Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Iddoo Hawaasa Keessatti Qabnu

Iddoo Hawaasa Keessatti Qabnu

Namni tokko sanyiinsaa, maatiinsaa ykn haalli dinagdeesaa Waaqayyo duratti iddoo olaanaa akka qabaatu ni godhaa?

HoE 17:26, 27; Rom 3:23-27; Gal 2:6; 3:28

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Yoh 8:31-40—Yihudoonni tokko tokko sanyii Abrahaam taʼuusaaniitti ni boonu turan; taʼus isaan akka Abrahaamitti jiraataa waan hin turreef Yesuus isaan sirreesseera

Namoota sanyiin isaanii kan keenyarraa adda taʼe ykn lammii biyya kan biraa taʼan tuffachuuf sababii qabnaa?

Yoh 3:16; Rom 2:11

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Yon 4:1-11—Yihowaan namoota Nanawwee warra lammii biyya biraa taʼanitti gara laafina akka argisiisu Yoonaas raajicha barsiiseera

    • HoE 10:1-8, 24-29, 34, 35—Pheexiros ergamaan namoota Yihudoota hin taane akka xuraaʼootti ilaaluu akka hin qabne barateera, kanaafuu, Qorneelewosii fi maatiinsaa namoota Yihudoota hin taane keessaa Kiristiyaanota warra jalqabaa akka taʼan isaan gargaareera

Kiristiyaanonni sooreyyiin warra kaan akka caalan isaanitti dhagaʼamuu qabaa? Yookiin xiyyeeffannaan addaa akka isaaniif kennamuhoo barbaaduu qabuu?

Namni tokko ilaaltuu olaanaa taʼe jechuun, warra kaanirra ni caala, akkasumas akka barbaade isaan gochuu dandaʼa jechuudhaa?

2Qo 1:24; 1Ph 5:2, 3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Kes 17:18-20—Yihowaan, Israaʼeloonni kaanis obboloota isaanii waan taʼaniif, mootonni Israaʼel, warra kaan akka caalanitti akka hin yaadne isaanitti himeera

    • Mar 10:35-45—Yesuus ergamoonnisaa warra kaanirratti aangoo qabaachuuf baayʼee waan hawwaniif isaan sirreesseera.

Namni tokko Waaqayyo biratti fudhatama akka qabaatu ykn akka hin qabaanne wanti godhu maalidha?

Kiristiyaanonni seerawwan mootummaa sirrii isaanitti hin fakkaanne jijjiiruuf carraaquu qabuu?

Efe 6:5-9; 1Xi 6:1, 2

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Yoh 6:14, 15—Namoonni yeroo sana turan, Yesuus hawaasicha fooyyessuuf wanta gaarii akka godhu barbaadanii turan, inni garuu lafarratti mootii taʼuu dideera