Dhugaatii Alkoolii
Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii dhuguu ni dhorkaa?
Fr 104:14, 15; Lal 9:7; 10:19; 1Xi 5:23
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Yoh 2:1-11—Yesuus cidha tokkorratti bishaan gara daadhii wayinii gaariitti jijjiiruudhaan dinqii isaa isa jalqabaa raawwateera, kunis misirroota lamaan qaaniirraa oolcheera
-
Garmalee dhuguu fi machaaʼuun miidhaa akkamii namarraan geessisa?
Tajaajiltoonni Waaqayyoo machiidhaaf ilaalcha akkamii qabu?
1Qo 5:11; 6:9, 10; Efe 5:18; 1Xi 3:2, 3
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Uma 9:20-25—Noh garmalee machaaʼee ture; yeroo kanatti, ilmi ilmasaa cubbuu cimaa raawwateera
-
1Sa 25:2, 3, 36—Naabaal nama hamaa fi amala badaa qabu ture; garmalee machaaʼuu dabalatee gocha gadhee raawwata ture
-
Dan 5:1-6, 22, 23, 30, 31—Belshaazaar Mootichi wayinii hedduu dhugeera akkasumas Yihowaa arrabseera; mootiin kun halkanuma sana ajjeefameera
-
Yoo machaaʼuu baannellee hamma dhugnu ilaalchisee of eeggachuu kan qabnu maaliifi?
Fak 23:20; Isa 5:11; Luq 21:34; 1Xi 3:8
Dabalataanis 1Ph 4:3 ilaali
Kiristiyaanni tokko fedhii garmalee dhuguuf qabu akka moʼu isa gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
Rom 14:13, 21; 1Qo 13:4, 5; 1Ta 4:4
“Of Toʼachuu” isa jedhu ilaali