Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 10

Warri Yihowaa Dhaggeeffatan Eebba Akkamii Argatu?

Warri Yihowaa Dhaggeeffatan Eebba Akkamii Argatu?

Namoota duʼan keessaa garri caalaan duʼaa kaʼanii lafarra jiraatu. Hojii Ergamootaa 24:15

Yihowaa kan dhaggeeffattu yoo taʼe eebba akkamii akka argattu mee yaadi! Achi keessatti namni dhukkubsatuufi hirʼina qaamaa qabu waan hin jirreef, fayyaa guutuu qabaatta. Namoonni hamoon waan hin jiraanneef, namoota hundumaa amanuu dandeessa.

Dhukkubni, gaddi ykn booʼichi hin jiraatu. Namni dulloomuufi duʼus hin jiru.

Michootakeefi miseensota maatiikee gidduu jiraatta. Jannata keessa jiraachuun baayʼee nama gammachiisa.

Wanti nama sodaachisu hin jiraatu. Namoonni gammachuu dhugaa argatu.

Mootummaan Waaqayyoo dhiphina hunda ni balleessa. Mulʼata 21:3, 4