Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kadhannaa

Kadhannaa

Yihowaan kadhannaa akka dhagaʼuu fi deebii akka kennu akkamitti beekna?

Fr 65:2; 145:18; 1Yo 5:14

Dabalataanis Fr 66:19; HoE 10:31; Ibr 5:7 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Mo 18:36-38—Yihowaan kadhannaa Eeliyaas yeroo Gaara Qarmelos irratti raajota Baʼaalii wajjin falmaa turetti dhiheesseef yeruma sana deebii kenneera

    • Mat 7:7-11—Yesuus kadhachuu keenya akka itti fufnuu fi Yihowaan inni Abbaa jaalala qabeessa taʼe akka nu dhagaʼu nuuf mirkaneesseera

Kiristiyaanonni kadhannaa dhiheessuu kan qaban eenyu qofattidha?

Maqaa eenyuutiin kadhachuu qabna?

Yihowaan kadhannaa eenyuufaa dhagaʼa?

Yihowaan kadhannaa eenyuufaa hin dhagaʼu?

Fak 15:29; 28:9; Isa 1:15; Mik 3:4; Yaq 4:3; 1Ph 3:7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iya 24:9, 10—Balaʼaam wanta fedha Waaqayyoo wajjin wal faallessu waan gaafateef Yihowaan kadhannaa isaa dhagaʼuu dideera

    • Isa 1:15-17—Yihowaan sabnisaa fakkeessitoota waan taʼanii fi dhiiga waan dhangalaasaniif kadhannaa isaanii dhagaʼuu dideera

Xumura kadhannaa keenyaa irratti maal jenna? Maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun yeroo kadhannu akka teenyu, akka dhaabannu, akka jilbeenfannu ykn wantoota kanaa wajjin wal fakkaatan kaan akka goonu nu ajajaa?

Tajaajiltoonni Yihowaa waaqeffannaaf yeroo walitti qabaman waaʼee wantoota akkamii kadhachuu dandaʼu?

HoE 4:23, 24; 12:5

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Se 29:10-19—Daawit Mootichi yeroo Israaʼeloonni mana qulqullummaatiif kennaa kennanitti sabichaa wajjin kadhateera

    • HoE 1:12-14—Ergamoonni, obboloonni Yesuus, Maariyaam haati Yesuusii fi dubartoonni amanamoon tokko tokko walii wajjin kadhachuuf kutaa fooqii irraa Yerusaalem jiru keessatti walgaʼanii turan

Namni tokko yommuu kadhatu of tuuluu ykn warra kaan ajaaʼibsiisuuf yaaluu kan hin qabne maaliifi?

Nyaachuu keenya dura kadhachuun sirriidhaa?

Gara Abbaa keenya isa samiitti yeroo hunda kadhannaa dhiheessuu kan qabnu maaliifi?

Rom 12:12; Efe 6:18; 1Ta 5:17; 1Ph 4:7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Dan 6:6-10—Daaniʼel raajichi akkas yoo godhe, akka ajjeefamu yeroo doorsifamettillee utuma warri kaan isa arganii Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu hin dhiisne ture

    • Luq 18:1-8—Yesuus, Abbaan keenya inni qajeelaan kadhannaa tajaajiltoonni isaa gargaarsa argachuuf yeroo hunda dhiheessaniif deebii akka kennu ibsuuf, fakkeenya waaʼee abbaa murtii jalʼaa taʼee fi kadhannaa cimaa dubartiin tokko utuu walirraa hin kutin dhiheessiteef deebii kenne tokkoo caqaseera

Waaqayyo kadhannaa nuti dhiifama argachuuf dhiheessinu akka nuuf dhagaʼu yoo barbaanne ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

2Se 7:13, 14

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Mo 22:11-13, 18-20—Yosiyaas Mootichi waan gad of qabee fi Yihowaa gammachiisuu waan barbaadeef, Yihowaanis gara laafinaa fi gaarummaa guddaa isatti argisiiseera

    • 2Se 33:10-13—Minaasee Mootichi gad of qabuudhaan waan kadhateef, Yihowaan dhiifama isaaf godheera, akkasumas deebisee mootii isa godheera

Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

Fedhiin isaa akka raawwatamu akka barbaannu kadhannaadhaan Yihowaatti himuu kan qabnu maaliifi?

Kadhannaan keenya Abbaa keenya isa samiirratti amantii akka qabnu kan argisiisu taʼuu kan qabu maaliifi?

Kadhannaa keenya irratti wantoonni caqasuu qabnu tokko tokko kamfaʼi?

Maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼu

Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa bulchuuf akka dhufu

Fedhiin Yihowaa akka raawwatamu

Wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka nuuf kennu

Cubbuun keenya akka nuuf dhiifamu

Yihowaan qorumsarraa akka nu eegu

Galateeffachuuf

Fedhii Waaqayyoo beekuuf, akkasumas hubannaa fi ogummaa argachuuf

Fak 2:3-6; Flp 1:9; Yaq 1:5

Dabalataanis Fr 119:34 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Mo 3:11, 12—Yihowaan kadhannaa Solomoon Mootichi ogummaa argachuuf dhiheessetti gammadeera, akkasumas ogummaa hedduu isaaf kenneera

Hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu

Obboloota keenya ariʼatamni irra gaʼu dabalatee, namoota akkuma keenya Yihowaa waaqeffataniif kadhachuu

Jajachuu

Fr 86:12; Isa 25:1; Dan 2:23

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 10:21—Yesuus, Abbaansaa dhugaa hafuuraa namoota akka ijoollee gad of qabaniif ibsuu isaatti, namoota duratti isa jajateera

    • Mul 4:9-11—Maatiin Yihowaa warri samiirra jiraatan ulfinaa fi kabaja guddaa isa isaaf malu isaaf dhiheessu

Namoonni aangoo qaban nagaadhaan akka Yihowaa waaqeffannuu fi namootaaf akka lallabnu akka nuuf heyyaman akka kakaasu Yihowaa kadhachuu

Mat 5:44; 1Xi 2:1, 2

Dabalataanis Er 29:7 ilaali

Namni tokko yeroo cuuphamutti kadhachuun isaa sirriidhaa?

Namoota gama hafuuraatiin dhukkubsataniif kadhachuun sirriidhaa?

Dhiironni utuu mataa hin haguuggatin kan kadhatanii fi dubartoonni yeroo tokko tokko mataa isaanii haguuggatanii kan kadhatan maaliifi?

Kadhannaa dheeraa dhiheessuu ykn miiraan kadhachuu caalaa wanti barbaachisaa taʼe maalidha?

Fru 3:41; Mat 6:7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Mo 18:25-29, 36-39—Qormaata Eeliyaas isaaniif dhiheesseen kan kaʼe, raajonni Baʼaal saʼaatii hedduuf waaqa isaanitti kadhannaa kan dhiheessan taʼus deebii tokkollee hin arganne

    • HoE 19:32-41—Namoonni Efesoon waaqolii tolfamoo waaqeffatan saʼaatii lamaaf waaqayyittii Arxemiisitti kan iyyatan taʼus, deebii hin arganne, kanaa mannaa, barreessaan magaalichaa isaanitti dheekkameera