Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA

Yesus Kan Dhalate Ji’a Muddeetti Turee?

Yesus Kan Dhalate Ji’a Muddeetti Turee?

MACAAFNI QULQULLUUN Yesus yoom akka dhalate nutti hin himu. Haata’u malee Yesus ji’a Muddeetti hin dhalanne jennee akka amannu ragaa quubsaa nuuf kenna.

Ji’a Muddeetti haala qilleensaa naannoo Betlihem iddoo Yesus itti dhalatetti argamu haa ilaallu. Jiini Yihudootaa inni Kiisluu (Sadaasa/Muddee) jedhamu ji’a qorriifi bokkaan itti baay’atudha. Jiini isatti aanee jiru Xebet (Mudee/Amajjiidha). Haalli ho’aa ji’a kanatti jiru haala ho’aa ji’oota waggaa sana keessatti galmeeffaman hundaa keessaa baay’ee xinnoo yeroo ta’u, darbee darbee naannoowwan ol ka’aarratti cabbiin ni argama. Mee Macaafni Qulqulluun haala qilleensa naannichaa ilaalchisee maal akka jedhu haa ilaallu.

Barreessaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e Izraan ji’i Kiisluu ji’a baay’ee qorruufi roobni itti baay’atu ta’uusaa ibseera. Namoonni baay’een Yerusaalemitti akka wal ga’an erga ibsee booda, “ji’a salgaffaatti, [Kiisluutti] ji’ichattiis gaafa guyyaa digdammaffaa . . . bokkaan yandoon yeroo sana roobee isaan in rom’isiise” jechuudhaan dubbateera. Namoonni achitti walga’an haala yeroo sana ture ilaalchisee akkas jedhaniiru: “Yeroon isaas yeroo bokkaa yandoo waan ta’eef, ala dhaabachuu hin dandeenyu.” (Izraa 10:9, 13; Ermiyaas 36:22) Ji’a Muddeetti tiksoonni naannoo Betlihem jiraatanis ta’an hoolonnisaanii ala kan hin bulle ta’uunsaanii nama hin dinqisiisu!

Haata’u malee, akka Macaafni Qulqulluun ibsutti galgala Yesus dhalate tiksoonni hoolotasaanii eegaa turan. Barreessaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e Luqaas naannoo Betlihemitti, “Tiksoonni tokko immoo naanna’aa sanaa bakkeetti halkan darabee dammaqanii, hoolota isaanii in eegu turan” jechuudhaan ibseera. (Luqaas 2:8-12) Tiksitoonni kun guyyaa ala ooluu qofa utuu hin ta’in halkan hoolotasaanii eegaa akka bulan qalbeeffadhu. Seenaan akka tiksoonni ala bulan ibsu kun, ji’a Muddeetti haala qorraafi bokkaa naannoo Betlihemitti argamuu wajjin kan wal simuudhaa? Wal simuu hin danda’u. Kanaafuu, haalawwan yeroo Yesus dhalatetti turan akka inni ji’a Muddeetti hin dhalanne argisiisu. *

Macaafni Qulqulluun guyyaa Yesus itti du’e sirriitti kan nuuf ibsu ta’us, guyyaa inni itti dhalate garuu adda baasee nuuf hin ibsu. Kunis jechoota Solomoon Mootichaa isa akkas jedhu nu yaadachiisa: “Urgooftuu gaarii irra, maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalatan irra, guyyaa du’an wayya.” (Lallaba 7:1) Macaafni Qulqulluun waa’ee tajaajilaafi du’a Yesus ibsa baay’ee kan kennu ta’us, guyyaa inni itti dhalate ilaalchisee wanta baay’ee dubbachuu dhiisuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu.

Yeroo Yesus dhalatetti, tiksoonniifi hoolonnisaanii halkan sana bakkee turan

^ KEY. 1 Ragaa dabalataa argachuuf, kitaaba Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu jedhamu fuula 176-179 ilaali. Kitaabni kun Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’edha.