Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 4

Seexana Dhaga‵uunsaanii Rakkina Akkamii Fide?

Seexana Dhaga‵uunsaanii Rakkina Akkamii Fide?

Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof waan hin abboomamneef duʼaniiru. Uumama 3:6, 23

Hewwaan wanta bofni jedhe dhageessee ija mukaa sanarraa nyaatte. Addaamiifis kan kennite siʼa taʼu, innis ni nyaate.

Wanti isaan raawwatan kun dogoggora, jechuunis cubbuu ture. Kanaaf Waaqayyo Jannata keessaa isaan ariʼe.

Sana booda isaaniifis taʼe ijoolleesaaniitiif jireenyi ulfaataa taʼe. Boodas dulloomanii duʼan. Yeroo duʼan jireenyaa ala taʼani malee, gara addunyaa hafuuraa hin dhaqne.

Namoonni duʼan biyyoo taʼu. Uumama 3:19

Hundi keenya sanyii Addaamiifi Hewwaan waan taaneef ni duuna. Namoonni duʼan ilaaluu ykn dhagaʼuu ykn waa gochuu hin dandaʼan.—Lallaba 9:5, 10.

Yihowaan namoonni akka duʼan hin barbaadu. Kanaaf, yeroo dhihootti namoota duʼan duʼaa ni kaasa. Namoonni kun yoo isa dhaggeeffatan barabaraaf jiraatu.