Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantaa Walitti Makuu

Amantaa Walitti Makuu

Namoonni amantaa garaa garaa qaban hundi Waaqa isa tokkicha waaqeffatuu?

Amantaawwan garaa garaa barumsa wal faalleessu barsiisan hundi Yihowaa biratti fudhatama qabuu?

Mat 7:13, 14; Yoh 17:3; Efe 4:4-6

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iya 24:15—Iyaasuun, Yihowaa ykn waaqolii kan biroo tajaajiluu keessaa tokko filachuu akka qabnu ibseera

    • 1Mo 18:19-40—Yihowaan, namoonni isa waaqeffatan, Baʼaaliin dabalatee waaqolii kan biroo waaqeffachuu akka hin qabne Eeliyaas raajichatti fayyadamee ibseera

Waaqolii kaanii fi waaqeffannaa isaaniif dhihaatu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

Yihowaan waaqeffannaa isaaf dhihaata jedhamee yaadamu, garuummoo gocha inni jibbuun faalame ilaalchisee maaltu itti dhagaʼama?

Isa 1:13-15; 1Qo 10:20-22; 2Qo 6:14, 15, 17

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Bau 32:1-10—Aaron Israaʼelonni dhiibbaa waan isarratti godhaniif siidaa jabbii tolchee ‘Yihowaadhaaf ayyaana kabajuuf’ itti fayyadamuunsaa Yihowaa baayʼee aarseera

    • 1Mo 12:26-30—Yeroboʼaam Mootichi, sabichi gara mana qulqullummaa Yerusaalem akka hin dhaqne gochuuf, waaqolii tolfamoo hojjetee, waaqoliin sun Yihowaa akka bakka buʼan dubbate; kunimmoo sabichi cubbuu akka raawwatu godheera

Yihowaan Israaʼelonni namoota waaqolii kan biroo waaqeffatanirraa fagaachuu akka qaban kan isaan barsiise akkamitti?

Yihowaan sabni isaa sirna amantii kan biraa irratti yommuu hirmaatan maal godhe?

Abo 10:6, 7; Fr 106:35-40; Er 44:2, 3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Mo 11:1-9—Solomoon Mootichi dubartoota biyya ormaa fuudheera, isaanis waaqeffannaa waaqolii kan biroo akka babalʼisu isa taasisaniiru; kun immoo Yihowaa gaddisiiseera

    • Fr 78:40, 41, 55-62—Asaaf, Israaʼelonni finciltoota taʼuunsaanii fi waaqolii tolfamoo waaqeffachuun isaanii, Yihowaa akka gaddisiisee fi sabni isaa isa biratti fudhatama akka dhaban akka taasise ibseera

Yesuus barumsa amantaa Dubbii Waaqayyoo wajjin wal hin simne deggereeraa?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 16:6, 12—Yesuus barumsa Fariisotaa fi Saduuqotaa raacitiitti fakkeesseera, sababiinsaas barumsi dogoggoraa salphaatti tatamsaʼuu fi dhugaa Kitaabni Qulqulluun barsiisu mancaasuu dandaʼa

    • Mat 23:5-7, 23-33—Yesuus barsiisonni seeraa fi Fariisonni fakkeessitoota waan taʼanii fi barumsa dogoggoraa waan barsiisaniif isaan balaaleffateera

    • Mar 7:5-9—Yesuus barsiisonni seeraa fi Fariisonni aadaa namootaa barumsa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru irra waan caalchisaniif isaan saaxileera

Yesuus, barattoonni isaa garee amantaa adda addaatti akka qoqqoodaman ni barbaadaa?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Yoh 15:4, 5—Yesuus tokkummaa duuka buutonnisaa, isaa fi obboloota isaanii wajjin qabaachuu qaban ibsuuf muka wayinii akka fakkeenyaatti fayyadameera

    • Yoh 17:1, 6, 11, 20-23—Yesuus ajjeefamuu isaa dura galgala yeroo ergamoota isaa wajjin turetti, duuka buutonni isaa warri dhugaa hundi tokkummaa akka qabaatan kadhateera

Gumiiwwan garaa garaa jaarraa jalqabaatti turan barumsa wal fakkaatu hordofaa fi bifa wal fakkaatuun Yihowaa waaqeffachaa turanii?

HoE 16:4, 5; Rom 12:4, 5

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 11:20-23, 25, 26—Gumiiwwan Anxokiyaa fi Yerusaalem keessa turan tokkummaa qabu akkasumas waltaʼiinsaan hojjetu turan

    • Rom 15:25, 26; 2Qo 8:1-7—Gumiiwwan jaarraa jalqabaatti turan yeroo rakkinaatti wal gargaaruudhaan jaalala argisiisaniiru, kunimmoo tokkummaa akka isaan qaban argisiisa

Namoonni Kiristoositti akka amanan dubbachuun isaanii qofti, waaqeffannaan isaanii Waaqayyo duratti fudhatama akka qabaatu godhaa?

Namni tokko barumsa Kiristoosii fi ergamootaatiif utuu hin ajajamin waaqeffannaan isaa fudhatama ni argataa?

HoE 20:29, 30; 1Xi 4:1-3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 13:24-30, 36-43—Yesuus akkuma inkirdaadni maasii qamadii keessatti biqilu Kiristiyaanonni fakkeessitoota taʼan hedduun akka kaʼanii fi gumii Kiristiyaanaa keessa akka seenaan ibseera

    • 1Yo 2:18, 19—Yohaannis ergamaan inni maanguddichi dhuma jaarraa jalqabaatti mormitoonni Kiristoos hedduun kaʼanii akka turan ibseera

Namoonni barumsa dogoggoraa barsiisanii fi Kiristoosiif hin ajajamne miseensa gumii taʼanii akka itti fufan yoo isaaniif heyyamame maaltu taʼa?

Kiristiyaanonni tokkummaa qabaatanii itti fufuuf maal gochuu qabu?

Kiristiyaanonni waaqeffannaa sobaa irratti hirmaachuu kan hin qabne maaliifi?

Barumsa amantaa sobaa saaxiluun barbaachisaa fi sirrii kan taʼe maaliifi?

Namoonni amantaa sobaa hordofan yommuu nu miidhanii fi nu ariʼatan haaraa nutti taʼuu kan hin qabne maaliifi?