Haadholii
Haati itti gaafatamummaa akkamii qabdi?
Fak 31:17, 21, 26, 27; Tit 2:4
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 21:8-12—Saaraan, Ishmaaʼel, Yisihaaq ilma ishee isa xinnaa irratti ariʼatama geessisaa akka jiru yommuu argitu, Abrahaam ilma isheetiif eegumsa akka godhu isa kadhatteetti
1Mo 1:11-21—Baat Sheebaan, mootummichii fi lubbuun ilma ishee Solomoon balaadhaaf akka saaxilame yommuu hubattu, Daawit Mootichi gidduu akka seenu isa kadhatteetti
Haadha keenyaaf ajajamuu fi ishee kabajuu kan qabnu maaliifi?
Bau 20:12; Kes 5:16; 27:16; Fak 1:8; 6:20-22; 23:22
Dabalataanis 1Xi 5:9, 10 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Ph 3:5, 6—Pheexiros ergamaan, Saaraan amantii cimaa qabduun kan kaʼe, dubartoota hedduudhaaf akka haadhaa akka taate ibseera
Fak 31:1, 15, 21, 28—Haati Lemuʼel Mootichaa, gaaʼelaa fi gaʼee guddaa haati manaa fi haati tokko qabdu ilaalchisee ilma ishee kanaaf gorsa barbaachisaa kenniteetti
2Xi 1:5; 3:15—Ewunqee haati Ximotewos abbaa manaa hin amanne kan qabdu taatus, ilma ishee Ximotewosiin waaʼee Kitaaba Qulqulluu waan barsiisteef, Phaawulos ergamaan ishee jajeera