KUTAA 5
Bara Bishaan Badiisaatti Waaqayyoon Kan Dhaggeeffatan Eenyufaʼi? Kan Hin Dhaggeeffannehoo?
Namoonni bara Nohi hedduun waan gadhee hojjetu turan. Uumama 6:5
Addaamiifi Hewwaan ijoollee godhatan; namoonnis lafarratti ni baayʼatan. Yeroo boodas, ergamoonni Waaqayyoo tokko tokko Seexana isa Yihowaarratti kaʼe duukaa buʼan.
Isaan intaloota ilmaan namootaa fuudhuuf gara lafaa dhufanii foon uffatan. Dubartoonni kun, ijoollee dhiiraa namoota kaanirra humna guddaa qabaniifi hamoota taʼan godhatan.
Kanaan kan kaʼes, biyyi lafaa namoota wantoota hamaa raawwataniin guutamtee turte. Macaafni Qulqulluun, ‘Jalʼinni namaa lafarratti akka baayʼateefi wanti namni guyyaa hundumaa garaasaatti yaadee qopheessu hundinuus jalʼaa duwwaa akka taʼe’ ibsa.
Uumama 6:13, 14, 18, 19, 22
Nohi Waaqayyoon dhaggeeffachuudhaan markaba hojjeteera.Nohi garuu nama gaarii ture. Yihowaan namoota hamoo sana bishaan badiisaa guddaadhaan akka balleessuuf jedhu Nohitti hime.
Kana malees, Waaqayyo bidiruu guddaa markaba jedhamu hojjetee maatiisaafi bineensota hundumaa akka itti galchu Nohitti hime.
Nohi Bishaan Badiisaa akka dhufu namoota akeekkachiisus, utuu isa hin dhaggeeffatin hafaniiru. Namoonni tokko tokko isatti kolfu turan; kaanimmoo isa jibbu turan.
Nohi markaba sana ijaaree erga xumuree booda, bineensota itti galche.