Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jajjabina

Jajjabina

Tajaajiltoonni Waaqayyoo wal jajjabeessuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Isa 35:3, 4; Qol 3:16; 1Ta 5:11; Ibr 3:13

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 32:2-8—Hisqiyaas Mootichi yommuu saba isaarra doorsisni cimaan gaʼetti isaan jajjabeesseera

    • Dan 10:2, 8-11, 18, 19—Maleekaan tokko Daaniʼel maanguddichi yeroo dadhabeetti isa jajjabeesseera akkasumas isa cimseera

Jajjabina yeroo abdii kutannutti Kitaaba Qulqulluu irraa argannu

Yaaddoo

Yaaddoo” isa jedhu ilaali

Aarii; Haaloo

Namoonni tokko tokko rakkina hedduu ykn jalʼina haqaa isaanirra gaʼeen kan kaʼe ni aaruu

Lal 9:11, 12

Dabalataanis Fr 142:4; Lal 4:1; 7:7 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Rut 1:11-13, 20—Naaʼomiin abbaa manaa ishii fi ilmaan ishii lamaan duʼaan waan dhabdeef Yihowaan akka ishii dhiise ishiitti dhagaʼamee ture

    • Iyo 3:1, 11, 25, 26; 10:1—Iyyoob qabeenyasaa, ijoolleesaa kurnanii fi fayyaasaa erga dhabee booda baayʼee aaree ture

  • Caqasoota nama jajjabeessan:

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:

Namoonni tokko tokko gocha gara jabinaa warri kaan raawwataniin kan kaʼe baayʼee aaru

Lal 4:1, 2

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 1:6, 7, 10, 13-16—Haannaan gocha gara jabinaa Phiniinaa n raawwatteen baayʼee miidhamtee turte akkasumas Elii inni Luba Olaanaa taʼe dogoggoraan ishii hubatee ture

    • Iyo 8:3-6; 16:1-5; 19:2, 3—Michoonni Iyyoob sadan dogoggoraan waan isatti murteessaniif haalli Iyyoob akka itti hammaatu godhanii turan

  • Caqasoota nama jajjabeessan:

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:

    • 1Sa 1:9-11, 18—Haannaan kadhannaadhaan miira ishiitti dhagaʼamu Yihowaadhaaf erga ibsitee booda dhiphina ishiirraa boqonnaa argattetti

    • Iyo 42:7, 8, 10, 17—Iyyoob michootasaa sadaniif dhiifama erga godhee booda Yihowaan fayyaasaa fi gammachuusaa isaaf deebiseera

Miira balleessaa cimaa

Iz 9:6; Fr 38:3, 4, 8; 40:12

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Mo 22:8-13; 23:1-3—Mootichi Yosiyaasii fi namoonni isaa wajjin jiran Seerri Musee yommuu isaaniif dubbifamu erga dhagaʼanii booda balleessaa guddaa akka raawwatan hubataniiru

    • Iz 9:10-15; 10:1-4—Namoonni tokko tokko fedha Yihowaarraa haala faallaa taʼeen dubartoota biyya ormaa fuudhanii waan turaniif Izraa lubichii fi sabichi miirri balleessaa guddaan isaanitti dhagaʼameera

    • Luq 22:54-62—Pheexiros ergamaan Yesuusiin siʼa sadii erga ganee booda miira balleessaa cimaa isatti dhagaʼameen baayʼee gaddeera

  • Caqasoota nama jajjabeessan:

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:

    • 2Se 33:9-13, 15, 16—Minaaseen mootota Yihudaa keessaa baayʼee hamaa ture, taʼus waan yaada geddarateef dhiifama argateera

    • Luq 15:11-32—Yesuus Yihowaan hammam arjaa akka taʼee fi guutummaatti dhiifama akka godhu argisiisuuf fakkeenya waaʼee ilma badee ibsu dubbateera

Yeroo warri kaan nu miidhan ykn nu gananitti abdii kutachuu

Abdii Kutachuu” isa jedhu ilaali

Dadhabinaa fi cubbuu keenyaan kan kaʼe abdii kutachuu

Abdii Kutachuu” isa jedhu ilaali

Gatii qabaachuu keenya shakkuu

Shakkii” isa jedhu ilaali

Rakkina cimaa nu mudate dandamachuu ykn hojii nuuf kenname hojjechuu akka hin dandeenye yommuu nutti dhagaʼamu

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Bau 3:11; 4:10—Museen Faraʼoonitti akka dubbatuu fi saba Waaqayyoo Gibxii keessaa akka baasu yommuu isatti himametti gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture

    • Er 1:4-6—Ermiyaas daaʼima akka taʼee fi muuxannoo akka hin qabne waan isatti dhagaʼameef saba didaa gidduutti raajii Yihowaa taʼee tajaajiluuf gaʼumsa akka hin qabne yaadee ture

  • Caqasoota nama jajjabeessan:

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:

    • Bau 3:12; 4:11, 12—Yihowaan, Museen yommuu hojiisaa raawwatutti akka isa gargaaru obsaan isaaf mirkaneesseera

    • Er 1:7-10—Yihowaan, Ermiyaasiin akka gargaaruu fi hojii ulfaataa isaaf kenname raawwachuu akka hin sodaanne isaaf mirkaneesseera

Hinaaffaa; goomachuu

Hinaaffaa” isa jedhu ilaali

Sababa dhukkubaa fi dullumaatiin hamma yaadne hojjechuu dadhabuu

Fr 71:9, 18; Lal 12:1-7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Mo 20:1-3—Hisqiyaas mootichi yeroo dhukkubni cimaan isa qabetti gaddaan imimmaansaa dhangalaasee ture

    • Flp 2:25-30—Ephaafrodixos yeroo dhukkubsatetti ‘gumichi waaʼee dhukkuba kanaa waan dhagaʼeef itti gaafatamummaa koo baʼuu akkan dadhabetti yaadaa laata’ jedhee dhiphatee ture

  • Caqasoota nama jajjabeessan:

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:

    • 2Sa 17:27-29; 19:31-38—Baarzilaay nama iddoo guddaa qabu taʼus, humnasaa waan beekuuf akka dulloomee fi itti gaafatamummaa isaaf kenname fudhachuu akka hin dandeenye dubbateera

    • Fr 41:1-3, 12—Daawit Mootichi yeroo dhukkubsatee turetti Yihowaan akka isa gargaaru mirkanaaʼaa ture

    • Mar 12:41-44—Yesuus dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko waan qabdu hunda buusii waan gooteef ishii galateeffateera

Miidhaa warri kaan nurraan gaʼaniin kan kaʼe dhiphachuu

Hacuucuu” isa jedhu ilaali

Sodaa cimaa; rom’uu

Sodaa” isa jedhu ilaali

Ariʼatama

Ariʼatama” isa jedhu ilaali

Warri aangoo qaban jajjabeessuu ilaalchisee itti gaafatamummaa akkamii qabu?

Isa 32:1, 2; 1Ph 5:1-3

Dabalataanis Mat 11:28-30 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Kes 3:28; 31:7, 8—Museen raajichi akkuma Yihowaan isatti himetti Iyyaasuu isa bakka isaa buʼuuf jedhu jajjabeesseera akkasumas cimseera

    • HoE 11:22-26; 14:22—Phaawulosii fi Barnaabaas yeroo ariʼatamni gaʼetti Kiristiyaanota Anxokiyaa jajjabeessaniiru

Garaadhaa galateeffachuun wantoota jajjabeessuuf barbaachisan keessaa tokkodha kan jennu maaliifi?

Fak 31:28, 29; 1Qo 11:2

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Abo 11:37-40—Intalli Yiftaa mana ishii dhiiftee manaa qulqullummaatti tajaajiluuf waan murteessiteef dubartoonni Israaʼel waggaa waggaadhaan dhaqanii ishii galateeffatu turan

    • Mul 2:1-4—Yesuus Kiristiyaanota Efesoon keessa turan sirreessuun kan isa barbaachise taʼus wanta gaarii isaan gochaa turaniif isaan galateeffateera

Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan wal jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti?

Fak 15:23; Efe 4:29; Flp 1:13, 14; Qol 4:6; 1Ta 5:14

Dabalataanis 2Qo 7:13, 15, 16 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 23:16-18—Yonaataan yeroo michuunsaa Daawit rakkina keessa ture tokkotti, barbaadee argatee isa jajjabeesseera

    • Yoh 16:33—Yesuus addunyaa akka injifate isaanitti himuudhaan barattootasaa jajjabeessera, isaanis fakkeenyasaa yoo hordofan addunyaa akka injifatan isaaniif mirkaneesseera

    • HoE 28:14-16—Phaawulos yeroo murtiitti dhihaachuuf gara Roomaa deemaa turetti, obboloonni amanamoon isa simachuu fi isa jajjabeessuuf akka dhufan yommuu argu jajjabaateera

Tuffii fi guungumuurraa fagaachuun barbaachisa kan taʼe maaliifi?

Flp 2:14-16; Yih 16-19

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lak 11:10-15—Museen raajichi ilaalcha jalʼaa fi ajajamuu diduu sabichi argisiiseen abdii kutatee ture

    • Lak 13:31, 32; 14:2-6—Dubbii jalʼaan basaastonni kurnan amantii hin qabne dubbatan, sabichi abdii akka kutatuu fi akka fincilu taasiseera

Obboloota keenyaa wajjin walitti qabamuun kan nu jajjabeessu akkamiiti?

Fak 27:17; Rom 1:11, 12; Ibr 10:24, 25; 12:12

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 20:1-19—Yoshaafaax Mootichi yommuu raayyaan guddaan tokko isatti dhufetti kadhannaadhaaf sabicha walitti qabeera

    • HoE 12:1-5, 12-17—Yaaqoob ergamaan erga ajjeefamee fi Pheexiros ergamaan yeroo hidhametti gumiin Yerusaalem jiru kadhachuuf walitti qabamee ture

Ilaalcha gaarii qabaachuun yeroo rakkinaatti jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

HoE 5:40, 41; Rom 8:35-39; 1Qo 4:11-13; 2Qo 4:16-18; 1Ph 1:6, 7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 39:19-23; 40:1-8—Yooseef sobaan kan himatamee fi jalʼinaan kan hidhame taʼus amanamaa ture akkasumas warra kaan gargaaruuf hawwii qaba ture

    • 2Mo 6:15-17—Eelsaaʼi raajichi yommuu raayyaan tokko isatti dhufetti hin sodaanne, tajaajilaan isaas akka hin sodaanneef isaaf kadhateera

Dubbii Yihowaa irraa jajjabina argachuu

Yihowaan nu gargaaruuf waadaa akkamii nuuf galeera?

Obsaa fi gara laafina Yihowaa irratti xiinxaluun nu jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti?

Warra dadhabbiin isaanitti dhagaʼamuuf Yihowaan maal gochuu dandaʼa?

Fr 46:1; Isa 12:2; 40:29-31; Flp 4:13

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 1:10, 11, 17, 18—Yeroo Haannaan dhiphattee fi gadditetti Yihowaan kadhannaa ishii dhagaʼeera akkasumas nagaa akka argattu ishii gargaareera

    • 1Mo 19:1-19—Yeroo Eeliyaas raajichi abdii kutatetti Yihowaan nyaataa fi bishaan isaaf kenneera. Kana malees, abdii isaaf kennuudhaan isa jajjabeesseera

Abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe jabina kan nuuf kennu akkamitti?

2Se 15:7; Fr 27:13, 14; Ibr 6:17-19; 12:2

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iyo 14:1, 2, 7-9, 13-15—Iyyoob yeroo haala baayʼee rakkisaa taʼe keessa turettillee abdii duʼaa kaʼuurraa jajjabina argateera

    • Dan 12:13—Daaniʼel raajichi inni umuriinsaa gara waggaa 100 ture eebba inni gara fuulduraatti argatuu fi maleekaan tokko isatti himerraa jajjabina argateera

Yihowaatti kadhannaa dhiheessuunii fi waaʼee isaa xiinxaluun nu jajjabeessuu kan dandaʼu maaliifi?

Fr 18:6; 56:4, 11; Ibr 13:6

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 30:1-9—Daawit Mootichi yeroo rakkinni cimaan isarra gaʼetti gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessee jajjabina argateera

    • Luq 22:39-43—Yesuus yeroo qorumsi cimaan isarra gaʼetti cimsee kadhateera, Yihowaanis akka isa jajjabeessuuf maleekaasaa ergeera

Gabaasa gaarii dhagaʼuu fi warra kaanitti himuun jajjabina nuuf argamsiisuu kan dandaʼu akkamitti?

Fak 15:30; 25:25; Isa 52:7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 15:2-4—Phaawulos ergamaa fi Barnaabaas gumiiwwan daawwataniif madda jajjabinaa taʼanii turan

    • 3Yo 1-4—Yohaannis maanguddichi namoonni inni misiraachicha barsiise amanamummaadhaan jiraachaa akka jiran dhagaʼuu isaatti baayʼee jajjabaateera