Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Cubbuu

Cubbuu

Cubbuun maalidha? Hunda keenyarratti dhiibbaa kan godhu maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun fedhii cubbuu raawwachuuf qabnu moʼuu akka dandeenyu kan nuuf mirkaneessu akkamitti?

Rom 6:12-14

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Sa 11:2-5, 14, 15, 26, 27; 12:1-13 —Daawit Mootichi cubbuu cimaa waan raawwateef adaba cimaa adabameera, akkasumas yaada geddarachuuf carraaqqii cimaa godheera

    • Rom 7:15-24—Phaawulos ergamaan inni amantii qabaachuu fi Waaqayyoof buluu irratti fakkeenya gaarii taʼe, fedhii cubbuu hojjechuuf qabuu wajjin akka qabsaaʼuu ibseera

Wallaalummaanii fi gowwoomsaan namoonni hedduun cubbuu akka hojjetan kan godhu akkamitti?

Taʼe jedhanii cubbuu hojjechuu itti fufuun dhimma cimaa kan taʼe maaliifi?

Seexanni, tajaajiltoonni Waaqayyoo cubbuu akka hojjetan kakaasuuf maalitti fayyadamuu dandaʼa?

Fak 1:10, 11, 15; Mat 5:28; Yaq 1:14, 15

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 3:1-6—Seexanni karaa bofaa dubbachuudhaan Hewaan fedhii ofii isheerratti akka xiyyeeffattuu fi amanannaa Yihowaarratti qabdu akka laaffistu gochuudhaan ishee qoreera

    • Fak 7:6-10, 21-23—Solomoon Mootichi dargaggeessi hubannaa hin qabne tokko dhiibbaa dubartiin ejjituun tokko isarraan geessisteef akkamitti akka moʼame ibseera

Qorumsa Seexanaa dandamachuu kan dandeenyu akkamitti?

Efe 4:27; 6:10-18; Yaq 4:7, 8

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fak 5:1-14—Solomoon Mootichi ejjarraa fagaachuu kan qabnu akkamittii fi maaliif akka taʼe gorsa gaarii kenneera

    • Mat 4:1-11—Yesuus Dubbii Waaqayyootti fayyadamee qorumsa Seexanaa moʼuurratti fakkeenya hunda caalu taʼeera

Cubbuuwwan ciccimoon Kiristiyaanonni irraa fagaachuu qaban tokko tokko kamfaʼi?

Gocha Dogoggoraa” isa jedhu ilaali

Cubbuu himachuu

Cubbuu raawwanne dhoksuuf yaaluu kan hin qabne maaliifi?

Cubbuu hojjenne hunda eenyutti himachuu qabna?

Bakka keenya Yihowaa nuuf kadhachuudhaan “gargaaraa” kan nuuf taʼu eenyu?

Cubbamaan tokko yaada akka geddarate gocha isaatiin argisiisuu ni dandaʼaa?

HoE 26:20; Yaq 4:8-10

Dabalataanis “Yaada Geddarachuu” isa jedhu ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Bau 22:1-12—Akka Seera Museetti, hattuun tokko nama tokko jalaa yoo hate nama sana akka kiisu isarraa eegama ture

    • Luq 19:8, 9—Zakkewoos inni hogganaa warra qaraxa sassaabanii ture, gochasaa dhiisuu fi namoota miidhaa irratti raawwate kiisuudhaan akka yaada geddarate argisiiseera

Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliifi?

Dhiifama Gochuu” isa jedhu ilaali

Yihowaan namni tokko yommuu cubbuu cimaa raawwatu, gumicha gargaaruu fi eeguuf qophii akkamii godheera?

Yaq 5:14, 15

Dabalataanis HoE 20:28; Gal 6:1 ilaali

Cubbuu cimaan, miseensota maatii keenyaa ykn obboloota gumii keessa jiran miidhuu kan dandaʼu akkamitti?

Ibr 12:15, 16

Dabalataanis Kes 29:18 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iya 7:1-13, 20-26—Akaan cubbuu cimaa hojjechuu fi dhoksuuf yaaluudhaan Israaʼeloota hundarratti rakkina guddaa fideera

    • Yon 1:1-16—Yoonaas raajichi Yihowaarratti waan fincileef, lubbuu namoota doonicharra turan hundaa balaaf saaxilee ture

    • 1Qo 5:1-7—Phaawulos ergamaan cubbuu cimaa gumii Qorontos keessatti raawwatamee fi guutummaa gumichaa miidhaa ture tokko saaxileera

Nan adabama jennee sodaachuudhaan gargaarsa jaarsolii gaafachuu dhiisuu kan hin qabne maaliifi?

Cubbuu kanaan dura hojjennetti yeroo hunda gadduu mannaa Waaqayyo dhiifama akka nuuf godhe amanuu kan qabnu maaliifi?

Dhiifama Gochuu” isa jedhu ilaali

Namni tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekne, namichi dhimmicha jaarsolii gumiitti himuusaa mirkaneeffachuu kan qabnu maaliifi?

Lew 5:1

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Kes 13:6-9; 21:18-20—Seerri Musee namni tokko cubbuu cimaa miseensi maatiisaa ykn namni inni jaallatu tokko raawwatellee himuu akka qabu ajaja