Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gocha Dogoggoraa

Gocha Dogoggoraa

Kiristiyaanonni gochawwan dogoggoraa kamfaarraa fagaachuu qabu?

Arrabsoo

Mat 5:22; 1Qo 6:9, 10; Efe 4:31

Dabalataanis Bau 22:28; Lal 10:20; Yih 8 ilaali

Mattaʼaa fudhachuu ykn kennuu

Bau 23:8; Fr 26:9, 10; Fak 17:23

Dabalataanis Kes 10:17; 16:19; Fr 15:1, 5 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 8:1-5—Ijoolleen Saamuʼel fakkeenya abbaa isaanii isa gaarii hordofuu mannaa, mattaʼaa fudhachuudhaan haqa jalʼisaniiru

    • Nah 6:10-13—Shemaayaan raajii sobaa dubbachuudhaan Nahimiyaa akka sosodaachisuu fi hojiin Yihowaa lafarra akka harkifatu akka godhuuf diinota Nahimiyaatiin bitamee ture

Of jajuu

Of Jajuu” isa jedhu ilaali

Addaggummaa; xuraaʼummaa; halalummaa; ejja

Halalummaa” isa jedhu ilaali

Wal morkii; dorgommii

Lal 4:4; Gal 5:26

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mar 9:33-37; 10:35-45—Yesuus, barattoonni isaa iddoo guddaa argachuudhaaf yeroo wal dorgomanitti irra deddeebiʼee isaan sirreesseera

    • 3Yo 9, 10—Diyooxiraaxis obboloota gidduutti “dura buʼaa taʼuu” barbaada ture

Wal qoqqoodinsa uumuu; garee uumuu

Machii; garmalee dhuguu

Fak 20:1; 23:20, 29-35; 1Qo 5:11; 6:9, 10

Dabalataanis Efe 5:18; 1Xi 3:8; Tit 2:3; 1Ph 4:3 ilaali

Dabalataanis “Dhugaatii Alkoolii” isa jedhu ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 9:20-25—Noh machaaʼuun isaa Kaamii fi ilmi isaa Kanaʼaan cubbuu cimaa akka raawwataniif karaa baneera

    • Dan 5:1-6, 30—Belshaazaar Mootichi wayinii dhugee machaaʼuudhaan Yihowaa arrabseera, kun immoo isaa fi mootummaa isaa irratti badiisa fideera

Saamicha

Fr 62:10; 1Qo 5:10, 11; 6:9, 10

Dabalataanis Fak 1:19; 15:27 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Er 22:11-17—Yihowaan Shaalum (Yehoʼahaaz) Mootichi saamichaa fi cubbuuwwan ciccimoo kaan waan raawwateef isatti dheekkameera

    • Luq 19:2, 8—Zakkewoos inni geggeessaa warra qaraxa sassaabanii taʼe, uummata saamuu isaatti gaabbuudhaan wanta saame deebisuuf waadaa galeera

    • HoE 24:26, 27—Phaawulos Ergamaan mattaʼaa bulchaan Feeliksi jedhamu argachuu barbaadee ture isaaf hin kennine

Sobaan jajuu

Iyo 32:21, 22; Fr 5:9; 12:2, 3; Fak 26:24-28; 29:5

Dabalataanis Fak 28:23; 1Ta 2:3-6 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 18:18, 19—Yesuus sobaan isa jajuuf maqaa kabajaa yommuu isaaf kennanitti fudhachuu dideera

    • HoE 12:21-23—Heroodis Agriiphaa Mootichi Waaqa jedhanii isa waamuudhaan sobaan yommuu isa jajanitti fudhateera; cubbuu isaa kanaan kan kaʼes rukutamee duʼeera

Garmalee nyaachuu

Fak 23:20, 21; 28:7

Dabalataanis Luq 21:34, 35 ilaali

Hamii; dhimma namaa keessa seenuu

Waaqolii tolfamoo waaqeffachuu

Waaqolii Tolfamoo Waaqeffachuu” isa jedhu ilaali

Sobuu; gowwoomsuu

Sobuu” isa jedhu ilaali

Sobuu; maqaa namaa balleessuu

Sobuu” isa jedhu ilaali

Karaa sirrii hin taaneen dhiigatti fayyadamuu

Uma 9:4; Kes 12:16, 23; HoE 15:28, 29

Dabalataanis Lew 3:17; 7:26 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 14:32-34—Israaʼeloonni foon dhiigni isaa sirriitti keessaa hin dhangalaane nyaachuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hojjetaniiru

Ajjeechaa

Bau 20:13; Mat 15:19; 1Ph 4:15

Dabalataanis Mat 5:21, 22; Mar 7:21 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 4:4-16—Qaayin gorsa jaalala irratti hundaaʼee fi Yihowaan isaaf kenne dhagaʼuu diduudhaan obboleessa isaa Abeel isa qajeelaa taʼe ajjeeseera

    • 1Mo 21:1-26; 2Mo 9:26—Ahaab Mootichi inni hamaanii fi Iizaabel Mootittiin sassatoo taʼuun isaanii Naabotii fi ilmaan isaa ajjeesuuf karoora akka baafatan isaan taasiseera

Guungumuu

1Qo 10:10; Flp 2:14; Yih 16

Dabalataanis Lak 11:1 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lak 14:1-11, 26-30—Israaʼeloonni Musee fi Aaron irratti guungumanii kan turan taʼus, Yihowaan garuu akka isaan Isa irratti guungumanitti ilaaleera

    • Yoh 6:41-69—Yihudoonni Yesuus irratti guungumaniiru; barattoonni isaa tokko tokkos isa dhiisanii deemaniiru

Dubbii ykn qoosaa jibbisiisaa

Efe 5:4; Qol 3:8

Dabalataanis Efe 4:29, 31 ilaali

Poornoogiraafii

Poornoogiraafii” isa jedhu ilaali

Falmii

Falmii” isa jedhu ilaali

Namatti qoosuu

Fak 19:29; 24:9

Dabalataanis Fak 17:5; 22:10; 2Ph 3:3, 4 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 36:15-21—Sabni Waaqayyoo warri finciltoota taʼan ergamoota Waaqayyootti waan qoosanii fi raajota isaatti waan baacaniif adabbii cimaa adabamaniiru

    • Iyo 12:4; 17:2; 21:3; 34:7—Iyyoob inni nama qajeelaa ture, qorumsi cimaan yommuu isarra gaʼetti itti qoosameera

Hanna

Hanna” isa jedhu ilaali

Loluu; miidhuu

Fr 11:5; Fak 3:31; 29:22

Dabalataanis 1Xi 3:2, 3; Tit 1:7 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Bau 21:22-27—Seerri Musee namni tokko nama kan biraa wajjin utuu wal loluu yoo isa miidhe ykn yoo isa ajjeese akka adabamu ibsa

Doorsisuu

Efe 6:9; 1Ph 2:23

Dabalataanis Fr 10:4, 7; 73:3, 8 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 4:15-21—Miseensonni Mana Murtii Saanhediriin barattoonni Yesuus hojii lallabaa isaanii akka dhaabaniif isaan sossodaachisaniiru

Qophiiwwan toʼannaadhaa ala taʼan

Rom 13:13; Gal 5:19, 21; 1Ph 4:3

Dabalataanis Fak 20:1; 1Qo 10:31 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Dan 5:1-4, 30—Belshaazaar Mootichi “affeerraa guddaa” qopheesse irratti garmalee dhuguunsaa gocha Yihowaa akka tuffatu argisiisu raawwachuutti isa geesseera; kanaan kan kaʼes ajjeefameera