Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qalbii

Qalbii

Yihowaan nama hundumaaf qalbii akka kenne wanti argisiisu maalidha?

Rom 2:14, 15

Dabalataanis 2Qo 4:2 ilaali

Namni tokko wanta dogoggoraa raawwachuu isaa yeroo itti fufu qalbiin isaa maal taʼa?

1Xi 4:2; Tit 1:15

Dabalataanis Ibr 10:22 ilaali

Wanti hojjechaa jirru sirrii akka taʼetti amanuun qofti gaʼaadhaa?

Yoh 16:2, 3; Rom 10:2, 3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 18:1-3; 19:1, 2—Yoshaafaax mootichi, Ahaab mooticha isa hamaa gargaaruu isaatti Yihowaan isa adabeera

    • HoE 22:19, 20; 26:9-11—Phaawulos ergamaan, duuka buutota Kiristoos ariʼachuu fi ajjeesuun sirrii akka taʼetti yaadaa akka ture ibseera

Qalbii keenya sirriitti leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

2Xi 3:16, 17; Ibr 5:14

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 24:2-7—Qalbiin Daawit Mootichaa, Saaʼol Mooticha isa Yihowaan dibetti kabaja akka argisiisu isa kakaaseera

Namoonni cubbamoota taʼan Waaqayyo duratti qalbii qulqulluu qabaachuu kan dandaʼan akkamitti?

Efe 1:7; Ibr 9:14; 1Ph 3:21; 1Yo 1:7, 9; 2:1, 2

Dabalataanis Mul 1:5 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Isa 6:1-8—Yihowaan Isaayyaas Raajichaaf cubbuu isaa akka isaaf dhiisu isaaf mirkaneesseera

    • Mul 7:9-14—Humni aarsaan Kiristoos dhiheesse qulqulleessuuf qabu, tuutni uummataa guddaan Yihowaatti akka michoomu taasiseera

Qajeelfama qalbiin keenya inni dubbii Waaqayyootiin leenjiʼe nuuf kennu hordofuu kan qabnu maaliifi?

HoE 24:15, 16; 1Xi 1:5, 6, 19; 1Ph 3:16

Dabalataanis Rom 13:5 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 2:25; 3:6-13—Addaamii fi Hewaan qalbii isaanii utuu hin dhaggeeffatin hafaniiru, boodas Waaqayyoof utuu hin ajajamin waan hafaniif qaanaʼaniiru

    • Nah 5:1-13—Nahimiyaa inni bulchaa ture, qalbii Yihudoota seera Waaqayyoo cabsanii fi dhala guddaa sabicha irraa fudhachaa turanii dammaqsuuf carraaqqii godheera

Obboleessa ykn obboleettii qalbiin isaanii sirriitti hin leenjine akka hin gufachiisne of eeggachuu kan qabnu maaliif?

Qalbii keenya ilaalchisee galma akkamii qabaachuu qabna?