Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoollee; Dargaggoota

Ijoollee; Dargaggoota

Ilaalcha Waaqayyo ijoolleef qabu

Yihowaan ijoollee fi dargaggootaaf iddoo guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?

Kes 6:6, 7; 14:28, 29; Fr 110:3; 127:3-5; 128:3, 4; Yaq 1:27

Dabalataanis Iyo 29:12; Fr 27:10; Fak 17:6 ilaali

Dabalataanis “Maatii” isa jedhu ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 1:27, 28—Yihowaan, namoonni ijoollee godhatanii lafa akka guutan barbaadee ture

    • Uma 9:1—Ijoollee guddisuun, ajaja Waaqayyo bishaan badiisaa booda lafti namootaan akka guutamtu kenne raawwachuu keessatti gaʼee guddaa qaba

    • Uma 33:5—Yaaqoob inni abbaa amantii taʼe ijoolleesaa akka kennaa Waaqayyootti ilaala ture

    • Mar 10:13-16—Yesuus jaalala abbaan isaa ijoolleedhaaf qabu argisiiseera

Yihowaan namoota ijoollee miidhan ykn isaanitti fayyadamuu barbaadaniif ilaalcha akkamii qaba?

Seerri buʼuuraa hojii namni guddaan hojjetu ijoolleen akka hojjetan isaanirraa eeguun sirrii akka hin taane ibsu isa kami?

Lak 1:3; 1Qo 13:11

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 33:12-14—Yaaqoob, ijoolleen akka nama guddaatti deemuu akka hin dandeenye waan hubateef suuta deemaa ture

Miidhaa addunyaa kana keessatti ijoolleerra gaʼuuf Waaqayyotu itti gaafatamaa?

Iyo 34:10; Yaq 1:13; 1Yo 5:19

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 5:18, 20, 23-25—Yesuus, namni kan dhukkubsatu sababii cubbuutiin akka taʼe ibseera

    • Rom 5:12—Phaawulos ergamaan cubbamoota kan taanee fi kan duunu maaliif akka taʼe ibseera

Yihowaan rakkinni ijoolleerras taʼe nama guddaarra gaʼu akka hafu kan nuuf mirkaneesse akkamitti?

Warri keenya fakkeenya gaarii nuuf taʼuu dhiisuun isaanii ykn sirriitti nu guddisuu dhiisuun isaanii namaa gadi nu gochuu ykn dogoggoruma isaan hojjetan hojjechuuf sababii taʼuu dandaʼaa?

Kes 24:16; His 18:1-3, 14-18

Dabalataanis Kes 30:15, 16 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Mo 18:1-7; 2Se 28:1-4—Abbaan Hisqiyaas nama hamaa ijoolleesaa keessaa muraasasaanii aarsaa godhe taʼus, Hisqiyaas mootii gaarii Yihowaadhaaf ajajamu taʼeera

    • 2Mo 21:19-26; 22:1, 2—Yosiyaas, abbaan isaa Amoon mootii hamaa taʼus, inni garuu mootii gaarii taʼuu dandaʼeera

    • 1Qo 10:11, 12—Phaawulos ergamaan, dogoggora warra kaaniirraa barachuudhaan irra deebiʼuu dhiisuu akka dandeenyu ibseera

    • Flp 2:12, 13—Phaawulos ergamaan fayyina argachuuf carraaqqii gochuu akka qabnu ibseera

Itti gaafatamummaa ijoollee fi dargaggoonni qaban

Yihowaan ijoollee abbaa ykn haati isaanii qofti Yihowaa waaqeffataniif ilaalcha akkamii qaba?

1Qo 7:14

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 19:12, 15—Wantoota maleekonni intaloota Looxiif eegumsa akka godhan taasisan keessaa tokko abbaan isaanii qajeelaa taʼuu isaati

Ijoolleen, warri isaanii Yihowaa waan waaqeffataniif qofa, isaanis isa duratti fudhatama argachuu akka dandaʼanitti yaaduu qabuu?

Fak 20:11; His 18:5, 10-13

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lew 10:1-3, 8, 9—Ilmaan Aaron isa luba olaanaa taʼee kan ajjeefaman waan machaaʼaniif taʼuu hin oolu

    • 1Sa 8:1-5—Saamuʼel raajii qajeelaa taʼus, ijoolleen isaa amanamoo hin turre

Ijoolleen Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaadan maal gochuu qabu?

Ijoolleen walgaʼii gumii irratti argamuu kan qaban maaliifi?

Kes 31:12, 13; Ibr 10:24, 25

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 15:32-38—Namoota Yesuusiin dhaggeeffachaa turan keessa ijoolleenis jiru turan

Yihowaan ijoolleen akka isa tajaajilan akka barbaadu akkamitti beekna?

Fr 8:2; 148:12, 13

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 17:4, 8-10, 41, 42, 45-51—Yihowaan, Daawit yeroo ijoollee turetti nama guddaa hamaa taʼe akka injifatu gochuudhaan maqaa isaatiif falmeera

    • 2Mo 5:1-15—Yihowaan shamarree Israaʼel ishii xinnoo taatetti fayyadamee hogganaan loltootaa lammii Israaʼel hin taane tokko waaʼeesaa akka beeku godheera

    • Mat 21:15, 16—Yesuus carraaqqii ijoolleen Masiihichaaf ulfina kennuuf godhaniif iddoo guddaa kenneera

Yihowaan ijoollee warra Dhugaa Baatota hin taane qabaniif ilaalcha akkamii qaba?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lak 16:25, 26, 32, 33—Yihowaan namoota Musee fi Aaron isa Luba Olaanaa taʼerratti fincilan tokko tokko maatiisaanii wajjin adabeera

    • Lak 26:10, 11—Yihowaan Qoraa isa fincile kan ajjeese taʼus ilmaansaa oolcheera, kana kan godhes isaan namoota amanamoo waan turaniif taʼuu hin oolu

Ijoolleen yeroo harʼaatti argaman michootasaanii ogummaadhaan filachuu kan qaban maaliifi?

Fak 13:20; 1Qo 15:33

Dabalataanis 2Xi 3:1-5 ilaali

Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan michoota akkamii filachuu qabu?

2Xi 2:22

Dabalataanis “Michummaa” isa jedhu ilaali