Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaarummaa

Gaarummaa

Yihowaan gaarii akka taʼe wanti argisiisu maalidha?

Fr 25:8; 31:19; Rom 3:23, 24; Tit 3:3-6; Ibr 2:9; 1Ph 5:5; 3Yo 11

Dabalataanis Er 31:12, 13; Zak 9:16, 17 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Bau 33:17-20; 34:5-7—Yihowaan gaarummaa isaa Museetti mulʼataan argisiiseera, dabalataanis Museen waaʼee amalawwan Yihowaa warra gaggaarii taʼanii dhagaʼeera

    • Mar 10:17, 18—Yesuus wantoonni gaggaariin hundi Yihowaa biraa akka argamanii fi wanta gaariidhaaf ulaagaa baasuu kan dandaʼu Yihowaa qofa akka taʼe ibseera

    • Yon 3:10; 4:11—Yihowaan beeladoota isaaniitiifillee akka yaadu argisiisuudhaan, namoota Nanawwee yaada geddarataniif dhiifama godheera

    • Luq 6:32-36—Yesuus, Yihowaan namoota hin galateeffannee fi hamoota taʼanittillee gaarummaa akka argisiisu nu yaadachiisuudhaan gaarummaa akka argisiisnu nu barsiiseera

Gaarummaa argisiisuu kan qabnu maaliifi?

Fak 12:2; Gal 6:10; 1Ta 5:15

Dabalataanis Rom 15:2, 14; Efe 4:28 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Rom 5:7—Phaawulos gaarummaan, qajeelummaa isa amala barbaachisaa taʼe irrallee akka caalu ibseera

Karaawwan gaarummaa argisiisuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

Fak 19:17; 22:9; Luq 6:35; Efe 4:32

Dabalataanis Fak 11:17; 31:10, 26; Ibr 13:16 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mar 14:3-9; Yoh 12:3—Yesuus gocha gaarummaa Maariyaam, obboleettiin Alaazaar argisiisteef ishee jajeera

    • 2Xi 1:16-18—Oneesiforos, yeroo Phaawulos ergamaan mana hidhaa keessa turetti isa jajjabeesseera