Waaqayyoof Amanamaa Taʼuu
Amanamoo taʼuu jechuun maal jechuudha?
Fr 18:23-25; 26:1, 2; 101:2-7; 119:1-3, 80
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Lew 22:17-22—Yihowaan horiiwwan aarsaadhaaf dhihaatan “mudaa kan hin qabne,” fayyaa ykn guutuu taʼuu akka qaban ajajee ture; yaadni “mudaa kan hin qabne” jedhu jecha Ibrootaa “amanamummaa” jedhamee hiikame wajjin walitti dhufeenya qaba. Kanaafuu amanamummaan Yihowaaf guutummaatti buluu dabalata
-
Iyo 1:1, 4, 5, 8; 2:3—Jireenyi Iyyoob akka argisiisutti namni tokko amanamaa taʼuuf, Yihowaaf kabaja guddaa qabaachuu, garaadhaa isa waaqeffachuu fi wanta ija Isaa duratti gadhee taʼerraa fagaachuu qaba
-
Waaqayyoof amanamoo taʼuu kan qabnu maaliifi?
Wanti amanamummaa keenya eeguuf nu kakaasu maalidha?
Dabalataanis Fak 27:11; 1Yo 5:3 ilaali
Amanamoo taʼuu fi amanamummaa keenya eeggannee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
Dabalataanis Kes 5:29; Isa 48:17, 18 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Iyo 31:1-11, 16-33—Iyyoob jireenya isaa guutuu amala gadheerraa fagaachuudhaan, akkasumas gaarummaa fi ulfinaan namoota qabuudhaan amanamuudhaan jiraateera. Yihowaa qofa waaqeffateera, qabeenya caalaas hariiroo Yihowaa wajjin qabuuf dursa kenna ture
-
Dan 1:6-21—Daaniʼelii fi michoonni isaa sadan namoota Yihowaa hin waaqeffanneen kan marfaman taʼus, nyaata yommuu filatanittillee amanamoo turan
-
Namni tokko irra deddeebiʼee cubbuu cimaa erga hojjetee booda deebiʼee amanamaa taʼuu dandaʼaa?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
1Mo 9:2-5; Fr 78:70-72—Daawit Mootichi cubbuu isaarraa waan yaada geddaratee fi dhiifama waan argateef, Yihowaan nama amanamaa akka taʼetti isa ilaaleera
-
Isa 1:11-18—Yihowaan sabni isaa fakkeessitootaa fi cubbamoota akka taʼan kan isaanitti hime taʼus, yaada yoo geeddaratanii fi wanta hamaa raawwachuu yoo dhaaban guutummaatti akka isaan qulqulleessu waadaa isaaniif galee ture
-