Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummoota

Mootummoota

Mootummaan Kiristiyaanonni dhugaan isaaf amanamaa taʼuu fi garaa guutuudhaan deggeruu qaban isa kami?

Mat 6:9, 10, 33; 10:7; 24:14

Dabalataanis Dan 7:13, 14 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fr 89:18-29—Mootiin Mootummaa Masiihichaa eenyu akka taʼe ibsameera, Yihowaan bulchitoota hundarratti aangoo isaaf kenneera

    • Mul 12:7-12—Jalqaba guyyoota dhumaatti Mootiin Mootummaa Masiihichaa bulchuu jalqabeera, akkasumas Seexanni samii keessaa gad darbatameera

Duuka buutonni Kiristoos dibamoo taʼan lafarratti Mootummaa Waaqayyoo kan bakka buʼan akkamitti?

Kiristiyaanonni aangawoota ni kabaju

Seera mootummaaf kan ajajamnuu fi qaraxa kan kaffallu maaliifi?

Rom 13:1-7; Tit 3:1; 1Ph 2:13, 14

Dabalataanis HoE 25:8 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 22:15-22—Yesuus gaaffii, ‘Duuka buutonnisaa qaraxa kaffaluu qabumoo hin qaban?’ jedhuuf ogummaadhaan deebii kenneera

Yommuu ariʼatamni nurra gaʼuttillee haaloo baʼuu kan hin qabne maaliifi?

Yoh 18:36; 1Ph 2:21-23

Dabalataanis “Ariʼatama” isa jedhu ilaali

Kiristiyaanonni walaba taʼanii jiraatu

Kiristiyaanonni abbootiin taayitaa ajaja Yihowaa akka cabsan yoo isaan gaafatanillee tole akka hin jenne kabajaan kan ibsan maaliifi?

HoE 4:18-20; 5:27-29

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Dan 3:1, 4-18—Dargaggoonni Ibroota taʼan sadan seera warra Baabiloniif ajajamuu didaniiru, kana kan godhanis Seera Waaqayyoo wajjin waan wal faallessuufi

    • Dan 6:6-10—Daaniʼel raajichi inni maanguddoo ture, seera mootummaan baasee fi akka hin kadhanne isa dhowwuuf ajajamuu dideera

Siyaasa keessa galuu dhiisuu ilaalchisee Yesuus duuka buutota isaaf fakkeenya kan taʼe akkamitti?

Waaqolii tolfamoo ilaalchisee Seerri Waaqayyo baase, Kiristiyaanonni walaba taʼanii akka jiraatan kan isaa gargaaru akkamitti?

Bau 20:4, 5; 1Qo 10:14; 1Yo 5:21

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Dan 3:1, 4-18—Nebukadnezaar Mootichi, tarii siidaa waaqa tolfamaa Merodaak taʼuu dandaʼa, siidaa tokko dhaabee ture, achiis uummanni biyyichaa hundi siidaa kana akka waaqeffatan ajajeera

Seerri buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu, Kiristiyaanota waraana irratti akka hirmaatan ajajaman gargaaruu dandaʼu isa kami?

Isa 2:4; Yoh 18:36

Dabalataanis Fr 11:5 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 26:50-52—Yesuus duuka buutonnisaa waraana irratti akka hin hirmaanne ibseera

    • Yoh 13:34, 35—Kiristiyaanni tokko akkas jedhee of gaafachuu dandaʼa: ‘Waraana biyya kan biraa irratti banamurratti hirmaachuudhaan, tariimmoo obboloota koo miidhaa ykn ajjeesaan jira taanaan, ajaja Yesuus kenne kana hojiirra oolchaan jira jechuun ni dandaʼamaa?’

Kiristiyaanonni mormii mootummaa irratti geggeeffamu irratti kan hin hirmaanne maaliifi?

Kiristiyaanonni mootummaa irratti fincila kaasaa ykn nagaa biyyaa booressaa jiru jedhamanii yommuu sobaan himatan ajaaʼibsiifamuu kan hin qabne maaliifi?

Luq 23:1, 2; Yoh 15:18-21

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 16:19-23—Phaawulos ergamaa fi Silaas misiraachicha lallabuu isaaniitiin kan kaʼe rakkinni isaanirra gaʼeera