Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 9

Lafti Jannata Kan Taatu Yoomi?

Lafti Jannata Kan Taatu Yoomi?

Rakkinni lafarraa, Mootummaan Waaqayyoo dhihootti tarkaanfii akka fudhatu argisiisa. Luqaas 21:10, 11; 2 Ximotewos 3:1-5

Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman hedduun yeroo ammaatti raawwatamaa jiru. Namoonni horii kan jaallatan, warrasaaniitiif kan hin abboomamne, warra namatti hin madaqneefi warra waan isaan gammachiisu jaallatan taʼu.

Sochoʼi lafaa gurguddaan, waraanni, beelliifi dhaʼichi ni taʼa. Wantoonni kun yeroo ammaatti raawwatamaa jiru.

Yesus, misraachoon Mootummichaa guutummaa biyya lafaarratti akka lallabamus dubbateera.—Maatewos 24:14.

Mootummichi, hammeenya hunda ni balleessa. 2 Phexros 3:13

Yihowaan yeroo dhihootti namoota hamoo taʼan hunda ni balleessa.

Seexanniifi hafuuronni hamoon ni adabamu.

Namoonni Waaqayyoon dhaggeeffatan, badiisarraa oolanii addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufate keessa jiraatu; addunyaa sana keessa sodaan hin jiraatu; kanaa mannaa namoota wal amananiifi wal jaallataniin kan guutame taʼa.