 6:17) Amantii sobaa addunyaa maratti argamaniif fakkeenya kan taate “Baabilon guddittii” keessaa ba’uun kan nu barbaachisus kanumaafi. (Mul’ata 18:2, 4) Kana gooteettaa? Akkas gootetta yoo ta’e kun kan si galateeffachiisudha. Haata’u malee amantii sobaa keessaa ba’uunkee qofti ga’aa miti. Tarkaanfii kana booda ‘Barumsa amantii sobaa keessaa, wanti keessa kootti hafe jiraa?’ jettee of gaafachuu qabda. Fakkeenyawwan tokko tokko ilaali.

FAKKIIWWANIIFI ABBOOTII DURII WAAQEFFACHUU

3. (a) Macaafni Qulqulluun fakkiiwwaniin gargaaramuu ilaalchisee maal jedha? Fakkiiwwaniin gargaaramuu ilaalchisee ilaalcha Waaqayyoo qabaachuun namoota tokko tokkotti kan ulfaatu maaliifi? (b) Mi’a waaqeffannaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban yoo qabaatte maal gochuu qabda?

3 Namoonni tokko tokko, fakkiiwwan ykn iddoo waaqeffannaa waggoota dheeraadhaaf itti gargaaramaa turan qabu ta’a. Atoo fakkiiwwan ykn kutaawwan waaqeffannaadhaaf gargaaran mana keessaa qabdaa? Yoo ta’e wanta ijaan argamuun utuu hin gargaaramin Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuun haaraa sitti ta’uu ykn dogoggora sitti fakkaachuu danda’a. Meeshaawwan kana keessaa tokko tokko baay’ee jaallatta ta’a. Haata’u malee, akkamitti akka isa waaqeffachuu qabnu kan murteessu Waaqayyo yeroo ta’u, innimmoo fakkiiwwaniin akka gargaaramnu akka hin barbaanne Macaafni Qulqulluun ni ibsa. (Ba’uu 20:4, 5; Faarfannaa 115:4-8; Isaayaas 42:8; 1 Yohannis 5:21) Kanaafuu, meeshaawwan waaqeffannaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban kamiyyuu ofirraa fageessuudhaan waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuu ni dandeessa. Atis akkuma Yihowaa meeshaawwan kana akka ‘ciigga’amootti’ ilaaluu qabda.Keessa Deebii 27:15.

4. (a) Abbootii durii waaqeffachuun akka gatii hin qabne akkamitti beekuu dandeenya? (b) Yihowaan sabnisaa hojii hafuura xuraa’ummaa kamirrattiyyuu akka hin hirmaanne kan dhowwe maaliifi?

4 Abbootii durii waaqeffachuunis amantii sobaa baay’ee keessatti bal’inaan argama. Namoonni tokko tokko utuu Macaafa Qulqulluu hin qayyabatin dura, namoonni du’an addunyaa ijaan hin argamne keessa akka jiraataniifi namoota lubbuudhaan jiraatan gargaaruu ykn miidhuu danda’u jedhanii amanu turan. Tarii atis fedhii abbootii dur du’anii guutuuf jecha carraaqqii gochaa turte ta’a. Haata’u malee, Boqonnaa 6rratti akka barattetti namoonni du’an bakka kamiyyuu lubbuudhaan hin jiran. Kanaafuu isaanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuuf carraaqqii gochuun faayidaa hin qabu. Ergaan namni tokko jaalleewwansaa warra du’anirraa dhufan jedhee yaadu hundi hafuurota hamoorraa kan dhufedha. Kanaan kan ka’es, Yihowaan Israa’eloonni warra du’an haasofsiisuuf yaalii gochuurraa ykn hojii hafuura xuraa’ummaa kamirraayyuu akka fagaatan abboomee ture.Keessa Deebii 18:10-12.

5. Amantiikee durii keessatti fakkiiwwaniifi abbootii durii waaqeffachuurratti hirmaachaa kan turte yoo ta’e maal gochuu qabda?

5 Waaqeffannaakee durii keessatti fakkiiwwaniin kan gargaaramaa turte ykn waaqeffannaa abbootii duriirratti hirmaachaa kan turte yoo ta’e maal gochuu dandeessa? Kutaawwan Macaafa Qulqulluu ilaalcha Waaqayyo wantoota kanaaf qabu ibsan dubbisii irratti xiinxali. Hawwii waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuuf qabdu Waaqayyoof kadhannaadhaan ibsi; ilaalcha inni qabu akka qabaattu akka si gargaaru gaafadhu.Isaayaas 55:9.

KIRISTIYAANONNI JAARRAA JALQABAA—AYYAANA QILLEE HIN KABAJNE

6, 7. (a) Ayyaanni Qillee maal akka ta’e dubbatama? Bartoonni Yesus jaarraa jalqabaatti turan ayyaana kana kabajaniiruu? (b) Yeroo bartoonni Yesus lafarra turanitti guyyaan dhalootaa maalii wajjin walitti dhufeenya qaba ture?

6 Amantiin nama tokkoo ayyaanawwan amantii sobaa beekamoo ta’aniin faalamuu danda’a. Mee Ayyaana Qillee akka fakkeenyaatti ilaali. Ayyaanni Qillee guyyaa Kiristos itti dhalate akka ta’etti kan ilaalamu waan ta’eef, namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan harki caalaansaanii ayyaana kana ni kabaju. Haata’u malee, bartoonni Yesus jaarraa jalqabaatti turan ayyaana kana akka kabajan ragaan argisiisu hin jiru. Kitaabni Sekreed Oriijins Oov Proofaawond Tiingis jedhamu akkas jechuudhaan dubbateera: “Kiristos erga dhalatee kaasee hanga waggoota dhibba lamaatti yoom akka inni dhalate namni beeku hin jiru ture; namoonni kana baruu barbaadanis baay’inaan hin jiran turan.”

7 Bartoonni Yesus guyyaa inni itti dhalate sirriitti kan beekan ta’anis, guyyaa kana hin kabajne. Maaliifi? Kitaabni Za Worlid Buuk Insaaykilooppiidiyaa jedhamu, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa “guyyaa dhalootaa ayyaaneffachuun barsiifata namoonni Waaqayyoon hin beekne kabajan ture” jechuudhaan dubbata. Macaafa Qulqulluu keessatti guyyaa dhalootasaanii kan kabajan mootota lama qofa yeroo ta’an, isaanis namoota Yihowaa hin waaqeffanne turan. (Uumama 40:20; Maarqos 6:21) Guyyaan dhalootaa waaqayyoolii sobaatiif kabajamus jira ture. Fakkeenyaaf, warri Roomaa guyyaa dhalootaa waaqasaanii ishee Diyaanaa jedhamtuu Caamsaa 24 kabaju turan. Guyyaa itti aanuttimmoo guyyaa dhalootaa waaqa aduu jechuunis Appooloo kabaju turan. Kanaafuu guyyaa dhalootaa kabajuun Kiristiyaanummaa wajjin utuu hin ta’in, amantii namoota warra Waaqayyoon hin beeknee wajjin walitti dhufeenya kan qabudha jechuudha.

8. Walitti dhufeenya Ayyaana Qilleefi amantii sobaa gidduu jiru ibsi.

8 Bartoonni Yesus jaarraa jalqabaatti turan sababii Ayyaana Qillee itti hin kabajnes qabu turan. Bartoonnisaa guyyaa dhalootaa kabajuun amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya akka qabu utuu hin hubatin hin hafne. Fakkeenyaaf, Giriikonniifi warri Roomaa hedduun bara durii turan namni hundinuu yeroo dhalatu hafuurri tokko akka argamtuufi jireenya nama sanaa guutummaatti akka eegdu amanu turan. Kitaabni Za Buuk Of Barzideeyis jedhamu, “Hafuurri kun guyyaa namni sun itti dhalatetti waaqa isa guyyaan dhalootaasaa guyyaasanatti kabajamuufii wajjin iccitiidhaan wal argiti” jechuudhaan dubbata. Yihowaan, Yesusiin amantii sobaa wajjin walitti qabsiisuudhaan ayyaana kabajamu kamittiyyuu akka hin gammanne beekamaadha. (Isaayaas 65:11, 12) Erga akkas ta’ee namoonni baay’een Ayyaana Qillee kan kabajan maaliifiree?

AYYAANA QILLEE KABAJUUN AKKAMITTI JALQABAME?

9. Muddee 25 guyyaa dhaloonni Yesus itti kabajamu akka ta’uuf kan filatame maaliifi?

9 Namoonni Ayyaana Qillee Muddee 25 kabajuu kan jalqaban erga Yesus gara samiitti deebi’ee waggoota dhibbaan lakkaa’aman boodadha. Haata’u malee, Yesus kan dhalate ji’a Onkoloolessaatti waan ta’eef guyyaan kun guyyaa sirrii miti. * Erga akkas ta’ee Muddeen 25 maaliif filatameree? Yeroo booda namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan tokko tokko “guyyaan kun ayyaana warra Roomaa ‘Guyyaa dhalootaa aduu ishee hin injifatamne’ itti kabajanii wajjin akka tokko ta’u waan barbaadan fakkaata.” (Za Niwuu Insaaykilooppiidiyaa Biriitaanikaa) Ji’oota gannaatti yeroo humni aduu baay’ee xinnaattutti namoonni Waaqayyoon hin beekne aduu ishee madda ho’aafi ifaa bakka fagaattee adeemtee akka dhuftu gochuuf jecha, ayyaana kabajan qabu turan. Muddee 25 guyyaa aduun iddoo dhaqxee itti deebi’uu jalqabdudha jedhamee yaadama ture. Geggeessitoonni amantii namoota Waaqayyoon hin beekne amantiisaanii jijjiirsisuuf jecha ayyaana kana ayyaana “Kiristiyaanaa” fakkeessanii dhiheessuuf carraaqqii godhaniiru. *

10. Jaarraawwan darbanitti namoonni tokko tokko Ayyaana Qillee kan hin kabajne maaliif ture?

10 Ayyaanni Qillee, ayyaana namoota Waaqayyoon hin beeknerraa kan dhufe ta’uunsaa waggoota dheeraa duras kan beekamu ture. Ayyaanni Qillee kun Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’ee waan hin taaneef, jaarraa 17ffaatti biyyoota kolonii Ingilaandiifi Ameerikaa ta’an tokko tokko keessatti akka hin kabajamne dhowwamee ture. Guyyaa Ayyaana Qilleetti namni hojii dhaquu dhiisee manasaa oolee ni adabama ture. Haata’u malee, barsiifanni durii kun yeroo booda namoota biratti jaallatamaa dhufuusaaniirrayyuu barsiifata haaraas dabalataniiru. Ayyaanni Qillee deebi’ee ayyaana iddoo guddaan kennamuufiifi biyyoottan hedduu keessatti ayyaana jaallatamu ta’eera. Ayyaanni Qillee amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya kan qabu waan ta’eef, namoonni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan hundi ayyaana kanas ta’e ayyaana namoota Waaqayyoon hin beekneen ayyaaneffataman kamiyyuu hin kabajan. *

AKKAATAAN DHUFAATII AYYAANOTAA JIJJIIRAMA FIDU QABAA?

11. Namoonni tokko tokko ayyaana kan kabajan maaliifi? Haata’u malee wanti caalaatti nu yaaddessuu qabu maalidha?

11 Namoonni tokko tokko akkuma ayyaana Qillee ayyaanonni tokko tokko amantii sobaarraa kan maddan ta’uusaanii amananiyyuu, ayyaanota kana kabajuun dogoggora hin qabu jedhanii yaadu. Kanaan kan ka’es namoonni hedduun ayyaana akkasii yeroo kabajan waa’ee waaqeffannaa sobaa hin yaadan. Kanaa mannaa, yeroon akkasii kun maatiiwwan walitti dhiheessuuf karaa bana jedhanii yaadu. Atis akkas sitti dhaga’amaa? Yoo ta’e, waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuun akka sitti ulfaatu kan godhe jaalala waaqeffannaa sobaatiif qabdu utuu hin ta’in jaalala maatii keetiif qabdu ta’uu danda’a. Yihowaan inni maatii hundeesse miseensota maatiikee wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaattu kan barbaadu ta’uusaa mirkanaa’aa ta’i. (Efesoon 3:14, 15, NW) Haata’u malee, walitti dhufeenya akkasii kana karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun cimsuu ni dandeessa. Phaawulos wanta caalaatti nu yaaddessuu qabu ilaalchisee: “Wanta gooftaatti tolu qoraa bira ga’aa!” jechuudhaan barreesseera.Efesoon 5:10.

Karameellaa bo’oo lolaa keessaa fuutee ni nyaattaa?

12. Barsiifataafi ayyaanawwan dhufaatiinsaanii gadhee ta’anirraa fagaachuu kan qabnu maaliif akka ta’e fakkeenyaan ibsi.

12 Akkaataan dhufaatii ayyaanotaa, ayyaanota yeroo har’aatti kabajamanii wajjin walitti dhufeenya hin qaban jettee yaadda ta’a. Akkaataan dhufaatiisaanii jijjiirama fidu qabaa? Eeyyee qaba! Kana fakkeenyaan ilaaluuf karameellaa bo’oo lolaa keessatti gatame argite haa jennu. Karameellaa sana achi keessaa fuutee ni nyaattaa? Hin nyaattu! Karameellichi qulqulluu miti. Haaluma wal fakkaatuunis ayyaanonni kun akkuma karameellaa sanaa nama gomjaasisuu danda’anis bakka qulqulluu hin taanee kan argamanidha. Waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuu akka dandeenyutti ilaalcha Isaayaas raajichi waaqeffattoota dhugaa ilaalchisee dubbate hordofuu qabna: “Wanta xuraa’aas harkaan hin qabinaa!”Isaayaas 52:11.

WALITTI DHUFEENYA WARRA KAANII WAJJIN QABDURRATTI OF EEGGANNOO GODHI

13. Ayyaanarratti hirmaachuu dhiisuunkee rakkoowwan akkamii sirraan ga’uu danda’a?

13 Ayyaanotarratti hirmaachuu dhiisuuf murteessuunkee rakkisaa sitti ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf namoonni sii wajjin hojjetan, qophiiwwan ayyaanaa wajjin walitti dhufeenya qabaniifi bakka hojii keetti hojjetaman tokko tokkorratti ati maaliif akka hin hirmaanne isaanii galuu dhiisuu danda’a. Utuu kennaan ayyaana Qillee sii kennamee maal goota? Kennaa kana fudhachuun dogoggoradhaa? Amantiin haadha manaakee amantiikee wajjin kan wal hin fakkaanne yoo ta’ehoo? Ijoolleenkee ayyaana kana utuu hin kabajin hafuusaaniitiin wanti isaanitti hafe tokko akka jiru akka isaanitti hin dhaga’amne gochuu kan dandeessu akkamitti?

14, 15. Guyyoota ayyaanaatti namni tokko baga ittiin si ga’e yoo siin jedhe ykn kennaa sii kennuu yoo barbaade maal gochuu dandeessa?

14 Haalawwan si mudatan hundaa keessa darbuuf hubannaan barbaachisaadha. Namni tokko baga ittiin si ga’e jechuudhaan hawwii qabu yeroo siif ibsu isa galateeffachuu dandeessa. Haata’u malee, namni kun nama yeroo hedduu argitu ykn nama wajjin hojjettu yoo ta’e yaada dabalataa itti himuu barbaadda ta’a. Yeroo kamiyyuu malaan gargaaramuun barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun akkas jechudhaan nu gorsa: “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta’u beekaa!” (Qolosaayis 4:6) Warra kaan tuffachuurraa of qusadhu. Kanaa mannaa ejjennookee malaan ibsi. Kennaa waliif kennuus ta’e waliin ta’anii haasa’uuf jibba akka hin qabneefi sochiiwwan akkasii gochuuf yeroo garabiraa akka filattu ibsiif.

15 Namni tokko kennaa siif kennuu yoo barbaade maal goota? Wanti akkasii haalasaarratti kan hundaa’edha. Namni kennaa siif kennu tarii akkas jechuu danda’a: “Ayyaana kana akka ati hin kabajne beeka, haa ta’u malee kennaa kana utuu na harkaa fudhattee natti tola.” Yeroo haalli akkasii uumamutti kennaa kana fudhachuun ayyaanicharratti hirmaachuu miti jettee yaaduudhaan kennicha fudhachuuf murteessuu dandeessa ta’a. Namni kennaa kana siif kennu waa’ee amantaakee kan hin beekne yoo ta’e, ayyaana kana kan hin kabajne maaliif akka ta’e ibsuufii qabda. Akkas gochuunkee kennaa sana maaliif akka fudhatteefi yeroo akkasiitti kennaa kan hin kennine maaliif akka ta’e hubachuu danda’a. Karaa garabiraammoo, akka amantiikee jabeessitee hin qabanne ykn faayidaa argachuuf jettee ejjennookee akka laaffistu argisiisuuf jecha kennaa siif kennamu fudhachuu hin qabdu.

MAATIIKEE WARRA HIN AMANNEEFOO DEEBII AKKAMII KENNUU DANDEESSA?

16. Dhimmawwan ayyaanaa wajjin walitti dhufeenya qabanirratti tooftaadhaan gargaaramuu kan dandeessu akkamitti?

16 Amantiinkee amantii miseensonni maatiikee qabanirra yoo adda ta’ehoo? Ammas tooftaadhaan gargaaramuu qabda. Barsiifata ykn ayyaana maatiinkee kabaju kaastee isaanii wajjin falmuun barbaachisaa miti. Kanaa mannaa akka isaan ilaalchakee siif kabajan akkuma barbaaddu, atis ilaalchasaanii kabajuufii qabda. (Maatewos 7:12) Wantoota akka ayyaanicharratti hirmaattu si godhan kamirraayyuu fagaadhu. Haata’u malee, dhimmawwan akka ati ayyaanarratti hirmaatte hin argisiisnerratti sababi qabeessa ta’uunkee barbaachisaadha. Yeroo hundaa wanti ati raawwattu yaanni garaakee akka si ceepha’u kan godhu ta’uu hin qabu.1 Ximotewos 1:18, 19.

17. Ijoolleenkee namoonni kaan yeroo ayyaana kabajan arguudhaan wanti isaanitti hafe akka jiru akka itti hin dhaga’amne isaan gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

17 Ijoolleenkee guyyoota ayyaanaa Macaafa Qulqulluu keessatti fudhatama hin qabnerratti utuu hin hirmaatin hafuusaaniitiin wanti isaanitti hafe akka jiru akka itti hin dhaga’amne gargaaruu kan dandeessu akkamitti? Kun caalaatti wanta ati guyyoota garabiraa gooturratti kan hundaa’edha. Warri tokko tokko yeroo itti ijoolleesaaniitiif kennaa kennan ramadu. Kennaa ati ijoolleekeetiif kennuu dandeessu keessaa inni guddaan yeroo ati isaanii wajjin dabarsuuf ramadduufi jaalala ati isaanitti argisiiftudha.

WAAQEFFANNAA DHUGAA HORDOFI

Waaqeffannaa dhugaa hordofuun gammachuu dhugaa argamsiisa

18. Walga’iiwwan gumiirratti argamuunkee ejjennoo waaqeffannaa dhugaatiif qabdu sii jabeessuu kan danda’u akkamitti?

18 Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaadde, waaqeffannaa sobaarraa fagaachuufi waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuu qabda. Kunoo maalfaa dabalata? Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa: “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhi’aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.” (Ibroota 10:24, 25) Walga’iiwwan gumii yeroo gammachiisuufi karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun isa waaqeffachuuf nu dandeessisanidha. (Faarfannaa 22:22; 122:1) Kiristiyaanonni amanamoon walga’iiwwan akkasiirratti ‘amantii walii jajjabeessu.’Roomaa 1:12.

19. Wantoota Macaafa Qulqulluurraa baratte warra kaanitti himuunkee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

19 Karaa garabiraan waaqeffannaa dhugaa cina itti dhaabattummoo, barumsawwan yeroo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qorattu argatte warra kaanitti himuudhaani. Yeroo har’aatti namoonni baay’een hammeenya biyya lafaarratti raawwatamanitti ‘gaddaafi boo’aa’ jiru. (Hisqi’el 9:4) Tarii namoota akkasii beekta ta’a. Abdii gara fuulduraatti qabdu ilaalchisee wanta Macaafa Qulqulluurraa baratte maaliif itti hin himtu? Kiristiyaanota dhugaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuunkeefi dhugaa Macaafa Qulqulluurraa baratte warra kaanitti himuunkee, jaalala barsiifata waaqeffannaa sobaatiif qabdu mo’uuf si gargaara. Waaqeffannaa dhugaa cina yoo dhaabatte gammachuufi eebba guddaa akka argattu mirkanaa’aa ta’i.Miilkiyaas 3:10.

^ KEY. 9 Ayyaanni Saatarnaaliyaa Muddeen 25 guyyaa Ayyaanni Qillee itti kabajamu ta’ee akka filatamuuf shoora guddaa raawwateera. Ayyaanni ulfina waaqa qonnaa warra Roomaatiif kabajamu kun Muddee 17-24tti ayyaaneffatama ture. Guyyaa Ayyaana Saatarnaaliyaatti cidha guddaa qopheessu, gocha ciiggaasisaa raawwatu, akkasumas kennaa waliif kennu turan.

^ KEY. 10 Kiristiyaanonni dhugaa ayyaanoota garabiraa namoota biratti fudhatama argataniif ilaalcha akkamii akka qaban baruuf, Kutaa Dabalataa fuula 222-223rratti argamu ilaali.