Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesuus Kiristoos

Yesuus Kiristoos

Yesuus kaayyoo Yihowaa galmaan gaʼuu irratti gaʼee akkamii qaba?

HoE 4:12; 10:43; 2Qo 1:20; Flp 2:9, 10

Dabalataanis Fak 8:22, 23, 30, 31; Yoh 1:10; Mul 3:14 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 16:13-17—Pheexiros ergamaan Yesuus, Ilma Waaqayyoo fi Kiristoos akka taʼe ibseera

    • Mat 17:1-9—Yesuus ergamoota isaa sadan duratti jijjiirameera, akkasumas Yihowaan samiirraa waaʼee Ilma Isaa dubbateera

Yesuusiin wanti namoota kaan irraa adda godhu maalidha?

Yoh 8:58; 14:9, 10; Qol 1:15-17; 1Ph 2:22

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 21:1-9—Yesuus harree irra taaʼee Yerusaalemitti seenuun isaa, raajiin waaʼee Masiihii isa Mootii Yihowaan filatee ibsu akka raawwatamu taasiseera

    • Ibr 7:26-28—Phaawulos ergamaan, Yesuus inni Luba Olaanaa Guddicha taʼe, luboota olaanoo hunda irraa akkamitti akka adda taʼe ibseera

Dinqiin Yesuus raawwate waaʼee isaa fi waaʼee Abbaasaa maal nu barsiisa?

Yoh 3:1, 2; 5:36

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 4:23, 24—Yesuus jinniiwwanii fi dhukkuba hunda irratti humna akka qabu argisiiseera

    • Mat 14:15-21—Yesuus daabboo shanii fi qurxummii lama baayʼisuudhaan dinqiidhaan namoota kuma hedduu sooreera

    • Mat 17:24-27—Yesuus namni kamiyyuu akka hin gufanneef, Pheexiros qarshii gibira mana qulqullummaatiif kaffalu dinqiidhaan akka argatu godheera

    • Mar 1:40, 41—Yesuus rakkina namni dhukkuba nadaayiidhaan qabame tokko keessa jiru ilaalee garaa isaaf laafuudhaan isa fayyiseera; kunimmoo warra dhukkubsatan fayyisuuf fedhii akka qabu argisiisa

    • Mar 4:36-41—Yesuus obomboleettii cimaa tasgabbeesseera; kunimmoo Abbaan isaa dandeettii haala qilleensaa toʼachuu akka isaaf kenne argisiisa

    • Yoh 11:11-15, 31-45—Yesuus michuun isaa Alaazaar duʼuu isaatti booʼeera; achiis Alaazaariin duʼaa kaasuudhaan duʼaa fi miidhaa inni geessisu akka jibbu argisiiseera

Barumsi Yesuus maal irratti kan xiyyeeffate ture?

Amaloonni gaggaariin Yesuus yeroo lafa irra turetti argisiise tokko tokko kamfaʼi? Amaloota kana akka qabu kan argisiise akkamitti akka taʼe hubadhu

Kan itti dhihaatamu—Mat 13:2; Mar 10:13-16; Luq 7:36-50

Gara laafessa; araara qabeessa —Mar 5:25-34; Luq 7:11-15

Ija jabeessa—Mat 4:2-11; Yoh 2:13-17; 18:1-6

Kan gad of qabu—Mat 11:29; 20:28; Yoh 13:1-5; Flp 2:7, 8

Jaalala qabeessa—Yoh 13:1; 14:31; 15:13; 1Yo 3:16

Kan ajajamu—Luq 2:40, 51, 52; Ibr 5:8

Ogeessa—Mat 12:42; 13:54; Qol 2:3

Yesuus lubbuu isaa aarsaa kan godhe maaliifi? Aarsaan isaa kan nu gargaaru akkamitti?

Yesuus Kiristoos samii irratti Mootii taʼee bulchaa jiraachuu isaatti gammaduu kan qabnu maaliifi?

Fr 72:12-14; Dan 2:44; 7:13, 14; Mul 12:9, 10

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fr 45:2-7, 16, 17—Faarfannaan kun Mootiin Waaqayyo filate, diinota isaa hunda akka injifatuu fi dhugaa, gad of qabuu fi qajeelummaadhaan akka bulchu argisiisa

    • Isa 11:1-10—Yesuus yommuu Mootii taʼee bulchutti, lafti jannata nagaa qabdu taati

Yesuus dhiheenyatti maal godha?